Gemachu Wegari Denu

Gemachu Wegari Denu (

14/05/2022

Namoota rakkoon itti hammaateef abdii kutanii, obsa jibbanii, kaayyoo fi carraa ofii abaaranii waan gochuu danda'an gochuu dadhabanii otoo baachuu danda'anii ba'aa ta'anii otoo dandeettii qabanii dandeettiin isaanii bu'aa buusuuf dadhabbii hanga yaadanii ol gaafa gaafatu deemsa isaanii kaleessatti gaabbanii fuulduraatti deemuu nuffanii jireenya jibbisiisaa jiraatan meeqa laata?

Faallaa kanaa immoo
Gaafa rakkoon irra gahe dhaabbatee rakkoo ofii yaadachuuf yaalee hanqina isaa fooyyeffatee ammas irra deebi'ee ammas irra deddeebi'ee yaalee nuffii nuffisiisee abdii kutannaa garaa mursiisee wareegama lubbuu irra darbu itti baasee otoo dukkanaa'uu abdii itti ibsatee,otoo rakkatuu obsa kudhaammatee irra deddeebi'ee gatii baasuu otoo hinjiille abjuu isaa dhugoomsee kaayyoo ofii kan galmaan gahe hoo?

Jireenyi bu'aa ba'iin faayamtee boqonnaa nama dhoowwitus galmi kaayyoo fagaatee yeroo heddu rakkoon marmaartee abdii namaa gaggabsitus nama obsa kudhaammatee qubeellaa kaayyoo keewwatee waadaa kaayyoof amanameef guyyaan jira! Kanaaf immoo Abdiin Koo ragaa kooti

Rakkinni hammaate jettee
Abdii kee hin maseensinee
Imala kaayyoo gattee
Rakkootti rakkoo hin dheessinee
Qubeellaa rakkoo baattee
Waadaa rakkoo hin haaromsinee

Si hin jilbeeffachiifne
Hammeenyi haalotaa
Si hin jilbeeffachiisus
Hundumaa ni moota
πŸ‘

14/05/2022

Wanti nuti yeroo fi iddoo hin laanneef, keenya ta'uu hin danda'u!

♨️

Eenyummaa dhugumaDhugaa haqa qabuu Gatiin ilma namaaGaafa du'aan cabuu Halkan halkan dhalee Bariin gaafa badeeDuuti dach...
13/05/2022

Eenyummaa dhuguma
Dhugaa haqa qabuu
Gatiin ilma namaa
Gaafa du'aan cabuu

Halkan halkan dhalee
Bariin gaafa badee
Duuti dachee dhaalee
Gaammachuun gadoodee

Gafas Bara Sanaa
Ifatu hn mul'atuu
Hundumtuu dukkanaa
Cubbuuf wal dhokotuu

Garuu yesuusif ergasii
Duuti harka laatee
Aduun badee gaaddisee
Biqileetu latee

Egaa sichi hn jiruu
Gabrummaan cubbuu
Adduunyaan haa baruu
Qajeelinni Hn dabuu

Yesuus du'aa ka'ee
Duuti lama hafee
Aduun samii ba'ee
Dacheen keenya I fee

13/05/2022



β€œInni guyyaa wanti hamaan ana irra ga'utti mana isaa keessa na kaa'ata, suuqa godoo isaa keessa na dhoksa, nagaattis kattaatti ol na baasa.”
β€” Far. 27:5



β€œHe will conceal me in the day of my calamity: in the secret of his tabernacle shall he hide me: he shall set me safely upon a rock.”
β€” ps. 27:5

28/03/2022

πŸ‘‰TOKKO TOKKO DU'EE JIRAATA πŸ‘‡
Tokko tokko du'ee jiraata.Hojii hin duune hojjetee oolmaa hin irraanfatamne dhalootaaf oolee maqaan akka isa wajjin hin awwaalamne taasisee onnee dhalootaa keessa jiraata.Tokko tokko immoo lubbuun otoo jiruu du'a.Ni nyaata, ni dhuga, ni uffata, ni socho'a, hafuura baafata, garuu du'aadha.Reeffa nama fakkaatuu fi awwaalcha dhabee nama giddu jiru.Kitaabni Waadaan barreesse kennaa guddaa godhee nuuf kenne kun jiraataa otoo jirruu du'uu keessaa baanee duunee booda jiraachuuf hirriba keessaa nu dammaqsa.Otoo lubbuun jirruu cirracha seenaa irratti mallattoo miilla keenyaa akka hambisnu nu waama.Maarree jiraachuun umurii lakkaa'uu miti.Jireenyi jiraatame jireenya ofiif otoo hin taane lammii ofiif jiraatamedha.Jiraataa du'e miti, du'aa jiraatu ta'uutu barbaachisa.Gootonni hojii seenaa himatanii fi isaaniif himamu malee umurii dheeraa himatanii fi isaaniif himamu hin qaban.Kan jiru du'a isaaniin aadaa jiraatus, jiraatanii kan du'an garuu amma dacheen kun darbitutti seenaa jiraatu galmee seenaa irraa qabu.Fooniin jiraatanii seenaan du'uu irra, fooniin du'anii seenaan jiraachuutu jireenya.
✍ 'Bara baraan lafa irra jiraachuudhaaf miti, seenaa hafee jiraatu hojjennee darbuudhaaf dhalanne!'
β€β€β€πŸ’šπŸ’šπŸ’šβ€β€β€

06/03/2022

Akkan hin teenye
Xiiqiin na hin teessisu
Akkan hin deemne
Dukkanni na hin deemsisu
Ulfa ulfaatu baadhee
Haa deemumoo dhiisu?

Haala ilaalee
Dukkana sodaadhee
Taa'ee ifa eeguu?
Xiiqii kootti obsa horee
Yeroo koos haa wareeguu?
Otoon ani taa'uu
Yeroon koo haa fiiguu?

Lakki!
Silaa Kan galmaan na gahu
Qaama biraa mitii
Dukkanni na marsee
Na dhokatus ifti
Xiiqii kudhaammadhee
Abdii keessa kooti
Miila jabeeffadheen
Deema fuulduratti.

Address

Jimma
123

Telephone

+251953731669

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gemachu Wegari Denu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Gemachu Wegari Denu:

Share