Salman Al Yonis

Salman Al Yonis I'm Abdurahman .I created this page to provide adequate and timely information for my followers.

09/02/2026

ውድ ኢትዮጵያዊያን

በዚህ ሳምንት ውዷ ሀገራችን በአፍሪካ ኅብረት ጉባኤ ለመታደም የሚመጡ እህት ወንድም አፍሪካዊያንን ለማስተናገድ ልቧን ከፍታ-እጆቿን ዘርግታ ትቀበላለች። እነዚህ ወዳጆቻችን የሰንደቃችንን ቀለማት የሚጋሩ፣ ኢትዮጵያን እንደነፃነት ቀንዲል የሚመለከቱ ብሎም ሀገራችን የአኅጉሩ የፖለቲካ ርዕይ የማዕዘን ድንጋይ አድርገው የሚያከብሩ ናቸው።

ኢትዮጵያ ወደር በሌለው እንግዳ ተቀባይነቷ ለምን ልትከበር እንደበቃች በአቀባበላችን እናሳያቸው። እንደቤታቸው እንዲሰማቸው እናድርግ። በክብር እንቀበላቸው። በፍቅር እናቆያቸው። ተደምረን ሰንደቃችን የሚወክለውን የአፍሪካ አንድነትን መንፈስ እና የሚያያይዘንን የወል ህልም እናክብር!

Jaaltamtoota Itoophiyaanotaaf,

Torbee kana biyyi keenya jaalatamtuun Afrikaanota obbolaa keenya Yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan keessumsiisuuf balbalashee bantee harkashee bal'iftee ni simatti. Hiriyoonni keenya kunneen haalluu alaabaa keenya kan qooddatan, Itoophiyaa akka mallattoo bilisummatti kan ilaalan, akkasumas biyya keenya akka dhagaa bu'uraa mul'ata siyaasaa ardichaatti kan kabajanidha.

Simannaa keenyaan Itoophiyaan simannaa keessumaashee gita hin qabneen maaliif kabajamuu akka dandeesse itti haa agarsiifnu. Akka waan manasaanii jiraniitti akka itti dhagahamuu haa taasifnu. Kabajaan haa simannu. Jaalalaan haa tursinu. Ida'amnee miira tokkummaa Afrikaa alaabaan keenya bakka bu'uufi kaayyoo waloo hunda keenya walittiqabu haa kabajnu!

To my fellow Ethiopians,

This week, our beloved homeland opens its arms to fellow Africans attending the AU meetings. These are friends who share the colors of our flag, who see Ethiopia as a beacon of freedom, and who regard our country as a cornerstone of political vision for the continent.

Let’s show them why Ethiopia is known for its unmatched hospitality. Let’s make them feel at home, greet them with respect, and embrace them with love. Together, let’s honor the spirit of African unity that our flag represents and the shared dreams that connect us all.

16/12/2025

Qulqullina Hirribaa
********************
Hirribni jireenya namaaf dirqama barbaachisa.Haala to’atamaa si’aayinaan sammuu fi qaamni namaa itti of haaressudhas. Hirribni ga’aa,fi qulqullina gaarii qabu fayyaa qaamaa,hojii sammmuu fi miiraa ofii sirnaan geggeessuuf baay’ee barbaachisaadha.Yeroo dheeraaf hirriba gaarii hin argatan yoo ta’e,balaa garaagaraa fi dhukkuboota addaa addaaf nama saaxiluu danda’a.

Barbaachisummaa hirribaa
-------------------------------------------
✓Sammuun akka of haaressu(brain restoration ) fi Waanti xura’aan qaama keessaa akka dhabamsiifamu (waste/metabolic waste clearance) gargaara
✓Dandeettii yaaduu fi yadachuu fi barachuu dabala
✓Miira to’achuu(emotional regulation) fi fayyummaa samuuf ni gargaara.
✓Dandeettii qaamaa dhukkuba ofi irraa ittisuu ni dabala
✓Ulfaatinni qaama akka eegamu/akka malee akka hin daballe godha,kun immoo carraa dhibee sukkaaraan,dhibee onnee,fi Istirookiin qabamu ni hir’isa.
✓Hormoniin guddinaa caalatti yommu namni rafu waan madduuf,hirribni guddina ijoollee fi qaamni akka of haaressu gargaara
✓Dandeettii rawwachisumma namaa ni dabala(xiyyeefannoo,yeroo fudhachuun itti yaadu namaa,murtoo sirrii murteessu fi balaa iddoo hojii hir’isuuf ni gargaara

