Gabbisa Afaan Oromoo

Gabbisa Afaan Oromoo Hundi keenya yoo qabsoofne afaan keenya sadarkaa idil-addunyaarraan gahu ni dandeenya.

Gaafa ati waa barreesuuf jetteequbee dogoggortu dogoggorri kee sun waan barreessuuf kaate sana bocha(hiikkaa)jecha sanaa...
18/02/2026

Gaafa ati waa barreesuuf jettee
qubee dogoggortu dogoggorri kee sun waan barreessuuf kaate sana bocha(hiikkaa)jecha sanaa si jalaa jijjiiru. Fkn. Suuraa kanaa gadii ilaalaamee😣Waanti ta'uu qabu,yeroo barreeffama tokko barreessinee miidiyaa hawaasaa irratti fe'uus haa ta'u,bakka biraaf erginu osoo waan barreessine sana hin ergiin irra deebinee ilaaluu qabna.
Yoo jabaannee qabsoofne Afaan Oromoo sadarkaa idil Addunyaatti beeksisuu dandeenya.❤❤
Galatoomaa!

05/02/2026

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hãbtëkx Bïrhãnü Wøllêgã, Tesfaye Teshome, Shaggar Oromiyaa

31/10/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dembi Adugna, Dhissii Daddoo, Istiidiyo Baadiyyaa

Kutaa 1Birsaga (Phonetics)
29/10/2025

Kutaa 1
Birsaga (Phonetics)

19/07/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Gadaa Naggasaa, Murtessa Adulaa Tuqaa

FAAJJII ABBAA GADAAOromoon ganamaa yeroo sirna Gadaa kalaqu Faajjii kanas waliin kalaqe. Halluun Faajjii kanaa gubbaa ir...
02/10/2024

FAAJJII ABBAA GADAA
Oromoon ganamaa yeroo sirna Gadaa kalaqu Faajjii kanas waliin kalaqe.
Halluun Faajjii kanaa gubbaa irraa gara jalaatti:- Gurraacha, Diimaa fi Adiidha.
Halluuwwan kunneenis hiika mataa isaanii qabu. Hiikan halluuwwan kanaas akka Oromtichi ilaalee hiika itti kennetti:-
:- Gurraachi olaantummaa Waaqaa agarsiisa. Akka dhugeeffannoo Oromootti yeroo Waaqa kadhatu "Gurraacha garaa garbaa..." jedheetu Waaqa waammata. Kana jechuun Waaqni bifa gurraacha qaba, ni mul'ata jechuu miti. Gurraacha keessatti waan argitu hin qabdu, iccitiidha, garbi guddaadha, qilee ilaaltee hin xumurreedha. Waaqnis inaaffaa miti gara-laafessa, iccitii Waaqas beeku fi gurraachi adda baafachuun isaa ni ulfaata hin danda'amus. Beelii beleliidha Waaqan duras homtuu hin turre, isa boodas homtuu hin jiraatu. "Gurraachi uumedha, uumaatti nu bulchi" jedha Oromoon. Sababni isaas Oromoon waan hunda dura Waaqaaf iddoo kenna waan ta'eef. "Namni gaarummaa hojjate, akkasuma dhugaa, safuu, duudhaa Oromtichaa tumse abdii Waaqa irraa qaba" jedha. Kanaafuu gurraachi akka dhugeeffannaa Oromootti abdii egeree ibsa.
Gama biraatiin gurraachi ni safeeffatama ykn kabajama. Agartuun ykn qaroon ijaa gurraacha. Huurriin rooba of keessaa qabu gurraacha... Oromoo biratti gurraachi bakka guddaa qaba.
:- Diimaan wareegama, gootummaan Saba ofiif wareegamuu ibsa. Kun immoo cimina Oromtichi lammii, safuu, duudhaa, lafa isaa...walumaa gala eenyummaa isaa tiksuuf itti wareegamudha. Kanaafi qabsoof of kennee hanga har'a biyyaaf biyyoo isaaf kan dhiigu, kan wareegamu...
:- Adiin ammoo darbuu, xumuramuu, akkasuma raawwachuu agarsiisa. Rifeensi nama dulloomee harriin adiidha, mukti gubate daaraan adiidha, lafeen du'aa ykn waan du'e tokkoo boodarra adii ta'a. Kanaaf adiin waan darbe agarsiisa. Mallattoo gaddaati. kunis hawaasni tokko jiruuf jireenya gaggeessu keessatti akkuma gammachuun jiru gaddis jira. kanaaf mallattoo gaddaas lafa kaawwate.
Yeroo itti fayyadamnu taa'umsa isaa eeguu qabna🙏
Maddi Barreeffamaa:- Dooyyoo Bidoo
Yoo waa irraa hubattan share godha.

