Tv Ifa Fayyinaa

Tv Ifa Fayyinaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Tv Ifa Fayyinaa, College & University, Gimbi, Nek'emte.

   Bishooftuu⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️ Rom 5:1-2¹ Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kri...
14/01/2024

Bishooftuu
⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️

Rom 5:1-2
¹ Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna. ² Karaa isaa ayyaana isa amma miyeeffachaa jirru kanatti amantiidhaan dhi'aachuu arganneerra; abdii ulfina Waaqayyoo irraa hirmaachuu keenyaas gammachuudhaan in himanna.
➡️Ayyaanaa fi amantiin gocha adda addaa of danda'aniidha. Ayyaanni hojii kiristoos nuuf hojjeteedha. Amantiin immoo riqicha ittiin ayyaana bira ga'aniidha. Kanaaf '' Isin ayyaana Waaqayyootiin KARAA amantii fayyifamtan'' jedha. Kana jechuun Ayyaanni jiraachuun qofti fayyina hin ta'u. Utuu akkas ta'eemmaa nama hundumaatu jireenyicha argata ture. Garuu Waaqayyoo ayyaana karaa kiristoos dhiyeessuun hojiisaa erga ta'ee amanuun immoo hojii namaati.

✍️Ayyaana jechuun Tola hin malle (unmerited favor), tola nama hinkaffalsiisne (Inearned favor), nama hin malleef kan kenname (undeserved favor) jechuudha.
✍️Ayyaanni gochi namni keessaa harka hinqabneedha. Ayyaanichi utuu ati lafa kanarratti hin uumamin dura ture. Kana jechuun ayyaanni qooda waaqayyooti. Hojii namni hojjechuu hindandeenye garuu hojjetamee namaaf kennameedha.
✍️Amantiin ayyaana waaqayyootiif deebii gaarii kennuudha. Amantiin waan waaqayyo duraan dursee qopheesse argamsiisa. Kanaaf amantiin qooda yookiin gahee namaati.
➡️Amantii fi Ayyaanni waliin hojjetu. “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;” Efe 2:8
✍️Iddoo kanatti Ayyaanni hojii Waaqayyoo ta'ee, Amantiin immoo gocha keenya akka ta'e nutti argisiisa. Isaan kun lamaan fayyina keenyaaf warra ijoodha. Nuti karaa amantii ayyaana waaqayyootiin fayyifamne. Kana jechuun ayyaana waaqayyootiin fayyuudhaaf karaa amantii malee karaa biraan hinjiru jechuudha. Kanaafuu Ayyaanaa fi Amantiin wal qabatanii adeemu.

✍️Fayyinni Ayyaana qofarratti kan hundaa'e miti. Utuu ta'eera ta'ee Ayyaanni Waaqayyoo nama hundumaaf wal qixa waan ta

KONFIRAANSII HAFUURAA GUDDAA WALDAA IFA FAYYINA ADDUNYAA MAGAALAA BISHOOFTUU AMAJJI 3-5/2016TTI KONFIRAANSII HAFUURAA GU...
10/01/2024

KONFIRAANSII HAFUURAA GUDDAA
WALDAA IFA FAYYINA ADDUNYAA MAGAALAA BISHOOFTUU AMAJJI 3-5/2016TTI KONFIRAANSII HAFUURAA GUDDAA GUYYOOTA JEDHAMANIIF KAN TURU ISINII QOPHAA'EE JIRA, IRRATTI AKKA ARGAMTANIIF AFEERAMTANIITTU.
Tajajiltootni
Ergamaa Geetaahun Immiruu
Faar. Abrahaam Tarree
Faar. Dabalaa Senjaa
Toora Youtube Keenya :- https://www.youtube.com/channel/UCMUqNxGyQo20yIHjelvc-Fw
Toora Website Keenya : https://www.ifafayina.tv
Toora Facebook keenya : TV Ifa Fayyinaa
Toora Telegram keenya :
Toora Tweeter Keenya :
Toora Tiktok Keenya : https://vm.tiktok.com/Z

 . 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenn...
10/01/2024

.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

“Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!” Yoh 14:27

↪️Boqonnaan nagaa keessa jira. Nagaa guutuu kan kennummoo Yesuus kiristoos gooftaa keenya qofa. Namni gaafuma kiristoositti amanu nagaa fudhata.
↪️Akkuma Yesuus dubbate biyyi lafaa nagaa kennitu qabdi. Nagaan biyya lafaa irraa dhufu garuu nagaa yeroo murtaa'eef turee baduudha. Yesuus garuu nagaa isa kanarraa adda ta'e, nagaa hin banne kenne. Karaasaa immoo boqonnaan nuuf kennameera.

