30/05/2022
Lookoo morma soloolaa
Jecha ol ha'ee gadi ha'een
Mandara kee naannessaa
Sin jaalladha siin jedhee
Sitti himuun na qaanessaa!
Bareedduu koo yaa diimtu
Diimtuu diiminni dammaa
Sin waamaa na dhaga'ii
Dafii naaf kottu amma.
Waadaa kee kabajeetan
Manatti si galfadhaa
Haadha ijoollee koo taata
Ilman sirraa dhalfadhaa
Booka waliin ulannaa
Jireenya bareechinee
Abbaa Gadaan eebbisnee
Manatti wal galchinee
Dafii naaf kottu lookoo
Lookoo morma soloolaa
Akka manaa nan dhamneef
Anoo manuman oolaa!