19/12/2025
Dur warra Afaan hin beekneen Addis Ababaatti jijjiiramte.Maqaaleen bakkeewwan Finfinnee hedduunillee jijjiiramanii turan. Amma garuu maqaa isaanii duraatti deebi'aniiru. Ta'us, nu'umtis ta'e hooggantootni keenya olaanoon guyyaadhuma tokko jechumti Finfinnee jedhu afaanii bahee hin beeku. Fakkeenya, Istaadiyeemii Finfinnee jechuurra Istaadiyeemii Addis Ababaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee jechuurra, Addis Ababaa Kantiibaa....Egaa warri hooggantootnillee hawaasa sodaachuu dhiisanii siyaasa haa sodaatanii, nu'umtimmoo ittiin waamaa jirraan gaaffiidha. Gabaabumatti, afaan keenya afaan federaalaa, kan barnootaa, kan teekinooloojii haa ta'u jennee hiriira ba'uu, wacuun....gaafachuun bu'aan isaa kisaaraatu caala. Eenyuunis gaafachuu hin qabnu. Amma mootummaan afaan kee hin fayyadamin jedhu hin jiru. Dhugaa dubbachuuf amma uummata keenyatu ofitti hin deebine malee, Oromiyaa keessatti afaan keenyatti akka fayyadamnu namni nu dhorkaa jiru hin jiru. Yoo jira ta'e mee nutti himaa. Afaan ilaalchisee jechuudha. Afaan ofii jalqaba abbaatu itti dhimma bahata malee, utuu ofii itti dhimma hin ba'in nama biraa afeeruun gowwummaadha. Karaan balbalarraa kaatiin dhaamsa barruu kanaati. Yeroo itti aanu qabiyyeewwan keenya jalqabne itti fufna. Afaan immoo waan kaan dursa waan ta'eef kun afaanii nu baate. Biyya Nagaa Oolaa! Gadaan Bulla!
https://www.facebook.com/share/1CfrwzbrQt/