Soolanee Oromiyaa

Soolanee Oromiyaa Yaarabbi jiruu gaarii kan nasuu hinqabne gamachuu male yaarabbi imaana gaarii kan gaflaa hinqabne

Dubartummaa fi Jabina Qorumsa Mo'atanii Argamuu 🤏Dubartoota fi ijoollee Islaamaa hundaaf onnachiiftuu fi fakkeenya dhuga...
15/06/2026

Dubartummaa fi Jabina Qorumsa Mo'atanii Argamuu 🤏

Dubartoota fi ijoollee Islaamaa hundaaf onnachiiftuu fi fakkeenya dhugaa taatee argamteetti. Hijaaba isheetiin faayamtee, amantaa isheetti cichitee galma ishee guddaa bira gahuu isheetiin nu boonsitee jirti.

Dr. Nabila Sharif gama amantaatiin hojii daawaa jabaa hojjechuun kan beekamte yoo taatu, gama barnootaatiin immoo Yuunivarsiitii Jimmaa (Jimma University), Faculty Medikaalaa irraa qabxii dorgomaa hin qabne CGPA 3.90 fiduun sadarkaa jalqabaa (Top Student) qabattee eebbifamuuf jirti!

🎓 Guyyoonni 12 qofti gara sirna eebbaatti kan hafan yoo ta'u, fageenyi abjuu sun har'a dhugaa ta'ee mul'achaa jira. DMD (Doctor of Dental Medicine) ta'uun tajaajila hawaasummaa bifa guutuu ta'een gumaachuuf qophooftee jirti. Alhamdulillah! 🎉

Baga gammadde Dr. Nabila Sharif! Obboleettii koo milkiin kee itti haa fufu!☪️☝️☝️

Booji'uun keessan gaarii ta'ee garuu akka seera waraanaa idila addunyaatti booji'amaa harkasaa duubatti deebiftee hidhuu...
14/06/2026

Booji'uun keessan gaarii ta'ee garuu akka seera waraanaa idila addunyaatti booji'amaa harkasaa duubatti deebiftee hidhuun yakka waraanaati. Kophee mormatti diruunis seera miti, hattuu kopheetimoo loltuudha namichi booji'ame? Isaan yeroo booji'amaa miidiyaatti mullisan madoo yaalaa nyaata nyaachisaa mullisu, siyaasaan isaan qaqqabuutu isin irra ture.
Akka kanatti umata biratti
Jallatamuman isin qabdan gad bu,a demaa
Kanaf gocha akkas irraa of qusadha
Nun gafa kana arginu garan nu gubata😢👌☝️☪️

ammas eegalaa jiru iraanonni jalqabaniiru
14/06/2026

ammas eegalaa jiru iraanonni jalqabaniiru

Pretty talented actress ❤️
14/06/2026

Pretty talented actress ❤️

 waliigalteen cabeera haleellaa Israa’el Beerut irratti raawwatte ilaalchisee "Gaazexeessaan Chaanaalii 12: Maddoonni ee...
14/06/2026


waliigalteen cabeera haleellaa Israa’el Beerut irratti raawwatte ilaalchisee
"Gaazexeessaan Chaanaalii 12: Maddoonni eegumsa mootummaa Iraanitti dhihoo ta’an akkana jedhu: ‘Deebiin Iraan ni taasifama jechuun mirkanaa’eera. Sa’aatii muraasa keessatti, samiin Israa’el ammas rooba misaa'iloota hedduun ni guutama.’☝️☪️

Yesuusmoo waaqayo isa yesuusiin  ergetti amanta giraa namatti galaam waansaa ilmaafii abaatu waaqaa taheem
14/06/2026

Yesuusmoo waaqayo isa yesuusiin ergetti amanta giraa namatti galaam waansaa ilmaafii abaatu waaqaa taheem

 Uuffff. miqqanyumaa dhiisii kan fayyaa qabdu fayyi jeshii darbi
14/06/2026


Uuffff. miqqanyumaa dhiisii kan fayyaa qabdu fayyi jeshii darbi

🌸 OBBOLEEYTII TOO QAALII OBBOLEEYSA KOO KABAJAMOO SHEEYXAANNI WAAN TAKKA QOFA SIRRAA FEDHA 🌸 share gochuun Waliifqooda •...
13/06/2026

🌸 OBBOLEEYTII TOO QAALII OBBOLEEYSA KOO KABAJAMOO SHEEYXAANNI WAAN TAKKA QOFA SIRRAA FEDHA 🌸 share gochuun Waliifqooda
•••••••••••••••••••••••••۞﷽۞••••••••••••••••••••••••
‎Rasuulli ۞ﷺ۞ akki je’e:
‎🤍 “Rabbiin qaama kheeysanii fii qabeenya kheeysan hin laalu garuu dalagaa teeysanii fii qalbii teeysan qofa laala.” 🤲

‎ ‎Kaleeysa sheek Abuu Is'haaq Al-Hiweeynii bidiyoo isaa takkan dhagaye. 🌙📖 Akki ja'u:

💔 “Sheeyxaanni ilma namaa kanarraa waan takka qofa fedha. Waan takka qofa barbaada. Takkittiin sun garuu waan hunda. Isiinis qalbii isaati.” 🤍
‎ ‎Qalbii teenya dhukkuba adda addaatiin akka tohannaa isaa jala oltu godha. 🥀

Namni tokko yoo dhukkuba qaamaa dhukkubsate doktoora qoricha isaa beekhu adunyaa tanarra bakka fedhe yoo jiraate, innis daquu dandahe irraa hin hafu. 🚶💊 Bira dhaqee wala'aansa barbaada.
‎ ‎Ammoo namni irra hedduun ykn hundi keenya jechuu dandeenya qalbii isaa ta sababaa isiin toluutiin iimaanaa fii dalagaan isaa toltu wala'aanuuf hin imaltooynu. 💔

‎ ‎Qalbii quraana dhageeysu humaa itti hin fakkaanne, gorsi meeqaatam hin boochifne baadhannee deemna. 😔 Dhukkubsattee jirti, garuu isii wala'aanuuf abaluu tokko ka gorsi isaa wala'ansa nuuf qabu bira dheeynee yeroo fii qabeenya qalbiif hin baafnu. 🥀.

