01/07/2022
Evergreen And peaceful place
prosperity with Honey and Coffee
Highest of natural resources like water of soor ,plants like yayyoo
Eebbifamtuu Lafa bakka barnoota keenya
Yuunivarsiitii Mattuu
Mattu University
Asxaa bareedaa kanaan asba'uu keessaniif nu gammachiiftaniittu! Dr. Leta Deressafi kanneen itti dhamaatan galata qabdu! Asxaan qopheessitan bareedaafi hanga dandaa'ame aadaafi seenaa hawaasa naannoo ibsuuf kan yaaledha! Silumayyuu, asxaarratti waan hunda mul'isuun hindandaa'amu. Wantoota irra caalaa mallattoo Ummatichaa ibsan agarsiisuudha.
Magariisummaan dachee sanaa, falaasama asdhuftee Salgan Iluufi gootummaa jiru (boca eebootiin), biqiloota bosona Iluu, dachee bishaanoftuu ta'uusheefi dammaan badhaatuu ta'uushee agarsiiauuf yaaltan. Ogeessa cimaadhaan kalaqame jechuudha. Xiyyeeffannoo laattaniif galata qabdu! Hundaa ol asxaa kaanirraa adda ta'een asba'uun dansa!
Wanti akka fooyya'uuf isiniif dhaamu, barreeffamni Afaan Oromoo kaanirra caalee haamuldhatu! Mallattoon bishaan agarsiisuuf taa'e sun gidduu kitaabaatiin gadi ficaa'ee haamuldhatu! Inni biroon Fardi Booraan duuba dachee magariisaa sanatti yoo agarsiifame guutuu ta'a. Sababnisaa, maqaan Warra Iluu sanaan waan walqabatuuf!
Horaa deebanaa!
Oromiyaan biyya!
Fedhasaa Taaddasee