17/04/2026
♦️Yaadakoo
Hanga dhumaatti dubbisii hubadhu👇
'n Sirbisaa chigoon dabaalee akka sabaatti nu arrabse jennee yaada kaasaa jirra. Tole haa ta'u, asirratti xiqqoo yaadakoon kaasa👌
♦️ keenyaaf:- TEDYn artistiidha. Artistiin ammoo yaadaaf ilaalcha qabu (Miira, sirnaafi siyaasa) walaloofi yeedalloon dabaalee miira keessa isaa jiru baasee ibsata. Kun hojii gaariis ta'u badaa artistii sabaaf sablammiin kamiyyuu raawwatudha. Akkuma beekamu TEDY'n ammoo sabaan Amaara, durii kaasee ilaalchi fi hawwiin isaa sirna abbootii isaanii durii [biyya tokko (immiyyee), Afaan tokko (Amaariffa), amantii tokko (Ortho), siyaasa tokko (sirna minilik), Alaabaa tokko(💚💛❤️) fi olaantummaa saba tokkoo leellisa.
♦️Tole, akka sabaatti irraa duraan kan argattan turree amma kan dhabne jiraa? Dur nu leellisaa turee? Maal irraa eeggataa turtan? Maal jedhee akka siniif sirbu barbaaddan? Moo Oromoo gaafatee sirba baasuu qaba? Akka ciminakee sirbu yaaddaa? Moo akka siyaasaafi ilaalchakee jaallatu barbaadda? Maaliif Titiisa irraa damma eegda? Tole yaa ta'u ~ormi na jibbe jettanii kan boochan akkam Oromoon hoo Oromoo jaallataa jiraa? Ni kunuunsaa? Lammii koo jedhee harka walirra qabaa? Inni afaan tokko dubbataa dhiiga wal boochisu eenyu? FINFINNEE taa'ee Wallaggaatti, Shawaatti, Jimmatti, Gujiitti, Harargeetti, Arsii fi Baaleetti TEDY'tu Oromoo miidhee? Isatuu..... Lakki, simatuu suma miidhe. Utuu wal cabsituu, utuu wal jibbituu akkamitti Ormarraa jaalala eeggatteree? Dura tokkummaa uumi~wal jaalladhuu orma komadhu~Yoo wal cabsituu, Ormi sitti Caccabsa~Ormi duruu Ormaa~titiisarraa hin eegiin damma~Artiidhaaf Artiin deebisi, garuu budaa mana keessaa irra waraabessa bakkee wayyaa👌
♦️ :- TEDYn FINFINNEE walakkaa taa'ee Sirba isaa keessatti : Biyyatuu nurraa diigame, dadhabbii abboota keenyaatuu bade"~ jedhee sirbe. Tole eessa biyyi diigamte? Biyya isuma kanamoo bakka biraati? Mootummaan hoo jira moo hin jiru? qax goonee barcumarra keenyee utuu jirruu~Dadhabbiin abboota isaanii bishaanitti naqame sun isa kami? Biyya diigamteefi dadhabbii bade sana eenyuu gaafachuu danda'a?
♦️Walumaagalatti, Biyya alaabaafi aaasxaa mataa ishii qabdu keessatti TEDY'n 4K jala taa'ee alaabaa humna faallaa mootummaa dhaabatu ( ) 💚💛❤️ deebisna jechuun leelliseera. Akkamitti? Sodaatameetu moo tuffatameetu dhiifame? Amma utuu Oromootu alaabaa humna faallaa mootummaa fayyadame sirbe ta'ehoo? Akkasuma callifamaa? Seerri walirratti jabeessinu sun orma biratti maaliif laafe? "Madaa keenyatuu bakka bade malee silaa ni dhofkanna " jedhe J*ldeessi😔
Seerri haa kabajamuun dhaamsa kooti~SHARE👌