↪️Bartoonni sodaatanii balbala cufatanii utuu gaddanii Yesuus isaan gidduutti argamee ''nagaan isiniif haa ta'u'' isaaniin jedhe. “Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe.” Yoh 20:19

↪️Yesuus warra ba'aan itti ulfaateef boqonnaa kenna.
Mat 11:28-30
²⁸ Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. ²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. ³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.

↪️Kadhannaa Museetiif deebii waaqayyo kenneef boqonnaadha. “Waaqayyo immoo deebiseefii, "Ani ofii kootii sii wajjin nan adeema, boqonnaas siif nan kenna" jedhe.” Bau 33:14
↪️Boqonnaan Yesuus kennu isa nu eeguudha.
Filp 4:6-7
⁶ Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! ⁷ Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.

Tv Ifa fayyinaa jir

Raajii koo baayyee si jaallanna.   isa haaraa kana   godhaa.  Eebbifamaa🙏
10/01/2024

Raajii koo baayyee si jaallanna.
isa haaraa kana godhaa. Eebbifamaa🙏

Kibxata Borii  30-04-2016  Sagantaa  fayyinaa fi Waqeeffanna waan Qabnuuf irratti argamaaማክሰኞ  30/04/2016  በፊንፊኔ  ኢፋ ፋይና...
09/01/2024

Kibxata Borii 30-04-2016 Sagantaa fayyinaa fi Waqeeffanna waan Qabnuuf irratti argamaa
ማክሰኞ 30/04/2016 በፊንፊኔ ኢፋ ፋይና ቤተክርስቲያን የአምልኮና የፈውስ ጊዜ ኘሮግራም ስላለን ሁላችሁም ተጋብዛችኋል ።
Tomorrow January 9, 2024 We have a Healing and Worship Service
IFA FAYINA INTERNATIONAL CHURCH ( FINFINE BRANCH )
Teesson : Haayilee Garmentii marfata Alii Birraa
አድራሻ:- ሀይሌ ጋርመንት አሊ ቢራ አደባባይ
Oddeffannoo Dabalataaf lakk Bilb. 0961757575 ykn 0911903590

Kibxata dura keenyaa  04-03-2016  Sagantaa Waqeeffanna addaa waan Qabnuuf irratti argamaa fayyinaa fi hiikamsa harka waa...
12/11/2023

Kibxata dura keenyaa 04-03-2016 Sagantaa Waqeeffanna addaa waan Qabnuuf irratti argamaa fayyinaa fi hiikamsa harka waaqayyoo fudhadha
ማክሰኞ 04/03/2016 በፊንፊኔ ኢፋ ፋይና ቤተክርስቲያን ውስጥ የአምልኮና የፈውስ ጊዜ ኘሮግራም ስላለን ሁላችሁም ተጋብዛችኋል ።
On Tuesday November 14, 2023 we have a special Worship Service So attend and receive healing and deliverance from the hand of God
IFA FAYINA INTERNATIONAL CHURCH ( FINFINE BRANCH )
Teesson : Haayilee Garmentii marfata Alii Birraa

Dilbata dura keenyaa  02-03-2016  Sagantaa Waqeeffanna addaa waan Qabnuuf  Kanaaf irratti argamaa fayyinaa fi hiikamsa h...
10/11/2023

Dilbata dura keenyaa 02-03-2016 Sagantaa Waqeeffanna addaa waan Qabnuuf Kanaaf irratti argamaa fayyinaa fi hiikamsa harka waaqayyoo fudhadha
እሁድ 02/03/2016 በቢሾፍቱ ከተማ ኢፋ ፋይና ቤተክርስቲያን ውስጥ የአምልኮና የፈውስ ጊዜ ኘሮግራም ስላለን ሁላችሁም ተጋብዛችኋል ።
On Sunday November 12, 2023 we have a special Worship Service So attend and receive healing and deliverance from the hand of God
IFA FAYINA INTERNATIONAL CHURCH BISHOFTU BRANCH

