10/09/2026
BAGA ITTIIN ISIN GA’E BARA HAARAA 2019!
Hundumaa duraa Waaqayyoo inni karaa hundumaatiin nu gargaaree baroota irratti bara nuuf dabaleef galanniifi Huuqubaan, ulfinni haata’u!
Kabajamtoota Maatii, Hiriyoota, Barattoota, Hojjettoota, Deeggertoota fi Michoota kollejjii Abbaa Seenaa,
Bara haaraa 2019 isiniif, maatii keessaniif, akkasumas biyya keenyaaf bara nagaa, eebbaa, guddinaa fi milkaa’inaa akka ta’u hawwii koo isa guddaa isiniif dabarsa.
Jalqaba irratti, bara darbe keessatti jaalala, kadhannaa, deeggarsa, amanamummaa fi tumsaan Kolleejjii Abbaa Seenaa waliin dhaabbattaniif garaa guutuudhaan isin galateeffadha.
Kolleejjiin Abbaa Seenaa dhaabbata barnootaa qofa miti. Dargaggootaaf beekumsa, ogummaa, naamusa, ofitti amanamummaa fi carraa jireenyaa ijaaruuf kan dhaabbate dha.
Bara 2019 kana keessatti, mul’ata keenya gara sadarkaa ol’aanaatti ol kaasna.
Rakkoo irraa baranna.
Milkaa’ina irraa humna arganna.
Dogoggora irraa fooyya’ina uummanna.
Carraa jiru gara bu’aatti jijjiirra.
Kaayyoon keenya ifaadha:
“Nama har’aa qopheessuun, boruuf nama dandeettii qabu ijaaruudha.”
Bara kana:
✨ Barnoota qulqullina qabu ni cimsina.
✨ Ogummaa hojii fi entrepreneurship ni guddisna.
✨ Tajaajila barattootaa ni fooyyeessina.
✨ Sirna hojii, itti-gaafatamummaa fi qulqullina ni jabeessina.
✨ Dargaggootaaf carraa haaraa ni uumna.
✨ Kolleejjii Abbaa Seenaa gara dhaabbata caalaatti amanamaa fi bu’a qabeessaatti ni ceesisna.
Ani akka Diinii Koolleejjichaatti, waan tokkon amana:
“Fuuldurri keenya waan nuti eegnu qofa miti; waan nuti har’a ijaarru dha.”
Kanaaf, bara haaraa kana waliin haa hojjenneu, waliin haa guddannu, waliin haa milkoofnu!
Bara 2019 — Bara Mul’ataa, Bara Jijjiiramaa, Bara Guddinaa fi Bara Milkaa’inaa isiniif haata’u!
Waaqayyo isin haa eebbisu; maatii keessan haa eebbisu; hojii keessan haa eebbisu; Kolleejjii Abbaa Seenaa immoo gara fuulduraatti haa geggeessu.
With gratitude, vision and commitment,
Dean of Abba Sena College
Ayyaana Gaarii!