Soolanee Oromiyaa

Call Directions Website

Soolanee Oromiyaa Yaarabbi jiruu gaarii kan nasuu hinqabne gamachuu male yaarabbi imaana gaarii kan gaflaa hinqabne

Yeroon ulfaataan sun fuula as naaneffateeraIr**n tuni Ajaa'ibuma qabdi abboo yeroo Amerikaan Misaa'ela Haadha boombii(Mo...
22/10/2026

Yeroon ulfaataan sun fuula as naaneffateera
Ir**n tuni Ajaa'ibuma qabdi abboo yeroo Amerikaan Misaa'ela Haadha boombii(Mother of bomb) jadhamu ifa gootetti, maaliif haati boombii abbaa manaa malee teetti jettee Misaa'ila (Father of Bomb) ifa goote.
Soolanee Oromiyaa

22/10/2026
Mucattiin xiqqoon kun kaleessa.  keessatti otoo Alaaba Somalia gadi buufttee Alaaba oromiyaa kana ol baafttee fannisaa j...
22/10/2026

Mucattiin xiqqoon kun kaleessa. keessatti otoo Alaaba Somalia gadi buufttee Alaaba oromiyaa kana ol baafttee fannisaa jirttuu waraana Somaleetin Ajjeefamtte kun yakka guddaadha motummaan oromiyaa yakka hojjetame kanaaf akka tarkkaanffii fudhatu Abdiin eegaa jirra✍️

reefuun hirribaa kahee maaltu jira
21/10/2026

reefuun hirribaa kahee maaltu jira

 .Abiyi Ahmed  !!Masjiidni kun masjiida Najjaashii jedhama. Masjiidni Ummata Muslimaa Itiyoophiyaa fakkaatu haa ijaaramu...
19/10/2026

.Abiyi Ahmed !!
Masjiidni kun masjiida Najjaashii jedhama. Masjiidni Ummata Muslimaa Itiyoophiyaa fakkaatu haa ijaaramuudhaaf erga lafti kennamee haala kanaan diizaayiniin hojjatamee waggoota lakkoofsiseera. Lafti masjiidni kun akka irratti ijaaramuuf kenname MM Dr.Abiyi Ahmadiin filatamee cinaa Waajjira Gamtaa Afrikaatii kenname.

MM Dr.Abiyi Ahmad ofii isaaniitii konkolaataa qabatanii deemanii filatanii bakki kun ummata muslimaa Itiyoophiyaatiif mala jedhanii kennan. Sana booda yeroo Injinar Taakkalee Uumaa Kantiibaa turan Kaartaa harka isaaniitiin dabarsanii Muftii Haji Umaritti kennan. Ummata muslimaa Itiyoophiyaatiin akka ijaaramuuf ture. Achi booda Liigiin Muslimoota Addunyaa nan ijaara jedhee fudhate innis hin taane.

Yeroo dhihoo as immoo abbootii qabeenyaa biyya keenyaa ijaaruuf waadaa galanii diizaayinii kanas fudhatan. Kunis oduu gaariidha jennee gammanne. Garuu yeroo ammaa kana haalli lafichi irra jiru nama gaddisiisa. Qotamee boolla ta'ee bishaan kuusee gatamee jira.

Erga masjiidni kuniifi lafti akkana miidhagu kennamee as Hidhi guddichi Abbayaa bakka kufee ka'ee ijaaramee xumuramee eebbifame. Erga masjiidni kun eegalamee misoomni koridarii magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyattii hundi akkanatti miidhagee hojjatame.

Itiyoophiyaatti ummanni muslimaa walakkaa ummata biyyatiiti jennee dubbachuun maali faayidaan isaa? Masjiidni kun silaa qaama biyya alaas utuu hin taane,abbootii qabeenya muraasas utuu hin taane, ummata biyyattii xiqqaaf guddaa dhiiraafi dubartiidhaan hanga danda'u gumaachee utuu hunduu hirmaatee wanni ummata muslimaa Itiyoophiyaa fakkaatu ijaamee, akkam nama gammachiisa ture. Kan hunduu ga'ee isaa keessaa qabaatu,kan hunduu keessatti of argu,kan hunduu moggaa biyyaa taa'ee achiin masjiida qaba jedhee yaadu,utuu hanga humna isaa hirmaatee masjidichi ijaarameeyyi.

Diizayiniin masjiida kanaa amaamaa ykn kuufiyyaa Ulamoonni keenya mataa isaaniitti maratan irraa fudhatame. Diizayinichis

 Finfinnee fi Bishooftuutti halee-llaan Diroonii raawwatameera" Maarkoo Ruubiyoo". Ministirri hajaa alaa Ameerikaa Maark...
19/10/2026



Finfinnee fi Bishooftuutti halee-llaan Diroonii raawwatameera" Maarkoo Ruubiyoo".

