24/08/2025
Melaaniyaa Tiraamp (bitaarraan) fi Emiin Erdogaan (mirgaan) bara 2019 wayita abbootiin manaa isaanii Waayit Haawusitti mari'atan walarganii turan
Reuters
Giifti dureen Turkii Emiin Erdogaan giti isaanii kan US Melaaniyaa Tiraamp ijoollee Gaazaa haleellaa Israa'eliin dararamaa jiraniif sagalee akka ta'an gaafatan.
Haleellaa Raashiyaatiin ijoollee Yukireen dararamaa jiraniif gargaarsa isaan taasisaa jiran kan jajan Emii Erdogaan, Filisxeemotaafis tumsa walfakkaataa akka taasisan gitasaanii kana gaafataniiru.
Xalayaa waajjirri Pirezidantii Turkii Sambata kaleessaa maxxanse keessatti Emiin Erdogaan Gaazaan ''iddoo awwaalcha daa'immanii taateetti,'' jedhan.
''Sagalee tokkoon waa'ee haqa dabee dubbachuu qabna. Kanarratti humna waliif ta'uu qabna,'' jechuun Melaaniyaa Tiraampiif dhaaman.
Emiin Erdogaan iyyannoo kana dhiheessuuf kan dirqaman erga UN daa'imman Gaazaa miiliyoona walakkaa ta'an beelaaf saaxilamuu fi kuma 132 kan ta'an ammoo hanqina nyaataan dararamaa jiraachuu ibseeti.
''Daa'imman Gaazaa kumaan lakkaa'aman irratti kan barreeffame 'daa'imman eenyummaansaanii hin beekamin' kan jedhu arguun sammuu keenya keessatti godaannisa yoomuu hin dagatamne kaa'ee darba,'' jedhan Emii Erdogaan.
Xalayaan kun Melaaniyaa Tiraamp ''miira daa'imman Yukireen waraanaan dhumaniif agarsiisan daa'imman Gaazaa keessatti dararamaa jiraniif agarsiisuu,'' kan jedhu of keessaa qaba.
Giifti dureen Ameerikaa kun Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''dararaa Gaazaa keessatti uummatarra ga'aa jiru akka dhaaban,'' kallattiidhaan akka dhiibbaa uuman gaafataniiru.
Jalqaba ji'a kanaarratti Melaaniyaa Tiraamp Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin waa'ee daa'immanii akka yaadan xalayaa barreessanii turan.
Ijoollee kam akka ta'an garuu adda baasanii hin eerre.
Giifti dureen Turkii yeroo baayyee dhimma siyaasaa keessatti hirmaatanii hin beekan.