26/03/2024
# # # # # Ogummeessuu jechuun: # # # #
»Omishni omishamuu fi tajaajillii kennamu gahumsa ogummaa irratti kan hundaa’e akka ta’u, tooftaa adda addaa fayydamuudhaan leenjii qulqullina qabaatee dandeetti gonfachiisuu danda’u, itti fufinsaan kennuun lammii ogummaa isaatiin ofitti amanaa ta’e, fedhii, kaka’umsaa, namuusa ogummaan barbaaduu, aadaa jaalala fi kabajaa hojii qabaatee misooma gama hundaanuu taasifamu keessatti bu’aa galmeessisuu danda’u horachuun Oromiyaa ogummaa fi oggeessa dorgomaa te’een misoomte arguu jechuudha.
»Lammii oggeessa ta’ee, fedhii gabaa humna namaatiif jiru (sadarkaa naannoo, biyyaa fi adunyaa) keessatti dorgommaa ta’uudhaan hojii irratti bobba’e hundaan jijjirama fiduu isaatiin ijaarsa maqaa gaarii/good will/ naannoo keenyaatiif gahee isaa bahuu danda’u horachuun adunyaa gabaa irratti bobbassuu jechuudha. Laammii bakka argame hundatti olantummaa hojii isaatiin ambaasaadara nannoo/biyyaa ta’uu danda’u horachuu jechuudha.
»Lammii aadaan hojiisaa jijjiramee misooma gama hundaanuu taasifamaa jiruu keessatti hirmaanaa ol’aanaa taasiisuudhaan, itti fufinsa guddina naannoo/biyya keenyaatiif gumaacha taasiisuu danda’u uumuu jechuudha.
»Guddina teeknoolojii adunyaa irratti taasifama jiru keessatti fayadamummaan lammilee keenyaa mirkanaa’aa akka deemuu taasiisuuf hojjechuu jechuudha;
»Lammii filannoo qabaatee, carraa hojii adda addaa irratti dorgommaa ta’uun hojiitti galuu danda’u, hojii keessatti jijjirama amansiisaa ta’e fiduu danda’amuu isaatiin guddina hawaas-dinagdee itti fufnisa qabu galmeesiisaa deemuuf gumaacha taasiisuu danda’u horachuu
»Lammii Jaarraa 21ffaa kana keessatti dorgomaa ta’uu danda’u baayyinaa fi qulqullinaan horachuun Carraa hojii jiru irratti bobbaassudhaan galiin isaa dabalee badhaadhina nama dhuunfaa fi maatii mirkaneesssuu;
»Lammii ogummaawaa ta’e oomishaa fi omishtummaa dabaluudhaan qabeenya horachuufi bulchuu danda’u horachuun hiyyummaa xiqqeessuu;
»Lammii diinagdee biyyaa guddisuuf kutannoodhaan hojjechuu danda’u uu