KONFIRANSII HAFUURAA GUDDAA👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇Waldaan Ifa Fayyina Addunyaa Magaalaa Finfinnee konfiransii hafuuraa guddaa onkolo...
24/10/2023

KONFIRANSII HAFUURAA GUDDAA
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Waldaan Ifa Fayyina Addunyaa Magaalaa Finfinnee konfiransii hafuuraa guddaa onkololeessa 24-27 qopheesitee waan jirtuuf hundumti keessaan akka irratti argamtaniif afeeramtanittu.
ኢፋ ፋይና ቤተክርስቲያን ጥቅምት 24-27 ታላቅ የመንፈሳዊ ኮንፈረንስ አዘጋጅታ እናንተን እየጠበቃችሁ ትገኛለች ስለዚህ ሁላቸውም ተጋብዛችኋል ።
Taajajjiltootni / አገልጋዮቹ:-
Apostle Getahun Emiru
Pastor Lola Mergo
Prophet Dinka Tadese
Singer Tagay Woldemariam
Singer Bikila Kebede
Ifa fayina worship Team
teesson : haayilee garmentii marfata alii birraa

  (Sunday Morning)👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Rom 7:6 “Amma garuu seera isa moofaa dur caafame jalatti utuu hin ta'in, jireenya hafuuraa...
22/10/2023

(Sunday Morning)
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Rom 7:6 “Amma garuu seera isa moofaa dur caafame jalatti utuu hin ta'in, jireenya hafuuraa isa haaraa keessatti akka hojjennuuf, isa nu hidhate jalaa duunee, seerattiis hiikamneerra.”

✍️Hiikamsa hafuuraa jechuun maal jechuudha? Hiikamsi jiraannaan kana dura hidhaatu ture jechuudha. Kanaafuu hiikamsa hafuuraas kan dursu hidhaan hafuuraa jira jechuudha. Namni hidhaa jala jiru, akka fedha ofiisaatiitti jiraata utuu hintaane, fedha namicha isa hidhee jiru sanaa raawwata.
✍️Namni hidhaa jala jiru sa'atii beela'etti nyaata utuu hintaane yeroo namichi isa hidhe sun ajajeefitti nyaata.
✍️Namni hidhaa jala jiru yaada namicha hidhaatti isa galchee sana jiraata. Foonumaaniyyuu namni gaafa hidhamu waan hundumasaatu hidhama. Deemsisaa ni hidhama, karoorrisaa ni hidhama, fedhiinsaa ni hidhama. Hidhaan hafuuraa immoo kanaan oli.

✍️Egaa phaawuloos waa'ee hiikamsa hafuuraa kana gaafa haasa'u, isa kanaan dura nu hidhatee ture, seericha jalaa karaan hiikamuun danda'amu tokkotu jira jedha. Innis isa jalaa du'uudha. Du'uu inni jedhamu kunimmoo kiristoos sababii cubbuu ilmaan namootaatiif akka seerri barbaadutti waan du'eef, du'a Yesuusitti amanuun isaa wajjin du'uudha. Karaan hafuuraan hiikaman inni jalqabaa isa kanadha.
1Phe 2:24 “Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.”

✍️Si'a tokkicha hafuuraan erga hiikamnee deebinee hidhamuun nuuf hin ta'u.
Rom 6:2“Kun matumaa hin ta'u! Nuyi warri cubbuu jalaa duune, si'achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree?”
Rom 6:18 “Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.”

✍️Cubbuu jalaa duunee hidhaa cubbuuttii kan nuti hiikamneef qajeelinaaf jiraachuudhaafi. Hidhaan cubbuu guutummaatti namni du'aaf akka ija godhatu barbaada. “Yeroo nuyi akka fooniitti jiraachaa turre, hawwiin foonii inni cubbuudhaan guute seerichaan toosifamee,

Address

Gimbi
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tv Ifa Fayyinaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share