‎ ‎Waan kana fakkaatu dubbate. Gorsi isaa dhuguma na tuqe, na ajaaibe, ifis nin dubbise, haala keenyas nin laale. 🤍

‎ ‎Rakkoon duniyaa hanga nu biratti jabduu takka rakkoon iimaana keenyaa, qalbii teenyaa nu biratti jabduu miti. 💔

‎ ‎Rabbiin qalbii teenya laala. 🌙 Rasuulli ﷺ akki je'e:
‎🤍 “Qaama keeysa foon tokkoo jira isiin tollaan qaamni hundi tole, isiin hammaannaan qaamni hundi hammaate; isiin qalbiidha.”
‎ ‎Rabbiin ol tahe akki je'e: 📖

‎﴿في قُلوبِهِم مَرَضٌ﴾ [Al-Baqarah: 10]
‎ ‎🤍 “Qalbii isaanii keeysa dhukkubaatu jira.”
‎ ‎﴿رَبَّنا لا تُزِغ قُلوبَنا بَعدَ إِذ هَدَيتَنا وَهَب لَنا مِن لَدُنكَ رَحمَةً إِنَّكَ أَنتَ الوَهّابُ﴾ [Āli ‘Imrān:

 Gooticha Biyya Isaaf Jiraatu🥰Gootichi Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa akka Afrikaatti gahumsaa fi baay'inaan akkasumas ...
13/06/2026


Gooticha Biyya Isaaf Jiraatu🥰

Gootichi Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa akka Afrikaatti gahumsaa fi baay'inaan akkasumas teekinooloojii ammayyaa hidhachuun sadarkaa jalqabaa irra kan jiru birmadummaa biyya isaa kabachiisuuf yoomiyyuu qophii dha!

Gootichi keenya waraana kamuu keessatti onnee guutuudhaan injifachuu malee injifatamee kan hin beekne , namuusaa fi gootummaan isaa maqaa Itoophiyaa ol-qabeera!

Injifannoon Kanuma Keenya🥰

  🇮🇷 🇮🇷 🇮🇷 "Walii Galtee Qofa Osoo hin taane faayidaan Argachuu qabnu sirriitti kabajamee ta'uu qaba" 🚨 Waraana Dhaabuuf...
13/06/2026

🇮🇷 🇮🇷 🇮🇷
"Walii Galtee Qofa Osoo hin taane faayidaan Argachuu qabnu sirriitti kabajamee ta'uu qaba"
🚨 Waraana Dhaabuuf Qofa Iraaniif Doolaara Biiliyoona 46 Tuulameef! Sa'aatii 24 Booda Maaltu Eegamaa Jira? 🚨

Waraana addunyaa yaaddesse kana ariitiin akka dhaabduuf, biyyoonni adda addaa fi qaamoleen gurguddoon kaaznaa mootummaa Iraan maallaqa doolaara biiliyoonaan lakkawamuun guutaa akka jiran saaxilame. Akka gabaasaaleen addeessanitti, Imireetonni Arabaa Gamtoomanii (UAE) misaa'eloonni Iraan gara isaaniitti akka hin dhukaafamneef fi waraanichi akka dhaabatuuf doolaara biiliyoona 10 kan dhiyeessan yoo ta'u, maallaqni kunis dabarfameera jedhamee gabaafamaa jira.

Haaluma walfakkaatuun, mootummaan Kuwaataaris dhimma waraana kanaa tasgabbeessuuf doolaara biiliyoona 12 kan dhiyeessite yoo ta'u, kana keessaa biiliyoonni 6 kallattiin yoo kennamu, biiliyoonni 6 hafe immoo maallaqa Iraan kan Kuwaataar keessatti ugguramee ture gadhiisuudha.

Gama biraatiin, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis waliigaltee nagaa seena-qabeessaa kana milkeessuuf tarkaanfii fudhataniin, maallaqa Iraan doolaara biiliyoona 24 dhorkamee ykn ugguramee ture deebisanii gadhiisuuf walii galaniiru.

Tarkaanfiiwwan araaraa kana hordofee, Pirezidaanti Tiraamp torban dhufu gara Faransaay imaluun bakka bu'oota biyyoota Arabaa adda addaa waliin marii ni taasisu jedhamee eegama. Waliigalteen dhumaa Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru sa'aatii 24 aanee jiru keessatti akka mallatteeffamu kan eegamaa jiru yoo ta'u, boru guyyaa dhaloota Pirezidaanti Tiraamp waan ta'eef waliigalteeni kun guyyaa kana irratti ifa ta'a jedhamee tilmaamamaa jira; kunis waraana Itoophiyaa dabalatee addunyaa hunda dhiphise kana waliigaltee nagaan goolabamuuf sa'aatiilee muraasa qofatu hafe akka jechuuti.

Address

Etc. Com
Jimma
ETC.COM

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Soolanee Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share