Falmii seeraa

Falmii seeraa Hubannoo seeraa uumuu fi argachuuf

18/12/2020

👉 'iyyannoo Yakkaa:
✔Namni kamiyyuu murtee Mana Murtii falmicha ilaaluun isaan irratti kenname irratti Mana Murtii aangoo qabutti ol'iyyannoo dhiheeffachuuf mirga qabu,Heera Mootummaa keewwata 20(6);
✔Seeraan yoo dhoorkame malee ol'iyyannoo gaafachuun mirga.
✔Abbaan Alangaa yookiin himataan dhuunfaa murtii himatamaa bilisaan gaggeessuun kenne yookiin adabbiin kenname gahaa miti jechuun ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 185(2).
✔Namni murtiin balleessummaa irratti kennamee fi murtii adabbii kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 185(1).
✔Himatamaan yakka ittiin himatame guutumaan guutuutti amanee bu'uura amantaa isaatiin murtiin balleessummaa erga murtaa'een booda hammi adabbii/adabbiin kenname deeggarsa seeraa kan hin qabne yoo ta'e malee Murtii balleessummaa kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 185(1).
💥Haa ta'uutii garuu,Manni Murtii dhimmicha jalqaba ilaale himatamaan himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guutuutti osoo hin amanin osoo ragaa dhagahuu qabu osoo hin dhagahin himatamaan amane jechuun murteesse irratti komii ol'iyyannoo yoo gaafate,komiin kun ifaan galmee keessatti kan mul'atu yoo ta'e,Manni Murtii ol'iyyata dhagahu dhimmicha ilaalee murtii Mana Murtii jalaa diiguun dhimmicha irratti ragaan dhagahamee Murtii itti fakkaate akka kennu Mana Murtii dakaatti deebisuu ni danda'a.
18ffaa Lakkoofsa Galmee 111742 ta'e irratti "Manni Murtii yeroo himatamaan jecha amantaa fi waakkii kennu himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guutuutti amanuu mirkaneeffachuuf dirqama kan qabu ta'uu" Murtii dirqisiisaa kennee ture.
✔Ajajoota yeroof kennaman kan akka:-
- beellama yeroo,sdfy keewwata 94,
-mormii sadarkaa duraa,sdfy keewwata 131,fi
-ragaa fudhachuu fi dhiisuu,sdfy keewwata 146 irratti ol'iyyannoo dhiheeffachuun hin danda'amu,Sdfy keewwata 184.
✔Garuu,murtii balleessummaa yookiin yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi dhiisuu ykn murtii bilisaan gadhiisuun kenname irratti ol'iyyannoo yoo gaafatame qabxiiwwan kanniin qabxii komii ol'iyyannoo godhanii dhiheessuun ni danda'ama.Sababni isaas Murtii yookiin ajaja dhumaa waan ta'eefiidha.
✔Ajajoonni ol'iyyannoon hin danda'amu jedhamee seera deemsa falmii yakkaa keewwata 184 jalatti tarraa'an duguugamee kan tarraa'ee miti(not exhaustive list).Tarreeffama kana keessatti ifaan kaa'amuu baatullee ajajni tokko amala isaatiin faayidaa yeroodhaa kan qabu qofa yoo ta'e,Manni Murtichaa ol'iyyannoo dhimmicha irratti dhihaate fudhachuu dhiisuu danda'a.Sababni isaas ol'iyyannoo gaafachuu kan danda'amu Murtii balleessummaa ykn yeroodhaaf gadi lakkisuu ykn himatamaa bilisaan gadi lakkisuun Murtii kenname ykn murtii adabbii irrattiidha,sdfy keewwata 181 fi 185.
✔Ol'iyyataan yookiin abukaatoon ol'iyyataa erga murtiin kenname kaasee guyyaa 15 keessatti iyyata ol'iyyannoo Mana Murtii sadarkaa ol'aanutti dhiheeffachuu qaba.
✔Iyyanni ol'iyyannoo(memorandum of appeal) guyyaa garagalcha Murtii erga fudhatee guyyaa 30 keessatti karaa kutaa ofisara seeraatiin dhihaachuu qaba,sdfy keewwata 187(2).
13ffaa Lakkoofsa Galmee 73264 ta'een "dhimma yakkaa irratti Murtii kenname irratti gareen komii qabu ol'iyyannoo daangaa yeroo seerri kaa'e keessatti Mana Murtii aangoo qabutti dhiheessuu akka qabu"seera deemsa falmii yakkaa keewwata 187(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
9ffaa Lakkoofsa Galmee 39722 ta'e irratti"himatamaan Murtii kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu osoo barbaadu duubatti harkifannaa Mana Murtii murticha kenneetiin yeroon ol'iyyannoo kan darbe yoo ta'e,iyyatni eeyyamsiisaa fudhatama kan qabuudha"jechuun sdfy keewwata 187 wajjiin wal qabsiisuun Murtii kennee ture.
✔Iyyanni ol'iyyannoo Murtii ol'iyyata gaafatame irratti sababoota mormii(komii) qaban gabaabinaan adda baasee ceephoo ykn qeeqa osoo hin dabalatin tarreedhaan barraa'uu qaba.Namni ol'iyyata gaafatu waan isaaf murtaa'u barbaadu iyyata irratti ifaan kaa'uu qaba,sdfy keewwata 189(1).
✔Ol'iyyataan ol'iyyanni dhagahamuun dura yeroo kamiyyuu ykn yeroo ol'iyyanni dhagahamu murtiin jalaa dhorkamee akka turuuf Mana Murtii ol'iyyata dhagahutti iyyachuu ni danda'a,sdfy keewwata 188(5).
✔Himatamaan ol'iyyanni hanga murtaa'utti wabiin kan gadi lakkifame yoo ta'e,Manni Murtii ol'iyyata dhagahu hanga murtii kennutti adabbiin hidhaa hin eegalu,sdfy keewwata 188(2).
✔Himatamaa irratti murtii hidhaa murtaa'e irratti ol'iyyannoo osoo hin gaafatin;Abbaan Alangaa adabbiin gahaa miti jechuun ol'iyyannoo yoo gaafate himatamaan wabiidhaan gadi lakkifamuu hin qabu.
✔Himatamaan bilisa kan bahe ykn hidhaan ala murtiin wayii kenname irratti,Abbaan Alangaa yeroo ol'iyyata gaafatu;Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ulfaatina yakkichaa,carraa himatamaan miliquu danda'u,akkasumas ol'iyyanni ilaalamee Murtii balleessummaa kennamu ykn carraa adabbii dabalamuu danda'uu fi gosa adabbii murteessuu danda'u yaada keessa galchuun akka haala isaatti ol'iyyanni hanga dhagahamutti himatamaan too'annaa jala akka turu ykn wabiidhaan akka gadi lakkifamu ajajuu ni danda'a.
10ffaa Lakkoofsa Galmee 48617 ta'e irratti "Murtii adabbii Manni Murtii jalaa kenne irratti adabbiin xiqqaate yookiin olka'e jedhamee haala ifa ta'een ol'iyyannoon hin gaafatamne irratti Manni Murtii ol'iyyata dhagahu adabbii gadi buusee yookiin ol kaasee Murtii kennuu hin danda'u" jechuun seera deemsa falmii yakkaa keewwata 195(2)(D) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.✍

