08/05/2026
Odaa Oromoo
Odaa Shanan Oromoo jedhamee yeroo baay'ee himama. Odaan seerri jalatti tumame Shani jedhamee amanama. Haa ta'u malee Odaaleen Oromoo 9 kan jedhanus jiru. Odaan shanan jedhaman:
1.Odaa Roobaa,
2.Odaa Nabee,
3.Odaa Bisil,
4.Odaa Bulluqii fi
5. Odaa Bultum.
Maanguddoon Haajii Mormor Abbaa Seenaa jedhaman seenaa afoolaan jiru yo himan, odaan Oromoo sagal jedhu. Dabalaanis, odaa shanitti seeratu tumame, afuritti ammoo seerrri itti eebbifame, jedhu. Odaa gugurdoo Oromoon jalatti murtee gurguddoo dabarfatu keessaa:
1. Odaa Nabee (Shawaa Bahaa naannoo Duukam)
2. Odaa Bultum (Harargee )
3. Odaa Bulluq (Horroo-guduruuWollaggaa)
4. Odaa Adoolaa (Gujii)
5. Odaa Roobaa (Baale)
6. Odaa Bisil ( Macca keessa)
7.Odaa Hullee, (Jimma)
8. Odaa Doogii,(Ilu-abbaa-boor)
9.Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo jedhama)