17/08/2025
Dhaangaa darbuu Gara jabummaa amma geggeeffama jiru yoo ilaaltu of-jibbita maalumaafan dhaladhee si jechisiisa.
Maqaa waraana bilisummaa da'oo godhachuun sirna ummata Oromoo dararuu kana dura dhabbachuun barbaachisadha.
Waraanni kaayyoo ijaarameef irraa maquun kaayyoo mana ba'eef dura yeroo dhabbatu erga arguu jalqabnee bubbullee jirra sana amma iddootti deebisuuf. ummanni Gamtoominaan dhabbachuun barbaachisaadha.
Qamni Oromoof gammoojjii somaliyaa hanga gammoojjii sudaani akkasumas Ertiraa keessa lubbuu isaa aarsaa godhe qabsa'aa ture yeroo daandii irra maqee dhiiga ilmaan nagaa gafaa dhangalaasuu caala kan nama saalfachiisuu hin jiru. Kun ammoo kaayyoo dagachuu irra maddaa.
Kaayyoo Ganamaa sanatti deebi'uun barbaachisaa natti fakkaata.