Hayyube Ahmed

Call Directions Contact the university

Hayyube Ahmed Hayyube

11/09/2026

Hojjataan Mootummaa seeraan ala miindaan jalaa qabame ykn jalaa murame essatti himata dhiheeffata ?
‎
‎Mana murtii Buchiinsaa Hojjattoota Mootummaa fi dhimmoota Mana Murtii kanaan ilaalaman akka itti aanutti haa dubbifnuu
‎
‎📘MMBHM Falmii hojjettoota mootummaa akkaataa Labsii Hojjattoota Mootummaa lakk. 215/2011 keewwata 81tiin dhiyeessan ilaalee kan murteessu “Mana Murtii Bulchiinsaa” jedhamee kan waamamu kan hundeeffameedha.
‎
‎👉 Manni murtichaa dhaddachoota iyyata, komii fi ol’iyyannoo dhiyaatu qoratee murtii kennuu ni qabaata.
‎
‎👉Tokkoon tokkoo dhaddachaa Hoogganaa Biirichaan kan moggafaman walitti qabaa tokkoo fi miseensota Abbootii seeraa lama ni qabaata.
‎
‎👉 Abbootiin Seeraa Mana Murtii Bulchiinsaa haala hojii isaanii itti hojjatan, naamusaa eeguu qabanii, faayidaalee argachuu qabanii fi haalawwan biroo qajeelfama Biirichibaasuun kan murtaa’u ta’a.
‎
‎👉Manni Murtii Bulchiinsaa barbaachiisaa ta’ee yemmuu argamuu dhaddachoota dhaabbii yookiin naannawaa qabaachuu ni danda’a.(Labsii HMNO lakk 215/2011 keewwata 79)
‎
‎📘Hojimaataa fi Aangoo Mana Murtii Bulchiinsaa
‎👉Manni Murtichaa Dhimmoota dhiyataniif ilaaluun ajajaa fi murtii kennuu
‎👉Hojjetaan mootummaa murtiin kennameera jedhee kakuun deeggaree ol’iyyannoo yoo dhiyeessee, Manni Murtii Bulchiinsaa fuudhee ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa ni qabaata.
‎
‎👉 Ajajnii fi murtiiwwan Manni Murtii Bulchiinsaa kennuu akkuma ajajootaa fi
‎👉murtiiwwan Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa Manni Murtii Idilee kaminiyyuun kennamuutti lakkaawama (Labsii HMNO lakk 215/2011 keewwata 80)
‎
‎
‎📘Manni Murtii Bulchiinsaa dhimmoota armaan gadii ilaalee murteessuuf aangoo ni
‎qabaata.
‎
‎✔️Ol’iyyannoo hojjettoota mootummaatiin walqabatee dhimmoota armaan gadiittidhiyaatan:
‎👉Seeraan ala hojii irraa dhorkamuu yookiin tajaajilli addaan cituu;
‎👉Murtii adabbii naamusaa cimaa;
‎👉Mindaan yookiin kanfaltiiwwan biroo seeraa ala kan jalaa qabame yookiin cite;
‎👉Miidhaa yookiin dhibee sababa hojiitiin irra gaheen haala walqabateen mirgi hir’achuu;
‎
‎👉Akkaataa Labsii kana keewwata 77 keewwata xiqqaa 7 ibsameen ala, Koree Komii Qulqulleessaatiin dhimmoota ilaalamanii murtiin itti kenname;
‎
‎👉Dhimmoota gaaffii hojii gadi lakkisuu fi ragaa muuxannoo hojii irratti ka’u;
‎
‎✔️Hojjettoota yeroo fi kaayyoo bu’uura seera hojjettoota mootummaa hordofuun qajeelfama keessaatiin akka bulchan manneen hojii hayyamameef keessatti hojjettootaqaxaramanii hojjetaan irraa ol’iyyannoo dhiyaate;
‎
‎👉Manni Murtii Bulchiinsaa dhimma ol’iyyannoon itti dhiyaate erga qoratee booda murticha mirkaneessuu, haquu yookiin foyyeessuu ni danda’a.
‎
‎✔️Manni Murtii Bulchiinsaa murtee kenne guyyoota hojii kudhan keessatti garagalcha murtichaa qaama ol’iyyateef yookiin bakka bu’aa mana hojichaaf akka dhaqqabu taasisuu qaba,
‎
‎✔️Biirichi hooggansa qabeenya namaa ilaalchisee eeruu dhiyaatuun yookiin kaka’umsa mataa isaatiin seerri cabuu yookiin loogiin raawwatamuu mirkanneessuun tarkaanfiin sirreeffamaa kennee hojiirraa ooluu yoo dhabee dhimmoota dhiyataniif qoratee murtii kennuu aangoo ni qabaata.
‎
‎✔️Manni Murtii Bulchiinsaa falmii ijoo dubbii irratti murtiin kennu kan dhumaa ta’a, ta’us murtiin Mana Murtii Bulchiinsaa dogoggora seeraa qaba jedhee qaamni falmu murtiin mana murtichaa isa dhaqqabee guyyoota 60 keessatti ol’iyyannoo isaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif dhiyeeffachuu ni danda’a.
‎
‎
‎✔️Manni hojii mootummaa kamiyyuu murtii Mana Murtiii bulchiinsaatiin kenname guyyaa isa gahe irraa eegalee guyyoota hojii kudhan keessatti hojii irra oolchuu qaba.
‎
‎✔️Akkaataa Labsii kana keewwata 81(3) fi (4)tiin murtiin Mana Murtichaa guyyaa 30 keessatti naaf hin raawwatamne jechuun fayyadamaan murtichaa yammuu iyyatu
‎
‎✔️Manni Murtii Bulchiinsaa murtichaa akka raawwachiisuuf Mana Murtii Aanaa dhimmicha ilaalutti qajeelfama.
‎
Yaada Keessan Nuuf Qoodaa!!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar

