Onnee jaalalaa

Onnee jaalalaa Walaloo jaalala dhugaa baay'ee argachuu dandeessu kanaaf like tuquudhaan akkasumas comment barreessuun wal haa jajjabeessinu!

Dhuftaa?Si eeguu?Haftaa?Fiffiiguu?Natti himi hin dhuftuu?Si eegee akkan sin dhabneHamileen koo akkan cabne Si eeguu ni d...
24/05/2026

Dhuftaa?
Si eeguu?
Haftaa?
Fiffiiguu?

Natti himi hin dhuftuu?
Si eegee akkan sin dhabne
Hamileen koo akkan cabne

Si eeguu ni dhuftaa?
Fiffiigee akkan hin badne
Iddoo na eegdee akka nan dhabne

Gaddikee gadda kooDuutii kees du'a kooJettee waadaa galteegaruu....Guyyaa du'a kootiiBarii lammaffaattiCidha kabajatte
24/05/2026

Gaddikee gadda koo
Duutii kees du'a koo
Jettee waadaa galtee
garuu....

Guyyaa du'a kootii
Barii lammaffaatti
Cidha kabajatte

Sitti himuu?Akka simboon kankeeQalbii koo na hateeAkkan siif maraadheeUffata koo gatee​Akka kiyyoo keetiinOfitti na hiit...
22/05/2026

Sitti himuu?
Akka simboon kankee
Qalbii koo na hatee
Akkan siif maraadhee
Uffata koo gatee
​Akka kiyyoo keetiin
Ofitti na hiite

Akka utuun si eeguu
Aduun baatee dhiitee
​Akka yaada keetiif
Waan hin taane ta'e
Barbaacha kee jooree
Of dhabee raata'e

Ati garuu..!
Akkan si jaalladhuu
Yoomuma naaf bartaa
Rakkoo koo hubattees
Ija keen agartaa???

18/12/2025

゚viralシfypシ゚viralシ

07/12/2025

Si jibbeera

゚viralシfypシ゚viralシ

05/12/2025

Sababa keef jecha
゚viralシfypシ゚viralシ


Situ seene onnee koo‎Akka waraana xiyyaa‎Yaadni kee na maraachee‎Oofee na baasuf biyya‎‎Argaa suura tokkittin‎Qaamotakoo...
11/05/2025

Situ seene onnee koo
‎Akka waraana xiyyaa
‎Yaadni kee na maraachee
‎Oofee na baasuf biyya

‎Argaa suura tokkittin
‎Qaamotakoo to'atte
‎Dhugumaan jaalalli kee
‎Onnee koorratti marge

‎Ulfinaan badhaafamtee
‎Simboof naatoo kuufatee
‎Mi'aawaa damma caaluun
‎Onnee koorra buufate

‎Hundeen jaalala keetii
‎Nakeessa gad- fagaatee
‎Simalee oolmaaf bultiin
‎Dhugumaan ni jabaate

‎Waraantee natti seente
‎Akkuma qara lilmoo
‎Jaalalli ani siif qabu
‎Ni caala haadhaaf ilmoo

‎Situ hoogganee jira
‎Narvii koof hidda dhiigaa
‎Simalee ooleen bulu
‎Suma barbaachan fiiga

25/02/2025

Yoo olii waliif nu qabe
Yoo firooma keenya
fedhe, wan hin oolle
fira ta'uun

  .....!Maafan faca'aa?Maafan dhama'aa?Akka horii cubbuu Akka  baasaa lubbuu Maaf ijaan lafa dhabaa ?Maaf dubbii dadhaba...
22/01/2025

.....!

Maafan faca'aa?
Maafan dhama'aa?
Akka horii cubbuu
Akka baasaa lubbuu

Maaf ijaan lafa dhabaa ?
Maaf dubbii dadhabaa?
Maafan abjuun dhaba faara
Miironni koo maaf marmaara

 "Morma kankee jalaaFoolii kankee suufeeGororakee nadhiiSirnaan unee quufee,Osoon si hammadheeGurratti si hasaaseeXuuxee...
21/01/2025


"Morma kankee jalaa
Foolii kankee suufee
Gororakee nadhii
Sirnaan unee quufee,
Osoon si hammadhee
Gurratti si hasaasee
Xuuxee si dhungadhee
Si'iis dheebuu baase,

Silaa natti toleen
Uffee jedhaa laata?
Ana har'as kunoo
Onneen na dhahata!

Morma kankee lookoo
Taakkuu lama ga'u,
Ani dheebuu kankee
Maaliin dharraa ba'u?
Ifa fuulakeetii
Seeqaan basaq gootee
Libsuu ijakeetii
Suuta boloq gootee,

Akka dhala dhabaa
Ana na mararta;
Qooda simboof taphaa
Jiraa na dararta!"

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Onnee jaalalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share