23/05/2026
Rikardiiwwan, Arsenal, Arteettaa jalatti fooyyeesse kurnan (10n)...
. Waggoota 55 booda, season tokko keessatti injifannoo 43 gonfachuun, seenaa bara 1970/71 cabseera. Ammas taphoota hafan Lamaan yoo injifatnoon goolabe, seenaa addaa galmeessa.
. Seenaa bara 1903 keessa taphoota saddeet irratti walitti aansuun Clean sheets xumure, waggoota 123 booda seenaa kana qooddateera.
. Arsenal imala Champions league keessatti, seenaa isaa keessatti season lamaan walitti aansuun, Semi-Final qaqqabee hinbeeku. Arsenal, gaggeessummaa Arteettaa jalatti kana fooyyessuu dandaโeera.
. David Raya'n karra-eegaa seenaa Arsenal keessatti Clean 19 galmeesse ta'uun, seenaa taphataan Arsenal bara 1993/94 fi 1998/99 keessa galmeesse qooddateera. Yoo Crystal Palace irraa Clean sheets bahe immoo rikardii kana dhuunfata.
. Maaks Doowman taphataa umurii xiqqoon waancaa Premier League injifate ta'uun, seenaa Premier League keessatti seenaa haaraa uumeera.
. Rukuttaa rogaarraa season kana qofaatti, galchiiwwan 19 lakkoofsisuun Rikardii Premier League keessa jiru fanniseera.
. Super Mikeel Arteettaan seenaa Arsenal keessatti leenjisaa umurii xiqqoon waancaa milkeeffate isa jalqabaa ta'eera. Dabalataan, seenaa Arsenal taphataa isaatiin kilaba jalqabaa waancaa argate dha.
. Tapha Champions league irratti, Doowman taphataa umurii xiqqoon irratti taphate ta'eera.
. Seenaa Arsenal keessatti bara kana Arsenal kilaba galii guddaa argates jedhameera....
. Hanga ammaatti Card diimaa fi penalty osoo hin argatin kilaba waancaa milkeeffate taheera. Kun seenaa Premier League keessatti seenaa addaati. Arteettaan kilaba naamusa irratti hundaaโe ijaaruusaaf ragaadha.
Kaanis tapha Xumuraa Champions league booda itti fufna...
Yoo waancaa Champions league injifate immoo seenaa haaraa, qalama Warqeen ni kataba.