21/07/2026
⚠️ Tiraamp jibba Muslimootaa fi Islaamummaa irraa qabuun Kantiibaa Musliimaa Magaalaa Landan irratti qeeqa kakaasa.
❗Kun immoo Deebiin Kantiibaan Magaalaa Landan Ka’abaa irraa Tiraampiif kenne ture! 🕋
⭕ Akkamitti deebii kenne?: Kantiibaan magaalaa Landan deebii kallattiin hin kennine, garuu osoo sirna Umraa raawwachaa jiruu Ka’abaa Qulqulluu fuuldura irraa viidiyoo maxxansee, eenyummaa amantii isaatiin boonuu isaa fi hirmaannaa Amantiisaa ibsu kana irratti hirmaachuu isaa ibseera.
🔸Kantiibaan magaalaa Landan ammaa Saadiq Kaan (kan Paartii Hojjetaa) madda Paakistaan 🇵🇰 Caamsaa bara 2016 irraa eegalee bakka kana kan qaban yoo ta’u, Caamsaa 2024 marsaa sadaffaa seena qabeessa ta’eef irra deebi’anii filatamaniiru.
▪️ Geggeessaa olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Landan 🇬🇧 yoo ta'u karoora tarsiimoo magaalattii kaa'uuf itti gaafatamummaa qaba.