Ministirri hajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon garee fin-xaaleyyi "Alliance for Survival"( Tsimdoon) Finfinnee fi Bishooftuutti halee-llaa diroonii raawwachuu isaa mirkaneessan.

Ministirri dhimma Alaa Ameerikaa kun dubbii kan mirkaneesse gaafiif deebii har'a The Reporter irratti dubbateen yoo tahu, wayta halee-llaan sun gabaafamaa turetti; akka waan WBO'n raawwateetti haasamaa tureera.
Haa tahuu malee mirkaneessa Maarkoo Ruubiyoo kana hordofuun, xiinxalaan Siyaasaa obbo Jawar Mohammed halee-llaan Bishooftuu kan WBO akka hin taane, WBO irraa mirkaneeffadheera jechuudhaanis karaa Fuula miidiyaa hawaasaa isaatiin katabeera.

Torbee lama dura Bishooftuu Buufata Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti drooniiwwan xixiqqoo lama walitti aansee dho’uun, paayileetiin olaanaa Kassahun Lammaa lubbuun dabruun, namoonni lama ammoo madaa’uun gabaafamee ture.
Haaluma walfakkaatun finfineetti dhoohinsi dhaga’amuu Al Jazeera'n gabaaseeti jira.

Kana malees, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasingaanis guyyaa har'aa rakkoon keessoo Itoophiyaa karaa mariitiin akka furamu gaafate.

salawaata buusii darbii
19/10/2026

salawaata buusii darbii

 Garaa Nugubate 😭✅“Dhuma irratti boqochuusaa dhageenye.Namni kun Lammaa jedhama. Jiraataa magaalaa Finfinnee ti. Jaalall...
17/10/2026


Garaa Nugubate 😭✅

“Dhuma irratti boqochuusaa dhageenye.

Namni kun Lammaa jedhama. Jiraataa magaalaa Finfinnee ti. Jaalallee durbaa qaba ture. Jaalalleensaa kun sababa dhuunfaasheetiin carraa biyya alaa adeemuu argattee isa dhiistee sokkite.

Guyyaa tokko wal arganii, deemuu akka qabduu itti himtee, nagaa walitti dhaamanii gargar ba'anii gara mana manasaaniitti qajeelan.

Bariinaan isheen gara Ameriikaa deemte. Lammaan garuu erga guyyaa gaafa sanaatii iddoo gaafa sana itti nagaa walitti dhaamanitti deddeebi'ee dhaabachuu jalqabe. Guutummaan guutuuttis hojii dhaabe.

Ganamaan dhufee iddoo sana dhaabbata. Yeroo aduun seentu ammoo gara mana maatiisaatiitti gala. Kanas waggoota dheeraadhaaf godhe.

Maatiisaa dabalatee gorsa namootni isatti dhiyaatan isa gorsan hundumaa fudhachuu hin dandeenye. Jaalalleensaa dhufa waan turteef qara eegaa hafe.

Waggaa digdama booda gara biyyaa gaafa deebitu haala inni keessa jiru itti himnaan dubbisuuf deemtee turte.

Qaamaan agartee itti jigdee boo'aa nagaa gaafachuuf yaalte. Inni garuu ishee baruu hin dandeenye. Ammayyuu dhaabbatee jaalalleesaa eeguu itti fufe.

Waggootni dhufanii darban. Lammaanis umuriidhaan raagaa dhufe. Har'a kunoo boqoteera oduun jedhu miidiyaa hawaasaa dhuunfatee kan jiru hata'uyyuu malee namootni keessa Beekan ammoo hin duune jechaa jiru. Sanas ta'u kana, firiin gatii dadhabbiisaa inni jaalalaaf kaffale bu'a maleessa ta'ee hafe.

Fedasa

hidhameeraUtuu itti himnuu, Uummata kana dhiifama gaafadhuu keessaa harka fudhu jennee osoo kadhannuu, Warra Majliisaa o...
17/10/2026

hidhameera
Utuu itti himnuu, Uummata kana dhiifama gaafadhuu keessaa harka fudhu jennee osoo kadhannuu, Warra Majliisaa osoo irraa kadhannuu didee Giggimmi jedhe. Kunoo amma ol galfameera jedhan🥲

Nama tuffachuun kufaatii hamaaf nama saaxila jennaan nu dhaga’uu dide.

Kitaabni ati eebbisiifattu wa'iituu hin jiru🐮Yo didde wannoo markaza kesatti gadhiifame sana finee warra asiraatiin geen...
16/10/2026

Kitaabni ati eebbisiifattu wa'iituu hin jiru🐮

Yo didde wannoo markaza kesatti gadhiifame sana finee warra asiraatiin geenya😎☝️atumti maalinni qoy

Address

Etc. Com
Jimma
ETC.COM

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Soolanee Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share