Qubee generation media

Qubee generation media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qubee generation media, College & University, Nekemte, Metu.

31/01/2022

Ani asii fiffiladheen bareedeen suuraa ka'aa
Nyaadhee dhuges kuufees natti toleen gad-ba'aa
Akka yaadamu ta'uu baatuus hallii hunduu akka yaadame
Akkin eegee fi akkin argees yoo wal jala fuudhame
Jira jiraadheen jira hanga har'aattii dhaabadhee
Inuman jira jiraadheera yeroo kanas isaan argadhee.

Maal ta'a hiyyeessi rabbii hagabuyyuu quufee bulaa
Hin yaadda'u hin rakkatuu abdiisaatu isa bira
Argachuukoon dhabuukoon ani uumaakoo hin madaluu
Waan harka koorra jiruunis takka ani isa hin tilmaamuu
Inni uumaa maraati uumaa uumama hundumaaa
Kan tures kan jiraatuu isakaa bara hundumaa
Galanarra kan deemuu gaarotarra qaari'ee
Urjootas kan lakkaa'u dangaa lafaas isa baree

Uumaa uumana hundumaa hundaa dursee kan ture
Akkamiin faalla goree waaqayyoo wal dhabure
Nan eyyamu sammuun koo lakki naan kennu faara
Isan argadheef dhabeen hin madaluka gaara
Inni gaara gaarotaatii olba'e kan mul'atuu
Mootii mootota hundaatii aangoosan kan mul'atu
Ulfaadhu yaa uumaakoo galatakee nan hima
Mee takkaa na dhageeffadhu yaaddookoos sitti hima

Na dhageessaa uumaakoo gurrikee hin qabu didaa
Naaf deebista gaaffiikoos ato hin jettu maal fiddaa
Ijjikee kan ilaaluu gara ilmaan harka keetii
Maaloo na dhagahimee ano siittan iyyadheeti

Qubeeffachuu wallaluus yaadakoo toora galchee
Sitti himachuuf rakkadhus eessaa kaaseen eessa akkan galchee
Ni argita atoo keessakoo isa dhokatee jiru
Ni argita garaa nama qiliilee fagoos jiru

Meemee! ani akkamiin kokkolfee jiraadhaa gagamadee burraqee
Rakkinni fi gadadoonoo sabakoorratti wal argee
Fanxoo irratti cophxoo maaf baata sabni kiyyaa
Ni argita waaqayyookoo furmaanni isaa sibira

Eyyeen,ani nyaadheen dhugees inuman jira akkasaatti
Qileessa uumaan naaf kennee inuma hargana hammasaattii
Homaa akka jaraa sanii yoo ta'uudha baatee madaalliin jiraachuukootii
Jirraa inuma jedhamna akka biyya kanaattii(?)

Garuu lammiinkoo gara sanii gad bahee ol hin galuu
Hidhameera qaallittii hin seenne malee mirgi namoomaasaa hin eegamu
Sarbameera dhugaadhumatti waanti inni qabu hunduu

Gad- bahee olgaluuf meeqa bir'ataa deemaa
Kan gad bahee achiin hafes lakkoofsa hin qabu jamaa hunduu du'aaf eegamaa
Haadhakootu mirga dhabee,abbaakootu hidhamee
Obboleessi hidhaa jira manni cuufatti eegamee
Qabeenyaan lammiinkoo qabu gubateera akka baalaa
Maaloo yaa rabbii hin argituu falli isaahoo sibira

Akkamiinii???? Saba aannaan sii kennuuf deebistaree summii hadhaa
Baatee ol sibaasee teessoo keerrattii deebite itti gamtaa?
Maaloo uumaan maal siin jedha yaa isaa dabaa hojjettuu

19/01/2022

Nuhoo Goobanaa!
Seenaan kee dhaloota qubeen ni yaadatama! Hojiiwwan qaqqaalii ati jalqabdees dhaloonni qubee galmaan ni gaha!
Biyyee sitti yaa salphattu.
Lubbuu kee yaa jannattuun hawwii dhaloota qubeeti.

19/01/2022

JECHOOTA AFAAN OROMOO HIN TAANE GARUU KAN NUTI GUYYUUN FAYYADAMAA OOLLU.
Tole ishii
Ni gaha,egaanhoo baqqaa
Marree? Ikkoo?
Lubbuukoo Nabsee
Bareedduu/ bareeda qashtii/ qashaa
Jaalakoo wuddee
Firakoo zamadee
Jechuun(akkuma jechuuf) yawu,malet
OF HAA FOOYYEESINUU!
DOGOGORA SIRREESSAA

08/01/2022
31/12/2021

√ DON'T JUDGE EVERY THING BY ITS COVER PAGE,A RICH HEART MAY BE UNDER A POOR JACKET!❤💚❤

24/12/2021

Page kanarratti jechoota qaqqaalii,hiika isaanii sirrii waliin ni argattu.Guddina afaan oromoof haa tumsinu.

Address

Nekemte
Metu
NEKEMTA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qubee generation media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Qubee generation media:

Share