Dirree Barnootaa

Dirree Barnootaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dirree Barnootaa, College & University, Oromia, Dembi Dolo.

Hangam tokko beekna laata?
05/12/2023

Hangam tokko beekna laata?

05/12/2023

Utaalloon waqtii kana nama baay'ee, keessattuu daa'imman hedduu rakkisaa jira.....…...... Kanaaf.....
Mala baay'ee salphaa Utaalloo fi dhukkuboota ujummoo qilleensaa huban birootiif baay'ee nu gargaaru.....
*Jalqaba wanta xiqqootti bishaan danfisuu, fknf distii keessatti
*Qullubbii adii 5 qola isaa irraa quuncisanii, erga quuncifamee booda, mummuranii sirriitti bulleessuu
*San booda qullubbii adii cafacafamee bullaa'e kana, bishaan dafne san keessatti naquu
*Achiin abidda irra buusuun hurka isaa daqiiqaa 10 hanga 12 tiif ulachuudha.
Mala kana guyyaatti yeroo lamaaf gochuun qofaas ykn Utaalloos ta'ee rakkoolee infeekshiinii ujummoo qilleensaa biroo dhukkee irraa kaasuun irra aanuun ni danda'ama. Galatoomaa!
©Dr Caalaa Didhaa
Dr. Heeraan

 ... ''Jaarsi umriin isaa deeme tokko ilma isaanii tokkicha mana hidhaa jiruuf xalayaa barreessu. "Yaa ilma koo akkuma b...
28/08/2023

...

''Jaarsi umriin isaa deeme tokko ilma isaanii tokkicha mana hidhaa jiruuf xalayaa barreessu. "Yaa ilma koo akkuma beektu bara kana Moosee fi Timaatima facaasuu hin dandeenyu. Sababni isaas ani humnan ittiin lafa kana qotu waanin hin qabneefi. Otuu ati jiraattee garuu akka na gargaartu sirrittan beeka" jechuun barreessanii erganiif.

Ilmi jaarsa kanaas xalayaan kun akkuma isa bira ga'een dubbisee "Lakki yaa abbaa koo abadan maasii sana qotuuf akka hin yaalle. Sababni isaas qarshiin hatee ittiin hidhame lafa san keessan awwaale" jedhee barreessun deebisee ergeef. Xalayaa abbaafi ilmi waliif ergan hordofaa kan turan poolisonni xaalayaa kana erga dubbisanii booda gara lafa sanaa deemun qarshii sana barbaaduf jecha maasicha guutuu isaa qotan. Garuu qarshii jedhame otuu hin argatin deebi'an.

Guyyaa itti aanu ilmi abbaaf xalayaa barreesse. "Abbaa koo amma Moosee fi Timaatima facaasuu ni dandeessa. As taa'ee wantin siif gochuu danda'u kana qofa" Abbaanis deebisee "Ilma koo ati goota akka taate sirrittan beeka. Achi teessee Poolisii fi jalee isaanii ergitee lafa naaf qochisiisteetta. Jedhi egaa gaafa Sassaabbin isaa ga'emmoo deebiseen siif barreessa" Jedhanii erganiif.

Hubadhu yaa obbolee. Haallifi wantoonni qaama kee hidhuu danda'u garuu yoomiyyuu sammuu kee hidhuu hin danda'an. Hidhaa sammuu jala teessee hidhaa qaamaf falmuu kee dhiisun sammuu kee bilisoomsi. Sammuun bilisa ta'e, qaama hidhame hiikuuf itti hin ulfaatu.''

Via :-

30/01/2023

WISDOM FOR PARENTING

1- Avoid Giving your child everything he asks for. He will grow up believing that he has the right to get everything he wants.

2-Avoid laughing when your child speaks insulting words. He will grow up thinking that disrespect is entertainment.

3-Avoid remaining insensitive to bad behavior that he can display without scolding him for his bad behavior. He will grow up thinking that there are no rules in society.

4- Avoid picking up anything that your child messes up. He will grow up believing that others must take responsibility for his responsibilities.

5- Avoid letting him watch any program on TV. He will grow up thinking that there is no difference between being a child and being an adult.

6- Avoid giving your child all the money he asks for. He will grow up thinking that getting money is easy and will not hesitate to steal for it.

7- Always avoid putting yourself on his side when he is wrong against the neighbors, his teachers, the police. He will grow up thinking that everything he does is right, it is the others who are wrong.

8- Avoid leaving him alone at home when you go to the place of worship, otherwise he will grow up thinking that God does not exist.

May our labour over our children not be in vain.

01/10/2022

Nama tokko gad qabdee ( hacuuccee ) guddachuu caalaa, ofiikee ol of darbachuun gaarummaa qaba.

Mul'atakoo Hojiirra Oolchuufan Tarkaanfii Eegala.Jechamni Xaaliyaanota durii tokko akkas jedha " Waan afaaniin dubbannuu...
07/08/2021

Mul'atakoo Hojiirra Oolchuufan Tarkaanfii Eegala.

Jechamni Xaaliyaanota durii tokko akkas jedha " Waan afaaniin dubbannuu fi qabatamaan hojjennu gidduutti kopheewwan baay'eetu bututee dhuma."
Baay'een keenya mul'ata qabna. Mul'ata keenya kana sammuu keessatti wayita ilaallu miirri gammachuu nutti ni dhagahama. Garuu nu keessaa nama mul'ata isaa dhugoomsuuf Tarkaanfii eegalee hanga dhumaatti itti cichee kutannoon hojjete qofatu milkaa'ina gonfata.
Kanaaf har'umarraa ka'ii mul'ata kee hojiirra oolchuuf Tarkaanfii eegali.
Ulfaadhaa

Address

Oromia
Dembi Dolo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dirree Barnootaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share