Gooftaan Keenyaa Uummataa Oromootti

Gooftaan Keenyaa Uummataa Oromootti jecha doktora kabaja lamma keenyaa

17/02/2026

With Mohammed Hasen Ture – I'm on a streak! I've been a top fan for 18 months in a row. 🎉

17/02/2026
06/02/2026

I accepted 1 fan badge from Riqicha Sabaa.

18/01/2026

Nama bareedinaa kee ilaalee sii jaalatuu osoo hin tanee nama eenyummaa bareedina kee duuba jiruu ilaaluu jaaladhuu.

18/01/2026

With Iśōõ JM – I just got recognized as one of their top fans!

Takka na yaaddaTakka na gaaddaTakka na waamtaTakka na saamta     Takka na yaalta     Takka na haalta      Takka na wal'a...
17/01/2026

Takka na yaadda
Takka na gaadda
Takka na waamta
Takka na saamta

Takka na yaalta
Takka na haalta
Takka na wal'aanta
Takka na wallaalta

Takka na kiifta
Takka na dhiifta
Takka na beekta
Takka na qeeqxa

Takka na mararta
Takka na dararta
Takka na faarsita
Takka na haarsita

Takka na utubda
Takka na gubda
Takka na furta
Takka na murta

Takka jaalalaaf
Dhibba kuufta
Takka na miidhuuf
Jibba kuufta

Takka natti siqxa
Utubdee na baatta
Kolfaa natti seeqaa
Ormattis na laatta

Takka madaa koo
Ol kaatee horfita
Takka isan gaddu
Qasaatee kolfita

Takka alagaadha
Al tokko fira koo
Takka laga gamaa
Al tokko cina koo

KANAAFUU

Naaf galuu dideera
Akkaataan hojii kee
Maal akka fakkaattu
Maan ilaaltu ofii kee

Gaara gubbaa baata
Achiin dachaa buuta
Akka bubbee kaatta
Tasan deemtu suuta

Kuma kumaatama
Amalli kees danuu
Si wajjin jiraachuu
Dadhabeera anuu

Biyyoo Ko Obsii Siif Darba Jabaadhu.

10/01/2026

Hanga feete Baradhuu
Beekaa ta'i hubataa
Hanga feetes dhukaasii
Diina facaasi mataa

Miidiyaarra ba'iitii
Dhugaa sabaa lallabi
Feetus Jaala ta'iitii
Sabaaf dhukaasii cabi

Garuu
Waan kana hunda gochaa
Ejjennoo yoo hin qabaanne
Haala kamuu keessatti
Obsitee yoo hin jabaanne

Asiif achi utuu hin fiigin
Yoo kaayyootti hin cichine
Irbuu seente tiksitee
Qabsoo yoo hin itichine

Maqaaf yoo fiigde malee
Sabaaf hin buuftu bu'aa
Ejjennoo malee fiiguun
Dhumni isaa cabaaf du'a....!

LUKKUU/ KILLEEAnis si keessaan ba'eAtis na keessaa baateQaamakee ta'ee argeeraAkka qaamakoo taate.Utuu ani hin jiraannee...
09/01/2026

LUKKUU/ KILLEE
Anis si keessaan ba'e
Atis na keessaa baate
Qaamakee ta'ee argeera
Akka qaamakoo taate.
Utuu ani hin jiraannee
Atis hin jirtu tiru
Utuu ati hin jiraannee
Dhugum anis hin jiru.
Garuu;
Tokkummaa keenya argee
Kan duriirra hammaatee
Diinni nu fixuuf jedha
Akaakuu keenya nyaatee.
Siin dugda si dhahanii
Caccabsanii si nyaatu
Haaduusaanii butatanii
Anaan morma na kutu.
Warra kaaniif duudaadha
Hin dhageessu atillee
Ani garuu Sanyiikeeti
Na dhageeffadhu killee.
Wal malee akkan jiraanne
Qaama tokko akka taane
Tokkummaa jabaa uumnee
Maaf hin falmannu kaanee?
Sanyii keenya balleessuuf
Murtoon kaateetti jarri
Nus maaliif hin tokkoomnu
Hamma dhufutti barri?
Yoo akkasiin qindoomne
Tokko taanee wal faana
Hacuuccaan har'aa darbee
Akka Joobiraa taana!.

08/01/2026

🍁Qabsichi qabsoo, namoota qulqulluu dhiiga fi lafee ofiitin biyya ijaarrachuu fedhan qofaan galma geechi.

🍁 Saniif bitaaf mirga keenya laallee waan garaa hirruuf hin qabnu.

06/01/2026

Company Conventions, the Marriage, the Bulch of the Bulgue, the Brotherhood!
****
The Christmas is one of the people’s festivals in which the relationship between the coexistence of our people is even stronger. One of the events that took place at the festival is the air game.
et
Such events are important in strengthening public relations. They promote unity, generate love, and strengthen the common. They also serve as a source of tourism.
et
Therefore, our people strengthen their unity and support each other, share the table with joy and love and pass this festival and pass this festival, as is well known, the participation of our community in the crucial chapters that our country is traveling is high.
et
Love and the scenes, the love of, the love, the love of, Love, Love and Love!
et

"Ulee shimala mixoo~gonfa keessa qabanneeJabana gilaabixoo~kana keessa dhalanneeSataateen Distii jenneeBashqaaxxeen giif...
04/01/2026

"Ulee shimala mixoo~gonfa keessa qabannee
Jabana gilaabixoo~kana keessa dhalannee

Sataateen Distii jennee
Bashqaaxxeen giiftii jenne
Okkoteen gomboo jennee
Folodeen obboo jennee

Ameessaan booqaa jenne
Dhama ittiin dhugnaa jennee
Dabeessaan gooftaa jennee
Lama ittiin bullaa jennee"

Dr Zalaalam Abarraa!

Address

Gelemso
NOKNOWN

Telephone

+251927794743

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gooftaan Keenyaa Uummataa Oromootti posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Gooftaan Keenyaa Uummataa Oromootti:

Share