10/08/2020

Now days the Ethiopian government agents extended all kinds of harassments on citizens livening in neighbor countries like Kenya, Somalia, Djibouti and the Sudan. The lives of citizens are threatened, disrupted and ended by these abuses. The abuses include ethnic cleansing and genocide, torture, and persecution, trafficking in women and children, prevalent domestic violence and r**e, and female ge***al mutilation.
To end this cycle of pain and suffering of the citizen HRLHA will work with domestic and international similar humanitarian organizations .HRLHA also believes that,the most effective way to stop this inhuman activity of the government agents is through the human rights education, monitoring, and reporting human rights abuses.

06/05/2020

If the interpretation of the constitution is about adding a new article, what if HOF add one more article that proclaimed 'afaan oromoo 'as working language of federal government beside zt of Amharic

28/04/2020

Adaraa seeraa

The right to access to an information better during TPLF than Abiy
26/03/2020

The right to access to an information better during TPLF than Abiy

19/03/2020

Murtoo sirrii!

09/02/2020

Manneen murtii naannoo Oromiyaa gubbaa hanga jalaa jiran sadeen keessaa tokko du'aaf jireenyaa gidduu jira። Manni murtii kun kamiidha A, mana murtii Aanaa B, mana murtii ol'aanaa C, mana murtii waliigalaa.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Falmii seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Falmii seeraa:

Share