Ibrahim musa

Ibrahim musa Focus on one course until success

11/08/2025

Galii Galchuun Biyyaaf Amanamuu dha!
==
Galiin mootummaa bu’uura guddina biyyaati. Yeroo galiin sirnaan walitti qabamuu fi sirnaan tajaajila barbaadamuuf oolu tajaajiloonni hawaas-dinagdee akka barnootaa, fayyaa, bulchiinsa gaarii fi bu’uuraaleen misoomaa saffisaan dagaagu. Kana malees, mootummaa cimaa dhiibbaa alaa irraa bilisa ta'ee walabummaan dhimma siyaas-diinagdee biyyaa hoogganu qabaachuuf ni gargaara. Namni galii amanamummaan kaffalu hojii sabboonummaa hojjechaa jira; kan biyya isaa cimsuufi egeree ijoollee isaa akeekuu dha.

Haa ta'u malee, haalli Gibirri biyya keenyaa itti sassaabamu hanqina qaba. Maddoota galii jiran adda baasuun galii mootummaa duguuganii galchuun hanqina guddaadha. Gibirriifi taaksiin kallattii adda addaan walitti qabamaa jiru galii waliigalaa walitti qabamu keessaa dhibbantaa 8 qofaadha. Kun immoo biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessaa baay`ee gadi aanaa dha.

Biyyootni galii isaanii sirnaan sassaabuu danda'aniifi qusannaan itti fayyadaman diinagdeen isaanii sadarkaa amansiisarra gahuun gaaffilee lammiilee isaanii deebisuu danda'anii jiru

Gibira kaffaluun seera kabajuufi biyyaaf amanamuudha waan ta'eef lammiin hundi gibira mootummaa yeroofi amanamummaadhaan kanfaluun aantummmaafi jaalala biyya isaatiif qabu agarsiisuu qaba.

Face Book https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Whatapp :https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Website:https://www.oromiacommunication.gov.et/

22/07/2025
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf yaada ijoo "Dhaabuudhaan Bayyanachuu" jedhutu kennameefi.Hojiin Ashaaraa Magariisa...
27/06/2025

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf yaada ijoo "Dhaabuudhaan Bayyanachuu" jedhutu kennameefi.

Hojiin Ashaaraa Magariisaa bu'aawwan hedduu kan argamsiisedha. Biqiltuuwwan barana dhaabamuuf jiran waliin gara biliyoona 47.5 geenya. Kun isa bara dhufu dhaabnu waliin yoo ida'ame biliyoona 54 gahuu nudandeessisa.

Warri sagantaa kanatti amantan, kan hirmaattan, warri harki keessan dhoqqee tuqe, warri dhaabdan, Itoophiyaanonni kunuunsitan, dippiloomaatonni Itoophiyaatti argamtan, lammiileen biyya kamiyyuu kan abjuu kana deeggartan hundi baga gammaddani, baga gammanne jechuun barbaada.

Borirraa eegalee guyyaa guyyaadhaan sagantaa Magariisaa Itoophiyaa agarsiiftuu bayyanachuu Itoophiyaa ta'e irratti kutaaleen hawaasaa hundiifi hawaasni dippiloomaasii akka hirmaattanin waamichakoo dhiyeessa.

13/06/2025
05/03/2025

Address

Oromia
Boji

Telephone

+251919177241

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibrahim musa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Ibrahim musa:

Share