14/06/2022
Piroofeesar Sheek Kamaal har'a Istaadiyooma Finfinneetti maal jechuudhaan miira hawaasaa too'ate?
https://youtu.be/YpHgUUkkdcM
❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄❄
Wal dorgommi Quraa'naa idil adunyaa harraa irratti hirmaattoota bakka buu'n lammii Aljeeriyaa kan ta'an Profeessar Shaik Kamaal Qaadah aljaza'iri galata isaani akkanaan ibsan : -
Yaa warra Habashaa kabajamoo! Yaa warra Habashaa kabajamoo! Yaa warra Habashaa kabajamoo! Kabajaa Islaamaa waaraa ta’eenin isin kabaja. Hanga malee nageenya nu barbaachisa.
Nuti biyya nageenyaa keessa jirra. Nageenyi Rabbii, rahmanni isaafi tolli isaa isinirra haa jiraatu. Piroofessarichi itti fufuun ummata ballaa irraa bakka bu’anii akka dhufan dubbatan. Itti fufuun haasawa armaan gadii dubbatan:
Ani biyya keessanin dhufe. Biyya isii Nabiyyiin (saw) mu’umintoota duraaniitiin “gara dachii Habashaa deemaa; isii keessa mootii namni tokkollee isa biratti hin miidhamnetu jiraa” jedhanittin dhufe. Dhufnee dirree xayyaaraatti buune. Yeroo dirree xayyaara Habashaatti buunu, kan Rabbiin nurraa beeku, garee mu’umintoota sahaabotaa kan akka Usmaan bin Affaan abbaa ifaa lamaa, haadha manaa isaa Ruqayyaa intala Ergamaa Rabbii (saw), Ja’afar Axxayyaar ilma wasiila Nabiyyii (saw), Abuu Muusal Ash’arii warra isin bira qubatanii turan yaadanne.
Warri kun lubbuu isaaniitiin Makkarraa baqatan; amantii isaaniitiif jecha godaanan. Yeroo sana Arabni tokkollee isaan qubsiisuu hin dandeenye. Nabiyyiinis (saw) “gara dachii Habashaa deemaa; isii keessa mootii namni tokkollee isa biratti hin miidhamnetu jiraa” isaaniin jedhan. Allaahu Akbar; faaruun kan Rabbiiti.
Sahaabonni obboleeyyan keessan dhufanii dachii Habashaa qubatan. Garee warra Mushrikaa isaan salphiftee gara Makkaatti deebisuuf jecha isaan faana dhufte. Gara Najaashii dhufanii malaammaltummaa kennaniif. Dhimma amantii isaa ilaalchisee, dhimma Yesuus kan inni itti amanu ilaalchisee isarra fidan. Akka inni isaan deebisuuf waan hunda irra fidan. Garuu Najaashiin mootiin keessan, abbaan keessan, akaakaan keessan abadan gubboo hin fudhatu. Yoomuu malaammaltummaa hin fudhatu.
Duudhaa isaa gonkuma hin gadhiisu. Isaaniin akkana jedhe: “yaa warra Makkaa! Rabbiin kakadhee osoo isin warqii dachii guutuu naaf kennitaniiyyuu garee Mu’umintootaa kana isinitti hin kennu” jedhe. Ergasii sahaabotaan “dachii kiyya keessa nageenyaan jiraadhaa” jedhe. Itoophiyaan, Habashaan dachii nageenyaati; nageenya malee waan biraa ta’uun isiif hin malu.
Itoophiyaan, diinni isii hanga fedhan Muslimootaafi Muslimoota jidduutti, Kiristaanotaafi Kiristaanota jidduutti ykn Kiristaanotaafi Muslimoota jidduutti walitti bu’iinsa uumuuf yaalanis yoomuu sana gochuu hin danda’an. Abadan! Abadan! Abadan gochuu hin danda’an.
Kabajamoo Dr Abiyyi Ahmad kabajaan kumni siif haa ta’u. Kabajaan miliyoonni siif haa ta’u. Kabajaan biliyoonni siif haa ta’u. Kabajamoo kiyya!
Ati yeroo ummata bal’aa dhiiraafi dubartii kana irraa hulaa bantu, ati seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif hulaa kana bante. Ati yeroo kana gootu amalaafi uumama kee irraa kaateeti hojjatte; akka waan jecha akaakaa keetii Najaashii kan sahaabotaan “dachii kiyya keessa nageenyaan jiraadhaa” jedhee fakkeenya godhatteeti. “Dachii kiyya keessa nageenyaan jiraadhaa. Dachii kiyya keessa nageenyaan jiraadhaa.”
Itoophiyaan biyya eenyuu akka taate ni beektuu? Isiin biyya Bilaal Alhabashiiti. Bilaal isa Ka’abaa gubbaa koree azaanii jedhe. Bilaal keessan malee namni tokkollee bakka Nabiyyiin (saw) jiranitti Ka’abaa gubbaa bahee azaanii jedhee hin beeku. Bilaal keessan malee!
"Yaa warra habashaa na dhaga’aa! Isin guddiftuu Ergamaa Rabbiitiif badhaaftan qabdu.
Inni maal akka ta’e ni beektuu? Ummu Ayman! Ummu Ayman! Ummu Ayman! Allaahu Akbar! Allaahu Akbar! Aaminaan haati Nabiyyii (saw) Muhammadiin Ummu Ayman harkatti dhiiftee duute. Ummu Aymantu Ergamaa Rabbii (saw) guddifte. Isiin guddiftuu Ergamaa Rabbiiti (saw).
Ergamaan Rabbii (saw) erga manguddoomanii, isiinis manguddoomtee ogga isiitti dhufan kabajaa isiitiif ka’anii dhaabatu turan. Ummu Aymaniif dhaabatu turan. Isiidhaaf dhaabatu turan!
Yaa kabajamtoota Habashaa “iccitiin isiniifi Rabbii keessan jidduu jiru maali? iccitiin isiniifi Rabbii keessan jidduu jiru maali?” Sahaabonni gara Madiinaatti godaannaan Madiina biyya godaansa/hijraa tokkoo taate. Isin immoo biyya godaansa/hijraa lamaa taatan. Biyya hijraa lamaa taatan. Isin malee eenyunuu kana hin arganne.
Waan biraa tokkon isiniif hima. Osoo Ergamaan Rabbii (saw) rafaa jiranii dubartiin gurraattiin masjida qulqulleessitu tokko duute. Sahaabonni osoo isaanitti hin himin awwaalan. Ogga kana Ergamaan Rabbii (saw) “dubartiin isiin masjida qulqulleessitu meerre?” jedhanii gaafatan. Ni duute yaa Ergamaa Rabbii jedhan.
Ergamaan Rabbii (saw) rifaatuun ka’anii dhaabatanii gara awwaalcha isii deemanii qabrii isii biratti irratti salaatan. Sun isiidhaaf malee eenyuufuu hin taane. Abadan eenyunuu hin arganne. Allaahu Akbar! Allaahu Akbar. Jechoota afaan keessanii kan Arabni ergifatte baay’eetu Qur’aana keessatti dhufe. Qur’aanni Afaan Arabaa Qulqulluu ta’uu wajjin kan Arabni Habashaa irraa ergifatte baay’eetu keessa jira. Fkn: ‘Kiflayn’, ‘hasab’, ‘Naashi’at Allayl (Naashi’a kan jedhu), Aljibt (jechoonni kun baay’een Afaan Gi’iizii keessa turan).