26/05/2026
"Dhaloota dhaweessummaa fi ogummaan gahoome, teekinooloojii kalaqaan misoome, carraa hojii amansiisaafi badhaadhina waloof!"
Caamsaa 17, 2018 (Waajjira CHUO Godina Arsii Lixaa)- Waldorgommii ogummaa, teekinooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa bara 2018 sadarkaa naannoo Oromiyaa magaalaa Asallaa Kolleejjii Poolii Teeknika Atleet Qananiisaa Baqqalaatti gaggeeffamaa jiru sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.
Haasawaa anaa dhufuu kan taasisan Ittaanaan Kantiibaa magaalaa Asallaa obbo , biirichi magaalaa Asallaa filatee dhaabbileen leenjii naannichaa muuxannoo magaalicha irraa akka qooddataniifi kan isaaniis akka qoodaniif taasisuu isaaf galateeffataniiru.
Kaayyoo marii paanaalichaa kan ibsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiya obbo , addunyaa har'aa keessatti mo'achuuf ogummaafi dhaweessummaa gonfachuun, akkasumas teekinooloojii hidhachuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Mariin paanaalii kunis hojiilee misooma ogummaa, dhaweessummaafi kalaqa teekinooloojii irratti jalqabbii jiru cimsuun carraa hojii ittifufiinsa qabu akka uumamu taasisuufi imala badhaadhinaa milkeessuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.
Barreeffama ka'umsa marii paanaalichaa kan dhiyeessan Daarektarri Ol'aanaan Inistitiyuutii Misooma Intarpiruunarshiippii Itoophiyaa Dr.Hasan Huseen, misooma dhaweessummaa cimsuun dhaweeyyii horachuuf yaada kalaqa haaraa rakkoo hiikuufi madda galii uumuu danda'u jajjabeessuun aadaa hojii jijjiiruun murteessaa ta'uu himaniiru.
Namni yoo waa hinyaalle wayitti hinbahu kan jedhan Dr.Hasan, dargaggoonni yaada biizinasii qaban milkaa'uudhaaf sodaa malee waan keessa isaanii jiru gara qabatamaatti jiruuf carraaquu akka qaban dhaamaniiru.
Maricharratti hirmaattotaaf muuxannoo milkaa'inasaanii kan dhiyeessan abbaan qabeenyaa Kolleejjii BLTO Kaanenus obbo Adimaasuu Dirribaa, gosa hojii irratti bobba'an kamirrattuu milkaa'uuf rakkoo dandamachuufi kutannoon hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Maricharrattis diiniiwwan, leenjistoonniifi leenjifamtoonni dhaabbilee leenjii naannoo Oromiyaa waldorgommicharratti hirmaachaa jiran, akkasumas hawaasni Kolleejjii Poolii Teeknika Atleet Qananiisaa Baqqalaafi hawaasni magaalaa Asallaa hirmaachaa jiru.