23/06/2025
Qajeelfama Soorama Hojjettoota Mootummaa Itiyoophiyaa
1️⃣ Soramaaf Galmaa'uu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu, guyyaa hojii eegale irraa kaasee guyyoota 60 keessatti Ejensii Wabii Hawaasummaa keessatti sooramaaf galmaa'uu qaba.
2️⃣ Hirmaannaa Gumaacha Sooramaa:
%7 hojjetaa irraa,
%11 mootummaa irraa
=> Waliigala = %18
Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa:
%7 hojjetaa irraa,
%25 mootummaa irraa
=> Waliigalaan = %32
3️⃣ Sababoota Soorama Baasu:
— Yeroo umurii waggaa 60 guute
— Rakkoo fayyaa cimaa qabachuun hojii yoo dhaabu
— Miidhaan qaamaa hojiirratti isa qaqqabe
— Du'a
— Yoo umurii waggaa 55 guutee fi tajaajila waggaa 25 ol qabaate (fedhii isaatiin soorama bahuu danda'a)
4️⃣ Sorama Bakka Bu’aadhan Kaffalamu:
— Sababa dulloomaa
— Sababa dhukkuba cimaa
— Du’a
5️⃣ Soorama Duubatti Hafe (Kan Yeroo Darbeef Hin Kaffalamu)
— Yoo gaafii sooramaa dhiyaachuu baate, yookiin soorama isaaf murtaa’e osoo hin fudhatin waggaa 3 oliif turame, soorama sun hin kaffalamu.
👉 Garuu, guyyaa gaafii dhiyeesse irraa eegalee kaffaltiin ni eegalama.
— Erga soorama gaafateen booda waggaa sadii guutuu osoo hin fudhatin yoo ture, soorama isaa cufamee kaffaltii jalaa haqama (hin kaffalamu).
6️⃣ Shallaggii Soorama Yeroo Umuriin Waggaa 60 Guutu
Yeroo hojjetaan mootummaa umuriin isaa waggaa 60 guutu, mindaan soorama akkasitti shallagama:
Waggaa 10 jalqabaa = %30
Kan waggaa 10 olii = tokkoon tokkoon waggaatti %1.25
Fakkeenya: Tajaajila waggaa 27 yoo qabaate:
Waggaa 10 jalqabaa = 30%
Waggaa 17 × 1.25 = 21.25%
=>Waliigala = 51.25%
Yoo mindaan waggoota sadii gara dhumaa Birrii 6,000 ta’e:
51.25% × 6,000 = Birrii 3,075
👉 Kana jechuun, Birrii 3,075 ji’aan soorama argata jechuu dha.
7️⃣ Hojjetaan Mootummaa Tokko Fedhii Isaatiin Soorama Bahuu kan Danda’u:
— Umuriin isaa waggaa 55 yoo guute, fi
— Tajaajila waggaa 25 fi isaa ol yoo qabaate, fedhii mataa isaatiin soorama bahuu ni danda’a.
⚠️ (Kan Poolisii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa kanarraan adda)
8️⃣ Hojjetaan Soorama O