Hirriba gaarii rafneerra kan jedhamu:-

✓Erga rafuuf siree keenya irra ciifnee daqiiqaa 15-30 gidduutti hirribni nu qaba yoo ta’e
✓Halkan guutummaa isaa rafaa bulla yoo ta’ee fi halkan sana keessatti yeroon dammaquu/of baruu keenyaa Yeroo gabaabdiudha yoo ta’e.
✓Yommuu hirribaa kaanu,boqonaa ga’aa akka argannetti nutti dhaga’ama yoo ta’ee fi guyyaa guutuu immo hojii keenya sirnaan akka hojjennu yoo mirkaneefanne
✓Guyyaa mugaatiin nu hin qabu yoo ta’ee fi siyessituu waanta akka bunaa irratti baay’ifnee hin hirkannu yoo ta’e.
✓Yeroo ga’aa rafneerra yoo ta’e. Sa’aa 24 keessatti sa’aa hangam akka rafuu qabnu umurii irratti hunda’a,
•0-ji’a 3-sa’aa 14-17
•Ji’a 4-12-sa’aa 12-16
•Waggaa 1-2 sa’aa 11-14
•Waggaa 3-5 sa’aa 10-13
•Waggaa 6-12 sa’aa 9-12
•Waggaa 13-18 sa’aa 8-10
•Waggaa 18-64 sa’aa 7-9
•Waggaa 65 ol sa’aa 7-8

Miidhaa hirriba gaarii rafuu dhabuun fidu
----------------------------------------------------------------
°Miidhaa battala itti mul’atu

√Mataa dhukkubbii
√Guyyaa yeroo hojii itti muguu
√Xiyyeffannoo dhabuu(impaired concentration)
√Dandeettiin yaadachuu keenyaa hir’achuu(impaired memory)
√Muudiin jijjiiramuu
√Murtoo sirrii murteessuu dhabuu
√Carraan balaan tasaa uumamuu dabaluu

° Yeroo dheraaf yoo itti fufe

√Carraan dhiibbaa dhigaa,dhibee ujummoo dhiigaa onnee(coronary disease),istrookii,ulfaatina garmalee(obesity),dhibee sukkaara gosa 2(type 2 DM),mukaa’ummaa(depression) qabamuun dabaluu
√Dandeettiin qaama dhukkuba ofirraa loluu ni hir’ata
√Umuriin namaa amma jiraachuu qaban irra ni gabaabbata

hirribaa eegeuuf:-

✓Yeroo itti Sosochii qaamaa/ ispoortii hojjennu qabaachuu
✓Guyyaa hundaa Yeroo wal fokkaata itti rafanii yeroo wal fokkaataatti dammaquu
✓Gola rafiitii qabbana’aa,ifa xiqqaa/dukkana’aa,sagaleen kan hin jirre fi hirribaaf kan mijatu ta’uu qaba
✓Osoo hin rafiin sa’aa 1-2 ija keenya ifa(Iskirinii mobaayilii,TV,) irraa dhorkuu
✓Osoo gara hirribaa hin dhaqiin sa’aa 6 dursanii buna,shayii fi timboo fayyadamuu dhiisuu
✓Hirriba dura nyaata ulfaataa nyaachuu dhiisuu,
✓Guyyaa yeroo dheeraa naappii fudhachuu dhiisuu(nappiin sa’a booda dura daqiiqan 20-30 ga’aadha)
✓Bakka siree ofii hirriba qofaaf itti fayyadamuu(achittii nyaachuu,TV ilaaluu fi k k f dhiisuu qabna)
Galatooma
Dr Jiregna Gemechuu

18/08/2025

Maashaa Allah Nama Rabbiin iimaana kenneef. Dhabaa feete yoo taateehuu gammachuu malee gadda humaa hin qabdu beeytaa

HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)**************************************Hanqinni dhiigaa dhukkuba yeroo ammaa garmalee dabalan ke...
16/06/2025

HANQINNA DHIIGAA (ANEMIA)
**************************************
Hanqinni dhiigaa dhukkuba yeroo ammaa garmalee dabalan keessaa isa tokko.namonni baay'een sababa dhibee kanan miidhama jiru keessattu da'immaanii fi durbartoota ulfaa irratti bayyee muldhata.
Sababoota hanqina dhiigaa fidan:
1 Hanqina Ayiranii
2 Hanqina vitaamiini B_12
3 Hanqina Fooliik Asiidii
4 Dhukkuba Kaansarii garagara irraa

Mallattoolle dhukkubichaa
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
*Lafti Naman nanna'uu
*Gurratti nama iyyuu
*Ijaan lafa arguu dadhabu (namatti dimimisuu)
* Dadhabbii garmalee
*Hafurrii addaan ciituu
Hanqina Dhiigaa yaala qaba?
Eyyeen
1 nyaata sirreessun
2 qorichaa mana yaalati fudhachuun
3 waldhansa baqaqasani yaalu fkn kansaarii garagara yoo ta'ee.
Nyaata akkami nyaatu qabna hanqina dhiigaa ittisuuf?
*Nyaata Ayiranii badhadhan kannen akka foonii diimaa,Foonii lukkuu, qurxummii,Baqelaa, ataara, kuduraa fi muduraa akka loomii fi Burtukana.
* wantoota Ayiranii hirdhisanii fkn bunaa fi shaayii nyaata duraa dhuguu dhiisuu.sabibni isaas qabiyye Ayiranii nyaata keessa jiru hirdhisani.
* Nyaata vitaamiini B12 badhadhan fkn bu'aa beeyiladoota kannen akka foonii diimaa ,Tiruu hanqaquu, Annaanii fi kkf.
* Nyaata Fooliik Asiidii badhadhan kannen akka loomii, Burtukana, ochoolonii,Qoosxa, ataara, Baqelaa fi kkf.
**************************************
Fayyaan Faaya, Fayyaa hin dhabinaa!

