Kiyyoo Waada

Kiyyoo Waada Good fine

Wajiirri poolisii aanaa Mi'eessoo guyyumaa guyyaan hojii seenaa qabeessaa adda adda hojaacha jira. Hogaansi ummata isaa ...
06/02/2026

Wajiirri poolisii aanaa Mi'eessoo guyyumaa guyyaan hojii seenaa qabeessaa adda adda hojaacha jira.

Hogaansi ummata isaa itti dhiheenya fi iftoominaan tajaajiluu cinaa yeroo hundaa ni dhaabanna. Hojii boonsaa Inspector Ahimaddin Kedir aanaa keenyaa keessaatti hojjachaa jiruun godhinna Harargee Baha attracted gochuun miseensoota poolisii isaa fidee muxaanno fi jaalalaan hawaasni hoggansaa sirriitif qabu irraa qoodatani jiran. Ammallee wadafit jannee jirraa 🙌

05/02/2026

03/11/2025

DIRREE DHAWAA!

Araddaan Afran-qalloo
Onni Baabbilee’f Alaa,
Qe’een Oborraa’f Dagaa
Isheen Oromoof dhalaa,
Seenaafi seera kamiin
Somaalee jala galaa..?

Ulfoo jaalala malee
Jibbi si keessa'n jirre
Biiftuu barii Oromoo
Dirree Dhawaa, yaa dirree..

Dhawaa Elemoo Muudee
Ka’umsa maqaa keetii
Ormi akkamiin dagattee
Si’iin nu saamuu feetii?

Seena qabeettii lafaa
Manguddoo umriin qaataa
Handhuuraa Oromootaa
Kan ormaa akkamiin taata?
•••
Guddina kee inaafee
Oromummaa siin jibbee,
Warri har’a si saamuuf
Rukuchiifatu dibbee,

Dhangaggoo fi Calanqoo
Qullubbiif Haramaayaa
Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo
Ollaakee eessa kaayaa?

Uumaatoo keenya godhee
Nuun marsee si diriirsee,
Alagaan maaf dhama’a?
Daba kuma hiriirsee...
•••
Dahoon guyyaa rakkinaa
Goototaaf wabii taate,
Gucni aartii Oromoo
Dungoon dukkana-baate,
Gaazni qabsoo sabichaa
Qaanqeen jalqaba kaate,

Dirreen; dirri Oromoo
Dirmammaa’ee dhaanamaa
Qe’een uumamaan keetii
Alagaatti waamamaa?

Osoo argaa dhageessuu
Cuqqaalamtee teessaaree?
Ormaaf golaa gad-baatee
Diinqa kankee keessaaree?

Gaaffiin koo dhalootaafi
Deebii isiniifan dhiisaa,
An waa-koo ormaa'n kennu
Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa!

✍️.... Riyaad Raayyaa tiin.

29/10/2025

Caffeen Oromiyaa magaaloota Finfinnee Dirree Dhawaa Harar moyyaalee fi Walloo irratti sagalee kennuu dubbii xumura itti gadha jannee abdanna...!! Pirezidantii Shimallis carraa lootarii argame kanatti ni fayyadama jannee eegna...!! 🙂

29/10/2025

Dirre Dawan Seeranis Heeranis Taa Oromooti Kana Namni Kamuu Akka Beeku Qaba Dhugaan Hadhooytus Liqimsi!

Address

Mieso
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kiyyoo Waada posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Kiyyoo Waada:

Share