Làĺìsàà Bèýéñà

Làĺìsàà Bèýéñà 𝙜𝙤𝙙

Ayi
10/04/2024

Ayi

Battee Urgeessaa
Garaadhuma maaliitu sitti jabaatee halkan hirribaa sikaasee sigalaafate laata? Saba kana ta’uu caalaa yakki maaltu jira
Yakka uumamaatiif jecha nyaatamtegaa

10/04/2024

Eid mubarak
Obboloota muslimaa

🥺😭😭
30/11/2023

🥺😭😭

🙄🤔🙈
14/11/2023

🙄🤔🙈

Well
13/11/2023

Well

Atti dirqaama kee baatetta 😢
03/11/2023

Atti dirqaama kee baatetta 😢

03/11/2023

ganama ka’ee hojjetuufi uumasaa galateeffatee hojiisaa oolu , Dhiira guutuudha!🥰👌

22/10/2023


Tokko boo'ee miixatee
Tokko quufee hiixatee
Tokko gaddaan guutamee
Tokko kolfaan muddamee
Tokko quufee utaalee
Tokko agabuu galee
Kaan osoo carraa qabuu
Of qabee bula agabuu
Barri sun deebi hin dhabuu!!
Tokko yoo biyyaaf cabuu
Tokko dhimma itti hin qabuu
Tokko garaan madaa'ee
Boo'uullee dhabe taa'ee
Lubbuun fixeensa taatee
Gatii bineensaa baatee.......2x
Bakka hundaa waa butaa
Osoo hin xuqamiin dutaa
Tokko ijaaramaa diigaa
Tokko ijaaruuf fiigaa
Dhiigni qulqulluu jigee
Ammas dhaabbachuu didee......!!
Tokko boo'eetuu hirqaa
Tokko naana'ee sirbaa
Tokko ajjeesuuf doorsisaa
Tokko ajjeesee boochisaa
Tokko afaan banee saamaa
Tokko hir'atee qaamaa
Mee Waaqatti nuu dhaamaa..!!
Tokko waan bulee agabuu
Kaan quufee daanga hin qabuu
Tokko barii lafaayyuu jibbaa
Kuun halkanif guyyaa sirbaa
Yoo isheen tokko deessuu
Isheen dhalatte hin teessuu
Wallaallee akka taanuu
Eessatti jalaa baanuu,,,,?
Namni jiraa wal dhabee
Sabni keenya agabee
Jiruuf haamilee dhabee
Wal nyaatee wal hunkuraa
Toluma wal gurguraa..........2x
Taa'anii yaadaan fagaachuu
Qooqa keenya hooqqachuu
Didee garaan dagachuu
Waan barri yaabee dhalchuu.....
Wallaalaan beekaa dhabnee
Wayyaalaan xinsammuu cabnee
Qoonqa'aan jiruu dhabnee
Dhaabbanee guyyaan rafnee
Akkanaan Mara dhabnee
Haara galfii dadhabnee.....2x
Jireenya amma taakkuu
Boonyee imimmaan lakkuu
Baanee rakkoo amma dhagaa
Obsinee dhiisnees baqaa
Jiraannee ciniinnannee
Jiraatti micciiramnee
Yaa Waaq Mee fala fidii
Warra kaanirratti didii
Murtee keetituu caalaa
Labsii keetu nu dhaalaa!!!!

Bay haqaan Ammallee
Bilisumma Jifaara

 😢😭Duuti nama kamiiyyuu nama gaddisiisa. Kan akka du'a tasaa, ol-adeemaa fiigee hin quufne, osoo galma isaa ga'uuf tatta...
16/10/2023

😢😭
Duuti nama kamiiyyuu nama gaddisiisa. Kan akka du'a tasaa, ol-adeemaa fiigee hin quufne, osoo galma isaa ga'uuf tattaafatuu, Du'a dargaggeeyyii caala onnee nama cabsu hin jiru. Sanuu balaa tasaatiin!

Keessumaa immoo kan akka balaa konkolaataa du'a tasaa namatti fidee gadda simachuun namatti ulfaatuun qe'ee hedduu goolu hin jiru. Ijoolleen kunniin har'a balaa konkolaataa Laaloo Qileetti mudateen namoota konkolaaticha keessa turan guutummaa guutuutti lubbuun darbe keessaa isaan muraasa jedhan. baay'ee nama dhukkubsa. Biyyeen sinitti haa salphatu. Maatii, firaa fi hiriyoota maraaf jajjabina haa laatu.

Hamaam dhugaadha🙈🤣Namicha waggaa 55 f  dubartoota sodaatee dhokatee jiraatu.Waliif TV ( Onk.15/2023) FinfinneeNamichi la...
15/10/2023

Hamaam dhugaadha🙈🤣

Namicha waggaa 55 f dubartoota sodaatee dhokatee jiraatu.

Waliif TV ( Onk.15/2023) Finfinnee

Namichi lammii Ruwaandaa Kun umurii isaa waggaa 16 eegalee dubartootaa wajjin Wal quunnamtii saalaa gochuu waan sodaateef Boolla qotatee akka keessa jiraatu himame.
Maqaan isaa Kaliyaa Nizaamiwita jedhama.

Namni Kun sodaa humnaa Olii qabaachuu irraa kan ka'e dubartootarraa of fageessee jiraachaa jira.

Amma Umuriin isaa waggaa 71 yoo ta'uu, Waggoota 55 tiif dubartoota osoo hin argin jira.

Kaaliyaa Nizaamiwitaan dubartootaa wajjin fuula fuulaan wal argee haasa'uu nama saalfatu nama Amala addaa qabu jechuun miidiyaan Afrimaamaksi gabaaseera.
Amma umurii dullumaa keessa jira.
Nama Dhiirummaan isaas hin tuqamne jedhameera.

Dubartoota irraa fagaatee dhokatee jiraachuu isaa kan dubbatu namichi Kun nyaataafi uffata kan dhiyeessaniif garuu Dubartoota dabalatee hawaasa Naannichaa ta'uutu himama.

Namichi Kun dhukkubsatee mana yaalaa dhaqee kan hin beekne yoo ta'u, nyaataafi wantoota barbaachisaa dubartoonni geessaniif, akka isaan bakka Sanaa deeman erga mirkaneeffatee booddee boolla keessa jiraatu keessaa ba'ee fudhata jechuun dubartiin gandicha jiraattu dubbatti.

Dubartiin Kun akka jettutti, namichi Kun dubartiin kamillee akka isa argitu hin fedhu, nyaataafi uffata nuyi fageenyarratti keenyeefi deemnu fudhatee ittiin jiraata jetti.

Ogeessoonni fayyaa akka jedhanitti namichi Kun dhukkuba Gaayinoofoobiyaa ykn dhukkuba saala faallaa sodaachuutiin qabamee Jira jedhu.

Maddi: Al Ain

Address

Bako

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Làĺìsàà Bèýéñà posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share