11/09/2026

Yoo sii fayyade mee dubbiisii
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
1 Saree hindunnee fi bishaan ciisu amantee itti hindeemiin.

2; Bakka itti kufte caalaa bakka itti mucucaatte yaadadhu.

3, Gorsaa fi soogidda osoo hingaafatamin
hin,kenniin.

4; Sooressaa'fi Aangawaa, namni gowwaa hinse'u

5; Mukni jallaan, gaaddidduun isaatis jallaadha

6; Osoo hinilaaliin hindhugiin; osoo
hindubbisiin hinmallatteessiin.

7; Onnee tee oftuulummaan hinguutiin; ogummaafi bakka dhabdaa. Waan tahefi

8; rabbin simbirrootaafi nyaata ni kennaafi
garuu baatee manatti isaan hingalchu.

9; Jireenyi riqicha. Ittiin ce'i malee mana irratti hin,ijaariin.

10; Bineensi bosonaa qaama kee madeessa; hiriyyaan gadheen garuu sammuu tee madeessa

11; Maallaqni hindubbatu; garuu soba dhugaa fakkeessa

12, Namoota baay'atanii laga ce'an naachi hin-nyaatu

13,Maalummaa nama tokko isa dhugaa baruufi hanga inni taayitaa argatutti eegi

14,; Kufaatii diina kee,titti hin gammadiin; lafaa isa kaasuufis hin ariifatiin.

15; Hanga laga ceetutti naacha hinarrabsiin

16; Waan qalbiin argite, iji hin irraanfattu

17; Nama fuudhaafi deemuu fi nama waraanaafi deemu hingorsan

18; Dhugaa dubbachuu hinsodaatin; garuu dafii achii deemi.

20, Yoo daddaftee deemuu barbaadde kophaa kee deemi; yoo fagaattee deemuu feete immoo nama waliin deemi.

21; Mala Jaalalaa: suuta qabi; suuta gadi dhiisi

22; Lagni hangam fagaatee deemus, madda isaa hindagatu.

23;⛤ Bakkuma amma jirtu sanatti yoo dhugaa arguu dadhabde, eessumattuu arguufi hin,jirattu

24; Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa qaba.

25; Iccitiin akkuma Simbirro saantiima nama harkaa baatutti balali'uu eegalti.

26; Beekumsa ykn ogummaa tee guyyaa tokkoofi yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaafi si dagata

27; Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha hin soddatin
Yoo siiti tolle godhuun nagargarra Gallatoma

03/09/2026
31/08/2026

Baala Bunaa.
Baala Maangoo.
Baala Zeeytunaa.

Akka Shaa'itti danfisanii dhuguun Sammuun namaa Akka sirritti waa yaadattu taasisa.

Namoonni dhiigni isaanii Qulqullina dhabe Akka qulqulleeysuuf gargaarra.

Fedhinnaa Nyaataa nidabala.
Biftu Education
Follow, Sher, Like godhaa!




30/08/2026
27/02/2026

Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Bariisoo Amiin Elemoo, Kêmãl Ibråhïm

26/02/2026

Address

Eest
Hirna
XULLOO

Telephone

+251914953490

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hayyube Ahmed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Hayyube Ahmed:

Shortcuts

Share