15/12/2019
yeroo lama dulloome!
ODP'n party yeroo ammaa kanatti biyya hoogganaa jiru ta'uunsaa waan nama shakkisiisuu miti.dhaabni kuni erga hooggansa isaa eegalerraa jalqabee diina oromoo hamaa ta'uun isaas beekkamaadha.haala kamiin keessayyuu haa darbuu baroota jaallee Lammaa Magarsaa hoogganaa turanitti xiqqoo fuula isaa gara ummataa isaa deebisee of haaromsee ture,erga Lammaan aangoo mootummaa naannoo irraa kaafamanii booda deebi'ee dulluma isaa lammaffaatti deebi'e.kanaaf immoo ragaan qabatamaan jiru
1 garaa guuttatuuf qabsaa'aa fi abbaa qeerroo akka isaan garaa isaaniitiif osoo hin taane ummata isaaniif hojjatan isaan taasisurratti yaalii ajjeechaa raawwachuu
2 lubbuu barattoota oromootiin worra isaaniif dhiirsaa,oromoof diinaa ta'e wojjiin jiraachuu
3 aanga'oonni isaanii hojii ummataa dhiisanii fuula feesbuukii banachuun ummata ofii hooggananii fi qabsaa'ota dhugaa tokko tokko (jawaar) arrabsaa ooluu (girrisa) fi kkf yoo ta'u isa 3ffaa kanaaf Taayyeen gahee guddaa isa salphisu taphataa jira.namni biyya hoogganu tokko yeroo diimokraasiin gadi haa dhaabbatu jedhamu keessatti ummata ofumaa hoogganan arrabsuun yaadaa fi amala gadhummaa fi wallaalumaa irraa madduudha.kanaaf ODP'n hanga amala namticha kanaa sirreessutti ykn miseensummaa dhaabaa gad lakkisiisutti akkuma amala isaa isa durii ummata oromootiif dhaaba isa hoogganu osoo hin taane dhaaba isa saamu,gabroomfatu,diina ta'ee diina woliin ummata oromoo lafarraa barbadeessuuf deemaa jiru ta'ee akka diina ummata oromoo isa jalqabaatti laallamuun isaa waan hin oolleedha(hafneedha).Taayyeen hojii ummata dhiisee aanga'oota isaa faarsuu,ummata fi hayyota oromoo arrabsuu irratti kan fuulleffateef
1 Aangoo dabalatuu fi umrii aangoo dheereffatuu waan barbaaduu fi hawwuuf
2 yoo jawaariin faallaa ta'ee argamee ilmaan nafxanyaatiin deeggarsa nan argadha jedhee waan yaaduuf
3 tuffii ummata oromoo irraa waan qabuuf ummata oromoo akka ummata saba biraatii (fkn amaara)gaditti waan laaluuf
badduun saree gara ofii nyaatti.