08/06/2023
Naannichatti nageenyi akka lafa qabatuuf dargaggoonni shoora gumaachaa jiran cimsuu qabu- Obbo Abdujabbaar Mahammad
Naannichatti nageenyi akka lafa qabatuuf dargaggoonni shoora gumaachaa jiran cimsuu qabu jechuun Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Abdujabbaar Mahammad dubbatan.
Waajjirri Paartii badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Dargaggoota Naannichaa waliin mari'ateera.
Waltajjicha irratti Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Abdujabbaar Mahammad akka jedhanitti yeroo ammaa kanatti Naannichatti nageenyaa fi tokkummaan uummataa akka cimuuf yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjatamuu qaba.
Magaalaan Harar magaalaa lammiileen hundi nagayaan, tokkummaa fi waldanda'umsaan keessa jiraatan ta'uu yaadachiisanii, duudhaa kun akka cimuuf hunduu gahee isaa bahuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Keessumattuu dargaggoonni aadaa wal dhageeffachuu fi waliin mari'achuu gabbifachuun nageenyi akka lafa qabatuuf hojjachuun murteessaa ta'uu kaasanii, qaamolee nageenyi akka boora'uu fi tokkummaa ummataa akka diigamuuf hojjatan dammaqinaan hordofuun ittisuu qabna jedhaniiru.
Dargaggoonni ergama diigumsaa miidiyaalee hawaasaatiin daddarban moggatti dhiisuun nageenyaaf waardiyaa dhaabbachuu akka qaban ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannichaa Obbo Xilaahun Waadaraa gama isaaniitiin nageenyi akka cimuuf dargaggoonni gahee isaanii bahaa turan.
Gara fuula duraattis nageenyi naannicha keessatti mullatu akka cimsuuf gaheen dargaggootaa olaanaa waan ta'eef akka cimsan gaafataniiru.
Dargaggoonni waltajjicha irratti argaman gama isaaniitiin akkuma kanaan duraa tokkummaa keenya cimsuun nageenyaaf waardiyaa ni dhabbanna jechuun dubbataniiru.
Qaamolee nageenyaa waliin qindaa'uun hojiiwwan Naannichatti nageenya lafa qabsiisuuf hojjatamaa jiran cimsanii kan itti fufan mirkaneessaniiru.
Waltajjicha irrattis Itti gaafatamaa Waajjira paartii badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Abdujabbaar Mahammad dabalatee gaggeessitoonni ol