Caayaa Abbaas Abdurahmaan

Caayaa Abbaas Abdurahmaan Caayaa

13/09/2025

ODUU:Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.

Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera.

05/09/2025

Isa Oromiyaan Itiyoophiyaaf laatte😳😱🌟
Dhugumatti Itiyoophiyaa🇪🇹 salphina oolcheera😱

Dhugumatti injifatamuun Itiyoophiyaa dogoggora ofiif raawwateen malee Egypt goolii sirriin Itiyoophiyaa hin injifanne. Peenaaliitiin dogoggora warra keenyaan nutti dhufe.
Tapha har'a irratti peenaaliitiidhaan gooliin lama gara Itiyoophiyaa galtuus,namoonni hedduun Egypt goolii baay’ee galchuu malti jedhanii tilmaaman, tahuus waaliyaanoonni guddoo falmataniiru.

Kan nama ajaa'iba garuu👇
Kubbaa har'a taphatameen goolii kudhanootaan lakkaawaman Gibxoonni yaalaniis Abubakar Nuuraa(Gooli Eegaan🇪🇹) ittisuu danda'eera.

Abubakar tapha wal fakkaataa ji'oota dura Egypt waliin taphatameen illee goolii dhibboota ittisuun hedduun jaalatamee ture. Yeroo Jibuutiis akkasuma ture.
Seenaa sun har'as irra deebi'ee nutti agarsiiseera.

Abubakar qaxalee naannoon godinni Illuu Abbaa-Boor itiyoophiyaaf laatte keessaa Yoo tahu abdii itiyoophiyaan gara fuula duraatti qabdu keessaa tokko tahuu isaati.

Dhuguma namoonni sirritt kubbaa ilaaltan waa'ee isaa akkamiin ilaaltan?
Mee gama comment yaada kennaa❤️

03/09/2025

Dargaggoota irratti tamsa'inni dhukkuba kalee yaaddoo ta'aa jira. Of eeggannoo muraasa gochuun barbaachisaadha.

1. Fincaan keessan yeroo dheeraaf qabachuu irraa of qusadhaa.

Fincaan ujummoo fincaanii keessatti yeroo dheeraaf qabachuun balaa qaba. Kunis baakteeriyaan saffisaan akka baay’atu kan taasisu yoo ta’u, yeroo fincaan gara tiruutti deebi’u wantoota summii qabaniin infekshinii fiduu danda’a. Kunis infekshinii ujummoo fincaanii (UTIs), inflammation tiruu, fi uremia (summii dhiiga keessatti kuufamuu) fiduu danda’a. Akkuma fedhiin fincaa'uu sitti dhaga'ameen fincaa'i.

2. Soogidda guyyaatti giraama 5.8 akka hin caalle daangeessaa.

3. Foon garmalee nyaachuun miidhaa qaba.

Pirootiiniin foon irraa argamu baay’achuun yeroo bullaa’insa nyaataa ammooniyaan akka uumamu taasisa, kunis kalee miidhuu danda’a.

4. Kaafeeniin, soodaa, fi dhugaatii lallaafaa hir'isuu ykn guutummaatti dhabamsiisuu.

Dhugaatiiwwan kunneen dhiibbaa dhiigaa dabaluu fi kalee irratti dhiibbaa uumu. Alkoolii fi dhugaatii kana fakkaatan hir’isuun barbaachisaa dha.

5. Bishaan gahaa dhuguu.

Bishaan hojii tiruutiif barbaachisaa dha. Bishaan gahaa dhuguu dhiisuun summii dhiiga keessatti akka kuufamu taasisa. Guyyaatti yoo xiqqaate bishaan burcuqqoo 10 dhuguuf yaalaa. Fincaan keessan halluu salphaa qabaachuu qaba.

6. Ciisicha dura bishaan xiqqoo dhuguu fi yeroo hunda osoo hin ciisin dura fincaa'uu.

✿✿ Hubachiisa: Barreeffamni kun isin fayyada yoo ta'e fii barnoota akkanaa yoo kan barbaaddan ta'e page fi barreeffamicha like fi share godhaa.

Rabbiin tiksaa fi deggarsa nuuf haa ta'u.

Hiriyoota keessaniif dhimmamtan yoo ta'e barruu kana share gochuun biraan ga'aa Galatoomaa.

Dr. Hamza Jemal Yunivaristii Harvarditti Ispeeshaalistii wal'aansa keessoo(Internist) fii Garargaa Piroofessoraa.

31/08/2025

Arra Liverpool ni moohamti Arsenal Ni mooti kanuma 😎
🤔

Address

Norther
Nazareth
CAAYAA

Telephone

+251915666541

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caayaa Abbaas Abdurahmaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Caayaa Abbaas Abdurahmaan:

Share