19/12/2022
Gaafa kaayyoon dhugaa si harkaa badu,ilma dhiiraa taatee,garee ani deeggarutu kufe jettee boottaa argi, gaafa jiruun si harkaa waldhahu,nama jaaladhu wahii dhabe jettee haada bitattee uf fannisuu kajeeltaa xiinxalli,gaafa gatiin kee bu’u,kanuma dhufetu akka meeshaa bitee si gurguraa uf argi!
ila
Sila Kaayyoon ati addunyaa tanarra dhufteef,kana hin turree beeki,wanti ati biyya lafaa irra jiraataa jirtuuf, silaa waan yartuu akka yaadduufii hojjattuufii mitii mee xiinxalli!
Ekaa
ilmi namaa lafa gadi dhiisee,samii keessa jiraanna jedhee walfixaa laali,yaa’ii ilma namaa dadhabne jedhee,biyya lafaa haaraa barbaacha naannawaa daawwadhu,gariin isa har’aa darbee,isa boriitiif carraaqataa xiinxalli!
Durdur
Namni tokko Aalima tokkotti goree,isaanii kitaaba qaraasisan,yaa sheek? ilmi namaa samii koraa jiraa,ati ammallee bukhaarii qaraasistaa jedheen jedhan! sheeknis deebii kennannif,ati rakkoo keessa jirta, yookaa jara wajjiin imaltee samii hin korre,yookaa nu wajji gadi teettee bukhaarii kee hin qaraane,jarri ati jettu immoo,makhluuqatu makluuqatti dhaqe,nuti immoo makluuqatu khaaliqa wajji haasawaa jiraa beeki jedheen jedhama!
Jaaloo
Ati bakka bu’aadhaa beeki,Amantii teetiif,biyya teetiif, hawaasa keetiif,ilma namaatiif bakka bu’aa taatee dhuftee uf yaadadhu!
Obbolaa
Gaafa waan rakishatti uf dabalte,gaafa namni jiraan lubbuu qabu kuni,bitamuufi gurguramu keessa seente,gaafa jiruu tee meeshaan walitti rartaaste, namummaafi bakka bu’ummaa fixattee beeki!
Hey
Nama caalaa wanti qaalii tahe tokkollee hinjiruu gadi hin bu’in!