07/07/2022
Oromummaan Afaan oromo dubbachuu fi oromiyyaa keessatti dhalachuun miti.
Namni afaan oromoo dubbatu marti oromoodha jenne murteessu hin dandeenyu.
Sababbinsaas afaan meesha walii galte dhala namaati malee ;eenyumma
nama tokko bakka bu'u hin danda'u.Afaan ni barama , ni dhaalama ni bada, ni dhalatas.
eenyumman garuu baduu, dhaalamu yookis baramu hin danda'u.Namni haadha fi abbaansa oromoo ta'e tokko eessattis dhalatu;afaan kamiis dubbaatu;dhiigni qomoo inni irra ijaarame Oromoo hamma ta'etti daa'imni dhalatu sun oromummaansa ciruma jijjiramu hin danda'u tarii lamummaansa iddoo bira Oromiyyaan ala ta'u mala.Eenyummansa garuu sanyii inni irra dhalata sana fakkaate hafa.fkn maasi keenya irratti qamadii yoo facaafne ;ijji sanyii ishee lafa keessa mutaa'e kan inni nuuf biqilchu sanyuma isa facaafne qamadiidha.sababnisaas seeliin inni irra ijaarame seeli qamadii waan ta'eef qamaduma ta'ee biqila.Akkasuma dhalli namas seeli haati fi abbaansa ijaaraman irra ijaarama.kanaaf afaan oromoo nama dubbaatu fi oromiyya keessa kan jiraatu maraan Oromoodha jenne waamu hin dandeenyu.Oromummaan dhiiga oromoo qofa keessatti argamudha.
Kan biroos akkuma kana dhiiguma saba sanatin dhalatu jechuudha.
Haa ta'uyyu malee namni kammiyyuu namummaa isaatin wal qixa.Addunyaa kanarratti sabaaf sab -lammii hedduutu jia.Isaan kana hunduma kan wal fakkeessu namumma isaaniti.Afaan,aadaa,duudha fi seena garagaraa ha qabaataniyyu malee martisani nama.Gurrachas haa ta'u adii diimas haa tahu magaala namni namumman wal caalu hin jiru.Namummaan eenyumma keessa keenya jiru malee foon irra mul'atu kana miti.
Waluma galatti eenyumma nama tokko kan ibsuu afaani fi iddoo dhaloota qofa osoo hin taane seeli inni irra ijaarame sana