13/01/2022
✅ Gaa’elli bu’uura hawaasa waan ta’eef seerri eegumsa guddaa godheefi jira.Gaa’elli seera duratti ragga’e tokko ulaagaa guuttachuu qabu seerri maatii tarreessee kaa’ee jira.Ulaagaan seerri maatii kaa’e kuni yoo hin guutamin gaa’ela raawwateef seerri eegumsa hin godhu.Ulaagaa guutamuu qabu osoo hin guutin sobaan yookaan gowwoomsuun gaa’elli raawwatee booda yoo barame yookaan irra ga’ame bu’uura seera yakkaa keewwata 646tiin yakkaan nama gaafachiisa.
✍️ Keewwata 646. Fuudhaa fi Heeruma Dabaan Yookiin Gowwomsuun Raawwachuu
👉Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma yommuu raawwatu yookiin raawwachuuf jecha fuudhaafi heerumicha diiguuf yookiin akka hin raggaane taasisuuf kan dandeessisan ijoo dubbii sababoota seeraan tumaman keessaa tokko kan guutu itti yaadee kan fuudhaafi heeruma waliin raawwatu kan dhokse yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen ni adabama. Namni kamiyyuu itti yaadee eenyummaa isaa ilaalchisee nama biroo dhoksuun, dogoggorsuun, waliin dhahuun yookiin gowwomsuun fuudhaafi heeruma kan raawwate yoo ta’e; iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni adabama.
👉 Akka waliigalaatti,namni gaa’ela(bultii)seeraan dhoorkaman kanneen armaan olitti caqasaman kanneen raawwate,raawwachiise,akka maanguddummaatti ykn akka abbaa amantiitti hirmaate bu’uura seera yakkaa keewwata 647tiin hanga waggaa 3tti adabamuu danda’a.
✅ Keewwata 647. Fuudhaafi Heeruma Seeraan Dhorkame Raawwachiisuu Yookiin Raawwachuu
👉Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma seeraan dhorkame itti yaadee kan raawwachiise yoo ta’e;
hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen ni adabama.
Fuudhaafi heeruma seeraan dhorkame itti yaadee wal fuutota keessaa kan raawwate, namni hayyame yookiin namni fuudhaafi heeruma akaakuu akkanaatiif ragaa ta’e adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama. Gochi keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabsiisa.
✍️ ’ela_Umrii_Malee
Umriin namni tokko gaa’ila /bultii itti ijaarrachuu danda’u kan seeraan kaayame waggaa 18.Namni kamiyyuu,dhiiras ta’ee dhalaan umrii waggaa 18 ol osoo hin taane fuudhuu ykn heerumuu hin danda’u.Namni osoo waggaa 18 hin guutin gaa’ila raawwate bu’uura seera yakkaa keewwata 648tiin yakka waan ta’eef nama adabsiisa.
✍️ Keewwata 648. Fuudhaafi Heeruma Umurii Gaa`elaaf Hin Geenyee
namni kamiyyuu seera maatii rogummaa qabuun kan hayyamameen ala itti yaadee ijoollee gaa`ela hin geenye kan fuudhe yoo ta’e: umuriin miidhamtittii waggaa kudha sadii yookiin isaa ol yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen; yookiin umuriin miidhamtittii waggaa kudha sadii gadi yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabsiisa.
✍️
Dhiirri tokkoo dubartiin takka waliin bultii ijaarratanii akka abbaa manaa fi haadha manaatti gaa’ilaan/nikaadhaan osoo waliin jiran bultii kana irratti kan lammaffaa ijaaruun seeraan dhoorkamaadha.Dhiiras ta’ee dubartiin fuudha irratti fuudha raawwatte seeraan ni gaafatama/ti.Jaarsaa fi jaartiin gaa’ela yookaan bultii keessatti yoo walii galuu didan addaan ba’uun mirga lamaan isaaniti.
✅ Gaa ’elli/nikaan gaafa raawwatu haala sadiin ta’uu danda’a.Kunis:qaama aangoo seeraa qabu duratti,haala aadaatiin fi amantaadhaani.Kana jechuun bultiin karaa sadiin ijaarrama jechuudha.Bultii karaa sadiin ijaarramu kuni gaafa diiggamu garuu karaa tokkoon qofa.Kunis mana murtiin qofa.Manni murtii kan sheriyaa yookaan kan idilee ta’uu danda’a.Gaa’elli tokko diigame kan jedhamu mana murtiin yoo diigame qofa.Gaa’elli/nikaan maanguddoodhaan diigamuu hin danda’u.Ragaan diiggaa gaa’elaa/nikaa maanguddoo irraa dhufus fudhatama hin qabu.
👉 Namni maanguddoodhaan nikaa hiikkadhe jedhee bultii biraa ijaares yakka fuudha fuudharraa raawwate jechuudha. sababaan isaas maanguddoon bultii eeguu,jajjabeessuu,ijaaruu malee diiguu waan hin dandeenyeefi.
✍️ Namni bultii keessatti waayila bultii isaan walii galuu hin dandeenyee fi hiikkaa barbaade gara mana murtii sheri’aa yookan mana murtii idileetti deemuun hiikkaa gaafachuu qaba malee ganda keessatti qaama bultii diiguuf aangoo hin qabneen nikaa hiikkatee bultii biraa yoo ijaare bultiin duraa qaama aangoo qabuun waan hin hiikkamneef akka hin hiikkamneetti fudhatamee bu’uura seera yakkaa keewwata 650tiin yakka fuudha irratti fuudha raawwachuutiin gaafatama.
✍️ Keewwata 650. Fuudhaafi Heeruma Irratti Fuudhaafi Heeruma Raawwachuu
Namni kamiyyuu fuudhaafi heeruma seeraan ragga’ee duraan jiru osoo qabuu fuudhaafi heerumni kun digamuu yookiin haqamuu isaatiin dura fuudhaafi heeruma biroo kan raawate yoo ta’e; hidhaa salphaan; yookiin dubbichi ulfaataa yoommuu ta’u keessumattuu balleessichi haala dhugaa ofiisaa dhoksuun nama fuudhaafi heeruma lammaffaa isa waliin raawwate beekaa kan dogoggorse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
Namni fuudhaafi heeruma hin raawwanne kamiyyuu namni biroon fuudhaafi heeruma ragga’e qabaachuu isaa osoo beekuu nama kana waliin fuudhaafi heeruma kan raawwate yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.
Fuudhaafi heeruma lamaan keessaa tokko hanga diigamutti yookiin haqamutti lakkaa’amuun darbiinsa yeroo himannaa yakkichaa dhorkamee ni tura.
✍️
Namni bultii qabu tokko fuudhaafi heeruma bu’uura seera hariiroo hawaasaan ragga’e osoo qabuu nama biroo waliin saalqunnamtii kan raawwate yoo ta’e;
iyyannoo dhuunfaa walfuutota keessaa inni miidhame dhiyeeffatuun, hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.Nama osoo beekuu nama fuudhaafi heeruma seera qabeessa ta’e qabu waliin sagaagalummaa raawwate irrattis adabbiin kun raawwatamaa ni ta’a.Iyyataan gochichi sagaagalummaa akka raawwatamu kan kakaase yookiin kan irratti waliigale yookiin dhiifama kan taasiseef yookiin gochuma kana irraa faayidaa kan argate yoo ta’e; namni balleesse yakkaan gaafatamaa hin ta’u.
Galatoomaa
Fuula hubannoo seeraa