19/12/2023
Nutis dhamaatii keenya firii isaa arguu keenyaaf gammanneeraa
🙏
Akkam ooltan? Dheengadda nama dhukkubsate gaafachuu hospitaala deemeen ture. Namoota baadiyyaadhaa yaaliif waan qaban gurguranii dhufanii qarshii harkaa fixuun waan qorichaan bitan dhaban, kan waggaa dheeraa oksijiiniidhaan jiraatan baay'ee argee garaan na raafame. Qabaadhee kennuu hin danda'u. Sana booda tasa dorgommii Bejai Nerash baase argeen itti goree hirmaadhe. Buna keenya warqee sanaan. Yeroon hirmaadhu yoon injifadhe namoota hospitaalatti rakkataniifan qooda jedheen waadaa gale. Alhamdulillaah kunoo injifadheera. Hojiin nan hojjedha jedhee dorgomee waadaa seene sana qarshii dhuunfaa kootiin nan eegala. Waadaa koo ammoo namootan jedheef nan oolcha Insha'Allaah. Obboleewwan koo biyya keessaaf alaa ana caala itti dhiphattanii na moosistan galatoomaa. Wantan osoon hin dubbatin darbuu hin barbaadne tokko page koo kana kanan deeggarsuma keessaniin harka qalleeyyii meeqa imimmaan irraa qoorsaa, karaarraa kaasaa, kan beela'e waanuma isin ergitaniin nyaachisaa turre sababa dorgommii kanaa narratti akka cufamuuf gareen ijaaramee report narratti godhamaa oole. Dhaabbatni Metta sa'atii 24 keessatti akka cufamuuf malu na beeksise. Namoota muuxannoo qabaniin ilaalchisaan jira. Ani garuu badii koo hin barre. Waanuma hundaafuu Bagan isin qabaadhe. Ammas irra deebi'ee Alhamdulillaah. Waadaa koo hospitaala deemee namootaaf qoodee viidiyoo isiniifan maxxansa ulfaadhaa🥰
Buna Jimmittii waliin yeroo dhihootti wal agarra😋