18/07/2024
‼️ Qormaataaf Gara Yuunivarsiitii Haramaayaa Dhufan ⁉️
Qormaata biyyaalessaa saayinsii uumamaa qoramuuf lakkuuwwan yuunivarsiitii Haramaayaa dhufaniiruu.
Misgaanaa Alamiyyee fi Barakat Alamiyyee lakkuu ta'anii dhalatan, mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Baabbileettiis barattoota saayinsii uumamaa barachaa turan yoo ta'u, lakkuuwwan kunneen qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaaf isaan lachuu qo'achaa fi qophaati turan.
Lakkuuwwan kun yeroo ammaas qormaata biyyaaleessaa saayinsii uumamaaf yuunivarsiitii Haramaayaatti ramadamanii qoramuu irratti argamuu.
Isaan lachuu qormaataaf yuunivarsiitii Haramaayaatti ramadamuu isaaniin akka gammadan kan dubbatan lakkuuwwan kun, yuunivarsiitii Haramaayaatti simannaa miidhagaa fi turtii gaarii gooneen gammanneerraas jedhan.
M/B sadarkaa 2ffaa Baabbileerraa lakkuuwwan biroos qormaataaf yuunivarsiitii Haramaayaa akka dhufanii qoramaa jiran ibsuun, Baabbilee biyya lakkuuwwanii jechuun Raadiyoo hawaasa yuunivarsiitii Haramaayaa FM 91.5'f himaniiruu.
Lakkuuwwan kun jabaannee waliin kan qo'achaa ture yoo ta'u gara fuulduraattiis qabxii gaarii galmeessifnee yuunivarsiitiis waliin seenuu hawwinaas jedhan.
Yuunivarsiitii Haramaayaatti turtii qormaataa gooneen yuunivarsiitiin nuufiis ta'e barattoota qoramuuf dhufan hundaaf simannaan nuuf taasisee fi kunuunsa nuuf godhaniif yuunivarsiitii Haramaayaa ni galatoomfannaa jedhaniiruu.
- Suuraa :- Ashanaafii Kabbadaa
- Adoolessa 11,2016 A.L.I