Ida'amuu

Ida'amuu Jaallatamoo fi kabajamoo saba keenya akkam naaf jirtu ? Yaada hiddama ida'amuu kan hin qabne anaaf...

Hoolaan Fira gaarii qabdu duba bakkee keessee bulti jedha oromoon mee hikaa isaa koomentii Jala naaf kayaa ,Akka mataa k...
29/12/2025

Hoolaan Fira gaarii qabdu duba bakkee keessee bulti jedha oromoon mee hikaa isaa koomentii Jala naaf kayaa ,Akka mataa keessaniin itti hiiktanitti

Duudhaa obbolummaa!“Siyaasa ammayyaa biyya keenyaa keessatti iddoo baay'ee gad-aanaa kan qabuu fi duudhaan ammayyummaa h...
27/12/2025

Duudhaa obbolummaa!
“Siyaasa ammayyaa biyya keenyaa keessatti iddoo baay'ee gad-aanaa kan qabuu fi duudhaan ammayyummaa haalaan osoo hin dagaagin hafe obbolummaa dha.”

Fuula-117
IDA’AMUU

 ‼️ Ani jedhan   Abiy Ahmed Ali " biyya kam waliinuu wal-dhibdee keessa seenuu hin fedhu.Biyyoota hunda waliinuu hariiro...
03/12/2025

‼️

Ani jedhan Abiy Ahmed Ali " biyya kam waliinuu wal-dhibdee keessa seenuu hin fedhu.
Biyyoota hunda waliinuu hariiroo obbolummaa ummachuun badhaadhina waloof akka hojjannun fedha.

Garuu jedhan Dr Abiy diinoonni keenya dirqiin harka keenya micciranii ergamtuu jaraa nu gochuuf yoo dhufan, Nuti gootota lubbuu ofii woreegee birmadummaa biyya isaa tiksu ta'uu keenya itti agarsifna. Nu tuqanii ilaaluu danda'u gonkuma nu dura dhaabbatanii nu injifachuu hin danda'an.

Qajeeltoo mootummaa Ida'amuu!!Mootummaan Ida'amuu qajeeltowwan kalaquu, saffisuu, baay'isuufi qulqulleessuu kan of-keess...
03/12/2025

Qajeeltoo mootummaa Ida'amuu!!

Mootummaan Ida'amuu qajeeltowwan kalaquu, saffisuu, baay'isuufi qulqulleessuu kan of-keessaa qabuudha

- kalaquu: Yaada fi furmaata haaraa maddisiisuudhaan dameewwan hojii fi misooma gara garaa babal’isuu;
- Ariitii/saffisuu: Hojiiwwan misoomaa fi tarkaanfiiwwan jijjiiramaa saffisaa fi gahumsa ol’aanadhaan raawwachuu;
- Baay’isuu: Muuxannoowwan gaggaarii fi milkaahinoota argaman karaa qindaa’een babal’isuu;
- Qulqulleessuu: Raawwii hojii, sirnaa fi bu’aa hojii itti fufiinsaan fooyyessuudhaan qulqullina mirkaneessudha.

Ilaalcha Motummaa Ida’amuu keessatti misoomni dinagdee akka waan teessoo tokko irratti ijaarameetti hin ilaalamu, . Miso...
03/12/2025

Ilaalcha Motummaa Ida’amuu keessatti misoomni dinagdee akka waan teessoo tokko irratti ijaarameetti hin ilaalamu, . Misoomni dhugaa yeroo mootummaa, fi hawaasni humna tokko ta’anii carraa hojii, invastimantii, qonnaa, barnoota fi teknoolojii bira ga’anii hojjetan ni dagaaga. Tokkummaa yaadaafi qajeelfama tokko yoo jiraate qabeenyi biyya keessa jiru akka humna guddaa ta’ee tajaajila. Dargaggoonni akka humna dabalataa dinagdee ilaalamu, beekumsi naannoo keenya akka madda misoomaa ta’utti fudhatamu fi seera walii-galtee irratti hundaa’uun sochiin gaggeeffamu bu’uura misoomaa ti.

Akkuma kanaan, misoomni dinagdee waliigala keessatti nageenyafi tasgabbiin bu’uura guddaa dha. Nageenyi yoo jiraate carraa daldalaa ni babal’atu, proojektoonni ijaaramu, maallaqiis daangaa hin qabneen ni socho’a. Ilaalchi Motummaa Ida’amuu misoomni dhugaa walqixummaa keessatti akka dhalatu barbaada; hojii uumuun, qonnaa fooyyessuun, magaalaa fi baadiyyaa haala walqixa tajaajiluun fi karoora fuulduraa qabatamaan hojiirra oolchuun akka dinagdee biyyaattiin jabeeffamu kan hojjetu. Kanaafuu misoomni dinagdee ni milkaa’a .