Fayyaa Ilkaan Keenyaa Eeggachuuf*****************1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamii...
02/06/2025

Fayyaa Ilkaan Keenyaa Eeggachuuf
*****************
1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Associations).
Dr Gurmessa Enkossa

Dhibeen 'MPox' ( Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa) dhibee daddarboo vaayirasii Jaldeessaa Jiinas Ortopoksii jedhamuun dhufa....
01/06/2025

Dhibeen 'MPox' ( Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa) dhibee daddarboo vaayirasii Jaldeessaa Jiinas Ortopoksii jedhamuun dhufa.

• Nama ykn bineensa dhibeen kun qabe waliin tuttuqqaa qaamaan kan daddarbuufi dhibee bifa weeraran mudatudha.

• 'MPox;'yeroo jalqabaaf bara 1958 biyya Deenmaarkitti Jaldeessoota irratti argame.

• Yeroo jalqabaaf namarratti kan mul’ate immoo Biyya Rippabiliika Dimokiraatik Koongootti.

• Namni yeroo jalqabaaf vaayirasii kanaan qabame daa’ima waggaa sagaliiti.

• Bara 2022-2023 weerarri idil -addunyaa mudateera.

• Bineensonni akka Jaldeessaafi Qamalee dhibee kanaaf daran saaxilamoodha.

• Mallattoolee akka qufa, ho’iinsa qaamaa, bowoo mataa,mada’uu qaamaa,dadhabbii, dhibee maashaafi dugdaa agarsiisa.

• Haguuggii afaaniifi funyaanii godhachuu, namoota mallattoo agarsiisan tuttuquu dhiisuu, meeshaalee wal’anamtoonni dhibee kanaa itti fayyadaman qulqulleessuun itti fayyadamuu, tajaajila yaalaa barbaachisu argachuu

• Mallattoolee kanneen yoo argitan, dhaabbilee fayyaa dhihoo keessan jirutti ykn 952’n ykn bilbila bilisaa 8335’n bilbiluun gabaasa gochuu dandeessu.
Madda;-kolleejjii Fayyaa Hospitaala Qiddus Phaawuloos

29/05/2025

🅸🅽🅳🅴🅴🅳❤️💯

Seenaa addaa!Dargaggessi Lammii Liibiyaa, Amar ja'amu, hajjii godhuuf manaa bahe. Buufata Xayyaaraa, Airport, yoo gayu, ...
29/05/2025

Seenaa addaa!
Dargaggessi Lammii Liibiyaa, Amar ja'amu, hajjii godhuuf manaa bahe. Buufata Xayyaaraa, Airport, yoo gayu, rakkinni nageenyaa, maqaa isaatiin walqabatu Isa qunname. Haga rakkinni Kun furamutti hajjii godhuu akka hin dandeenye itti himame. Hujjaajoonni biraa adeemsa barbaachisu cufa xumuranii balali'uuf qophaawaniiru.

Ammaar ammoo yoo rakkinni isaa furmaata arkatu xayyaarri isaa hulaa cufateera. Irraa banuu didee balallii isaa eegale.
Hoggaa kana hojjattoonni Airport Isa jajjabeessuuf yaalan. Inni garuu "Ani hajjii godhuu niyyadheera. Abadan osoon hin goone manatti hin deebi'u" ja'ee deebiseef.

Waa xiqqo booda xayyaaricha qilleensa irratti rakkinni mudate. Rakkina kana fix godhuun dirqama, xayyaarichi deebi'ee qubate. Garuu ammallee osoo Isa hin fuudhin yeroo 2ffaatiif balallii eegale. Ammaar ammoo "Ani hajjii godhuu niyyadheera. Abadan hin deebi'u" ja'ee kakata. Waa xiqqo booda xayyaarichi deebi'ee qubatuuf dirqame.

Faayleetichi rakkinni eessa akka jiru hubatee gabricha kana fuudhee balallii isaa eegale. Akkasitti nagayaan Sa'uudii Arabiyaa seenan.

Rabbiin dandayaadha. Gabricha isaa Rabbi nuhaa godhu!

Address

East Hararghe
Harar

Telephone

+251919282110

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Salman Al Yonis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Salman Al Yonis:

Share