30/08/2025
?
Warra qalbiin hubannaa isanii akka Liidiyaatti banameef(Hoe 16:11-) Waaqummaa fi gooftummaa Yesus hubachuuf barreeffama gabaabaa kana dubbisuun qofti ga'aadha.
Yesus inni Waaqa ture, inni foon uffatee gara biyya lafaa dhufe, inni du'e, inni du'aa ka'e, inni bara baraan mo'ee jiraatu Isa barootaan dura ture sanaadha. Yesus Nama guutuu, Waaqa guutuudha..
Yesus erga du'aa ka'een booda ulfina guddaadhaan gaafa ergamaa Yohaannisitti of muldhese sanaatti, Yohaannisis ulfina guddaan Yesusin arguu isaarran kan ka'e dura dhaabbachuu dadhabee akka nama du'eetti miilla isaa jalatti gaafa kufu Yesus immoo ifaan ifatti isa jajjabeessee Du'ee kan ture garuummoo sichi deebi'ee kan hin duune, bara baraan kan jiraatu, Waaqa, Gooftaas akka ta'e, kan ture fi darbee kan jiraatu ta'uu isaa kutaa afaan isaatiin ifatti dubbate keessaa kutaan armaan gadii kun isa tokkoodha..
"...Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, "Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana;
inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba."
(Mul 1:17-18
Hub; Inni ture(Inni duraa), inni jiraatu(Inni boodaa) kan jedhame Waaqayyo qofaaf malee nama fooniif jedhamee hin beeku. Kanaaf Yesus Waaqa ta'uu isaa ifatti dubbachuu isaati.
Dubbisa dabalataa.(Yohannis 1:1-3, 1:6-13, 1:14, 10:30-33, 11:25-26, 14:6, Hoe 4:12, Qol 1:15-18, Mat 28:20, 1Yoh 5:20, Fil 2:5-9, Ibr 1:1-3, Mul'ata Yohaannis 1:4, 1:8, 21:6, 22:13, 4:8, His 1:28, Dan 8:17-18, Isa 41:4, Mat 14:17....)
Haleeluyya Yesus inni Waaqa ture, Inni sababa cubbu keenyatiif foon uffatee nama ta'e, Inni nu fayyisuf jedhee fannifame, inni du'ati of laatee du'ee du'a diige ka'e, Inni karaa jireenya bara baran nuuf ta'e, Inni ture fi inni bara baraan jireetu Goftaa fi fayyina keenya wan ta'eef galanni isaf ha ta'u.