Celebrating my 4th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. 🙏🤗🎉
14/09/2024

Celebrating my 4th year on Facebook. Thank you for your continuing support. I could never have made it without you. 🙏🤗🎉

03/02/2024

Kutaa 2ffaa

Xiinsagni maali?Asii gadii argattu.
26/01/2024

Xiinsagni maali?
Asii gadii argattu.

25/09/2023

Oromummaan bar miidhagummaadhaa.

QubeeQubeen Afaan Oromoo, Afaan Oromoo baruuf bu'ura dha. Qubeenkun ka'umsi isaa Laatinii yoo ta'u yeroo ammaatti bal'in...
05/05/2023

Qubee
Qubeen Afaan Oromoo, Afaan Oromoo baruuf bu'ura dha. Qubeen
kun ka'umsi isaa Laatinii yoo ta'u yeroo ammaatti bal'inaan itti
hojjetamaa kan jiru dha. Qubeen Afaan Oromoo qubee guguddaa fi
qubee xixiqqaa jedhamuun lamatti qoodama.
Qubee Guguddaa
Gabateen armaan gadii qubee Afaan Oromoo gurguddaa agarsiisa:
Qubee gurguddaa
A B C D
E F G H
I J K L
M N O P
Q R S T
U V W
X Y Z
Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo
qubee guguddaa warra qubee dachaa ta'an torba of keessaa qaba.
Isaanis:
Qubee Dachaa
CH DH
NY PH
TS ZY
SH
Hubachiisa: P, TS, V, Z, fi Zy n sagalee fi jechoota afaan ollaa fi
addunyaa biraa irraa ergiffanne. Itti gargaaramuuf akka salphatuuf
kan uumame malee sagalee dubbifamaa kanniin Afaan Oromoo
keessatti hin argaman
Qubee Xixiqqaa
Afaan Oromoo qubee xixiqqaa gabatee armaan gadii keessatti
agarsiifaman qaba:
Qubee Xixiqqaa
a h o v
b i p w
c j q x
d k r y
e l s z
f m t
g n u
Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo
qubee xixiqqaa warra qubee dachaa ta'an of keessaa qaba. Isaanis:
Qubee Dachaa
ch sh
dh ts
ny zy
ph
Hubachiisa: p, v, z, ts, fi zy n aadaa sabafi sablammii naannoo
Oromoo jiraatanii calaqqisiisuuf kan uumamani malee Afaan
Oromoo keessa hin jirani. Garuu, jechoota ergissan dhufan waajin,
qubeewwan kun amma tokko Afaan Oromoo keessatti hojiirra
oolaniiru.
Qubee Dachaa
Qubeen dachaa qubee sagalee addaa ta'e, kan qubeewwan digdamii
jahan keessa hin jirre of keessaa qabu. Sagalee qubee kanniinii
qubeewwan dubbifamaa gara garaa lama walitti fiduun barreeffamu.
Qubeewwan dachaan kunniin qubee akka SH, NY ,CH, DH, PH fi TS
ti. Qubeewwan dachaa kanniin keessa qubeen TS quboota akka P , V
fi Z dabalatee qubee ergifanna ykn qubee alagaa jedhamani
beekkamu.
Qubee Dachaa
CH | ch SH | sh
DH | dh TS | ts
NY | ny ZY | zy
PH | ph
Sagalee
= Dhaamsaga
Birsaga
Herregaa
Gaalee
Ciroo
Hima
Himni yoo xiqqaate matimaa fi gochima kan qabu, ergaa kan
dabarsuu danda'uu fi sirna tuqaatin kan goolabamu.
Himni sadarkaa caaseffama isaa irratti hundaa'uun bakka gurgoddoo
afuritti qoodama.
A. Leexima
Leeximni gaalee 'hima leexaa' jedhurraa dhufe. Himni leexaan
gochima tokko qofa of keessaa qaba.
Kana jechuun dabal gochima hin qabu jechuu dha.
Fakkeenya:
1. Inni mana ijaare.
2. Obbo Gadaan bara darbe oomisha gaarii argate.
B. Dachima
C. Xaxima
D. Dachima Xaxima
Xiinhima (Saayinsii waa'ee himaa qoratu) keessatti waantonni
murteessoon saddeeti. Isaanis:-
1. Maqaa
2. Bamaqaa
3. Maqibsa
4. Gochibsa
5. Gochima
6. Walqabsiistuu
7. Durgala
8. Raajeffannoo
Jechi kamiyyuu hima keessatti murteessota kanarraa adda ta'uu hin
danda'u.
SHARE AND INVITE TO YOUR FRIEND To follow us Thank you. Galatoomaa.

Address

Woliso
Ghion

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gabbisa Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Gabbisa Afaan Oromoo:

Share