25/10/2020
Macaafa Seera Ba’uu 19:12-18
Saba kanaaf naannessii daarii godhi! Isaan tullichatti akka ol hin bane, qarqara isaattis akka hin buune, of eeggadhaa! Namni tullichatti bu’u du’uun isaa muramma dha. Harki tokko illee itti hin bu’in! Namni yookiis horiin yoo itti bu’e garuu, dhagaadhaan rukutamee yookiis waraanamee du’a malee, hin jiraatu! Yeroo fiiinoon utuu gargar hin citin afuufamutti, warri kaan tulluuttti ol haa ba’an!” jedhe. Ergasii Museen tullu irraa gad bu’ee gara saba sanaa dhufee, akka isaan of qulleessan, uffata isaaniis akka miiccatan godhe. Yommus Museen jaraan, “Guyyaa sadaffa sanaaf of qopheessaa, Dubartii biras hin gai’inaa!” jedhe. Gaafa guyyaa sadaffa ganama immoo sagalee qaqawwee fi balaqqeessatu ture; duumessi ulfaataan tullicha irra ture, sagaleeen malakataas baay’ee cimaa ture; namoonni iddoo buufataa turan hundinuus in hollatan. Museen jara iddoo buufataa isaaniitii baasee gara Waaqayyootti fide; isaan miilla tulluu Siinaa jala in ijaajjan. Waaqayyon ibiddan irratti gad buunaan, aarri guutummaa tulluu Siinaa uffise; aarri isaas akka aara iddoo ibiddaatti ol in ka’e; tullichis guutummaatti baay’isee in raafame.
Maatewos 13:44-46
Yommus Yesus, “Mootummaan Waaqaa qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata; namni tokko qabeenyaa kana argee deebisee erga dhoksee booddee, gammachuu irraa kan ka’e dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lafa qotiisaa sana bitate.” “Mootummaan Waaqaa ammas naggaadeee callee babba’eessa barbaadu fakkaata. Naggaadichi callee gati-jabeessa argannaan, dhaqee waan qabu hundumaa gurguree callee sana bitate” jedhe. Yesus itti fufee, “Mootummaan Waaqaa ammas kiyyoo galaanatti darbatamee akaakuu qurxummii hundumaa walitti qabe fakkaata.”