“Gaaga’ama keessatti fayyinni, diigama keessatti haaromsi, bittinnaa’anii baduu keessatti walitti qabamuu fi walqabatani...
13/11/2025

“Gaaga’ama keessatti fayyinni, diigama keessatti haaromsi, bittinnaa’anii baduu keessatti walitti qabamuu fi walqabatanii ka’uun Daandii Ida’amuuti. Biyyi keenyas utubaa Ida’amuu kanaan adeemuu fi adeemsa diigamsaa fi faffaca’iinsaa keessa seente keessaa bilisa bahuu ishii barbaachisa.”

(Kitaaba Mootummaa Ida’amuu Fuula 114)

13/11/2025

Rakkoo darbe hundaaf furtuun
ida'amuudhaa keektaa?

Ida'amuun, damee hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee dabalatee yaadama  jireenya dhuunfaa fi hawaasa hundaa waliin kan wal...
13/09/2024

Ida'amuun, damee hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee dabalatee yaadama jireenya dhuunfaa fi hawaasa hundaa waliin kan walitti hidhamuudha. Kaayyoon isaas biyyi keenya Itoophiyaan daandii irra deemtee bakka dhaqqabuu qabdu kan agarsiisudha.
Yaadamni kun jabaatee akka lafa qabatuuf dhimmoonni ijoo sababa ta'uun dhiibbaa geechisan jijjiirrama biyyoolessaa hordofuun qormaatilee mudatanii fi furmaata waaraa barbaadaniidha.
Waan Kana ta'eef, yaadamni ida’amuu kun rakkoolee qabatamaa biyya keenyaa fi qor-qalbii uummata keenyaa kan bu'ureeffateedha. Maddi yaadamichaas haalawwan qabatamaa biyyoolessaa waan ta’aniif hiikni ida'amuuf kennamu isa kana irraa kan maddeedha.

Galmoota Gurguddoo Sagantaa Hawaasummaa Paartii Badhaadhinaa! **************1.  Sirna barnootaa fi leenjii haqummaa qabu...
05/09/2024

Galmoota Gurguddoo Sagantaa Hawaasummaa Paartii Badhaadhinaa!
**************
1. Sirna barnootaa fi leenjii haqummaa qabu, qulqulluu fi sirrii ta’e mirkaneessuu,

2. Sirna fayyaa dursanii dhibee ittisuu fi yaalanii fayyisuu rratti xiyyeeffate diriirsuu,

3. Sirna wabii hawaasummaa ga’umsa biyya keenyaa tilmaama keessa galche diriirsuu,

4. Hirmaannaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa, akkasumas fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggoota jabeessuu,

5. Heddummina keenya irratti kan xiyyeeffatu guddina misooma afaanii, aadaa fi hambaa guddisuu.

Sonawwan gaggaarii jabeessun ibsituu addaa Paartii Badhaadhinaati! *********Mootummaan Paartii Badhaadhinaatin durfamu r...
02/09/2024

Sonawwan gaggaarii jabeessun ibsituu addaa Paartii Badhaadhinaati!
*********
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatin durfamu rakkoolee ariifachiisaa uummataa adda baasudhaan waloomina cimsuu karaa danda'uu fi dandeettii ummataa yeroo kamiyyuu caalaa haala tokkummaa isaa guddisuu danda'uun qindeessuun milkaa'ina argamsiisaa jira.
Erga jijjiiramni dhufee as, Paartiin keenya hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffataniif dursa kennuudhaan, waloomina, waliif yaaduu fi wal-gargaaruu giddu galeessa karaa godhateen, akkasumas taateewwan namoomaa hedduu raawwateera; raawwachaas jira.
Keessaayyuu, hojileen haaromsaa fi ijaarsa manneen namoota harka qalleeyyii ta’aniif hojjatamaa jiran adda durummaan kan eerramaniidha. Hojii gaarii kanaan, godoowwan itti jiraachuuf nama hin dandeechifne, ol qabamanii akka haaromfaman ta'aniiru; maatiin yeroo gannaa roobni, bona aduudhan rakkachaa turan jireenya boqonnaa qabu jiraachuu eegalaniiru.

Gufuwwan/Danqaawwan Badhaadhinni akka  galma hin geenyeef sakaalla Hamaa ta'an.✅🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹✍️✍️✍️✍️✍️
29/08/2024

Gufuwwan/Danqaawwan Badhaadhinni akka galma hin geenyeef sakaalla Hamaa ta'an.✅🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹🇪🇹✍️✍️✍️✍️✍️

Address

Jimma

Telephone

+251955123456

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ida'amuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Ida'amuu:

Share