Galma Guyo Tache

Call Directions Website

Galma Guyo Tache Dhugaa Akkaa Isiin dhugaa Argee gulaa deemu danda'uu Rabbiin nuuf haa laaffisu

11/09/2026

Barrii 2019 bara Nagaa fi Jaalalaa Siif Haa ta'uu jette Posti gootee Galgala Dullaadhaan Nagaa Nama Hin Dhorgin

11/09/2026

Bu'urri Bara Haaraa nyaataa fi Caffaraa Osoo hin Taanee Hojii ta'uu Malee kanaaf Waggaa Guutuu Caffaraan Dabarsitan yaa 70

((قُلْ بِفَضْلِ ٱللَّهِ وَبِرَحْمَتِهِۦ فَبِذَٰلِكَ فَلْيَفْرَحُوا۟ هُوَ خَيْرٌۭ مِّمَّا يَجْمَعُونَ)) ((«በአላህ ችሮታና በእዝነ...
10/09/2026

((قُلْ بِفَضْلِ ٱللَّهِ وَبِرَحْمَتِهِۦ فَبِذَٰلِكَ فَلْيَفْرَحُوا۟ هُوَ خَيْرٌۭ مِّمَّا يَجْمَعُونَ))
((«በአላህ ችሮታና በእዝነቱ (ይደሰቱ)፡፡ በዚህም ምክንያት ይደሰቱ፡፡ እርሱ ከሚሰበስቡት ሀብት በላጭ ነው» በላቸው (9 : 58)

🛑  !Haala Fayyaa   irra jiru baruuf hedduun keessan yaaddoo guddaa keessa akka jirtan nan beeka, Nutis odeeffannoo jiru ...
13/03/2026

🛑 !
Haala Fayyaa irra jiru baruuf hedduun keessan yaaddoo guddaa keessa akka jirtan nan beeka,
Nutis odeeffannoo jiru hundaa isin biraan ni geenya odoo sobaatiin hin burjaajja'inaa jennee turre,
Haala fayyaa Abdii amma irra jiru gabaabinaan isiniif ibsuu nan yaala guyyaa boru bifa vediotiin isin dhaqqabsiisaa Inshaa Allaa.

= Haala duraan Abdiin Irra ture,
- Abdiin lubbuu isaatiif haal baay'ee sodaachisaa fi yaaddessaa keessa ture sababab saniif kutaa ICU keessa ture ICU jechuun kutaa yaala ol'aanaa ykn isa dhumaa jechuudha.

=Hardha
-Guyyaa hardha doctoroonni nu yaamanii shakkii fi sodaa lubbuu isaatiif qabnu keessaa baanee jirra nuun jedhani. Alhamdulillaahi Rabbil Aalamiin

= Sadarkaa Amma Irra jiru
1- Of hin beeku hin dubbatu ture
Amma of baree jira xiqqoo xiqqoo ni dubatas
2-Abdiin sa'aa 24 oksejiiniidhaan jiraachaa ture
-Amma garuu oksijiiniin irraa baafamee jira
3-Dhiitaan qaama isaa sa'aa 24 oliif Dabaluu malee hirdhatee hin beeku ture,
-Amma garuu baay'ee hirdhataafii jira
4-Ijji lamaanuu sababa dhiitaatiin hin argu ture
-Amma garuu ija tokkoon arguu eegalee jira
5- Duraan Gurri lameenuu hin dhagawu ture
-Amma garuu gurri tokko ni dhagaha

Akka gaafa duraatiin wal bira qabnee gaafa ilaallu baay'ee baay'ee fooyyee qaba Alhamdulillaah
Ammas akka fooyya'uuf du'aa'iifii deeggarsi keessan baay'ee nu barbaachisa
Kanneen deeggarsaa fi du'aa'iin nu cinaa dhaabbattan galatoomaa. jechaa ammas kanneen hin hirmaanne hirmaachuu yoo barbaaddan account kunooti

1000445703908 CBE
Abdii Raggaasaa.
Odeeffannoo dabalata Abdii Raggaasaa isin biraan ni geenya galatoomaa.
By ✍️

  ******************Ulaagaalee Iraan lola dhaabuu irrati   keeyse 1.Benjamin Netanyahu gara mana   addunyaa (Internation...
12/03/2026


******************
Ulaagaalee Iraan lola dhaabuu irrati keeyse

1.Benjamin Netanyahu gara mana addunyaa (International Criminal Court)tti akka dhiyaatu.

2.Gara daangaa guyyaa 7 October 2023 -led attack on Israel dura turetti akka deebi’an.

3.Karoorri Gaza Strip irratti qophaa’e akka haqamu.

4.Adabbiin diinagdee (sanctions) Iraan irratti kaa’ame akka kaafamu, akkasuma
isaanii qabamee ture akka deebifamu.

5.Mirgi Iran akka addunyaan itti beekamu.

6.Humni waraanaa (United States) buufata waraanaa biyyoota keessa jiran irraa akka ba’u.

7.Donald Trump mootummaa iraan Mojtaba Khameneif akka gaafatu.

8.Miidhaa adabbii diinagdee irraa Iraan irra ga’eef akka kaffalamu.

9.Dhimmi keessatti (General Authority for Hajj and Umrah) wajjin walqabatu keessatti al-seensaan akka hin jirre jidduu hin seenne.

09/03/2025

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
**************************
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.

1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan

05/01/2025

Allahu akkabar Alhamdulillah lillaah Sosochii Dawaa Gamoojji Godina Boorana Baha Aana Waacilleeti Bifa Hoo'aaf Adda ta'een jalqabee Guyoota torbaani kana keessa Gandoota Akka Waacillee Baadiyya, Garsee Qalloo (Cobii) fi Qallaa dhirriit Namootni 11 Kufrummaa Duraani seenani irra gara Amantii jalqabaatiiykn islaamumma Amantii dhallii nama irraat Uumameef kan ragaan guutameeti deebi'an Namootni islaaman Kun Amantii Duraani hordofaan irraa maalti isan deebise jedhani yoo gaafatani deebiin jaraa
*Gaafii Gaafatamnu tokkollee deebiin Quubsaa deebisuu waan dadhabneef akkasumas Amantii Ragaa tokkollee hin qabnee hordofuun waan nu rakkiseef jedhani

15/12/2024

With Deebanu Multimedia – I just got recognized as one of their top fans!

13/01/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 58 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Mee yaa obboleeyyan Islaamaa Baatii Kabajaa Qabdu tanaaf sirritti if haa qopheessinuu.

Warri nu dura dabran Waggaan isaanii guutuun Ramadaana ture, akkas jechuun

1: ji’a 6 yaa Rabbi Ramadaanaan nu Fati ja’anii Rabbii Isaanii kadhatan

2: ji’a 6 ammoo yaa Rabbi soomana keenya nurraa qeebali ja’anii rabbii isaanii kadhatan.

Kanaafuu nutiis mee akka warra nu dura Dabree San Haa taanuu.

Rabbiin warra baatii Ramadaanaa gayee soomanee ajrii soomanni qabu arkatu nu haa taasisuu.

Galatoomaa

https://t.me/IbsaaDhugaa

Address

Moyale Road
Hagere Mariam
MOYALE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Galma Guyo Tache posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share