21/04/2022
Ramadaan
Maaliin naa galchita
Maqaa Koo rabbitti
Ati gala kaatee
Deebi'uuf arsh*tti
Waa'ee koo maalumaan
Deebita rabbitti..?
Naaf himi hadaraa
Hamtuu gaarii tahuu
Silaahuun fudhatuu
Gurri haa dhagahuu..
Narra naannoyta moo
Barana geessita..
Hadaraa natti himi
Maaf na yaaddessita..?
Yaa ji'a dardaraaf
Ji'a dardartii
Warraa hamtuu irraa
Dandayee uf qabee
Naaf himi qooda koo
An garaa dadhabee
Bu'aa naa fidderraa
Argadhe moo dhabee....?