20/08/2026
Humna ofkennee biyya tiksu ijaarraneerra!
Biyyi keenya Itoophiyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa gootummaan gahoome, humna qilleensaa abiddaan qoramee fi hidhannoo ammaayyaa hidhate ijaartee jirti. Gootonni keenya daangaa,birmadummaa fi kabaja biyya keenyaa tiksuu bira darbanii nageenya biyyoota ollaa fi Gaanfa Afrikaa kabachiisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii guddaa kan qabuuf meeshaalee ammayyaatin kan gahoomeedha. Akkasumas gootonni Raayyaa Ittisaa keenya nagaa uummataa fi birmadummaa Itoophiyaa eeguuf warra dirqama biyyummaa fudhatee lubbuu isaani tokkitti qabsiisanii biyya eeganiidha.Aggaammii daangaa Itoophiyaa sarbuuf diina fagoo irraa taasifamu, akkasumas tuttuqqaa nagaa booressitoota shiftootaan raawwatamu mara gootummaa dura dhaabbachuun fashaleessaa, uummata isaaniif waardiyyaa, biyyaa isaaniif gaachana ta’anii tiksuu humna dhaabbatpeedha.