Marsi mohi

Marsi mohi Libration

16/05/2025

nama tokko miitu ofike Akka miitu akkasumas gafa namaf wan gaarii gootu ofiikef Akka gochaa jirtu yaaddee jennan ati nama sirriidha

25/02/2022


Oromoon Saba,oromiyan biiyya,oromummaan sabboonummaadha.oromoon sanyii kuush kan ta'ee fi Saba bal'aa biiyya Itoopiyaa jedhamtu kana keessa bal'inan qabatee jirudha.oromoon baay'ina isaa irraan kan ka'e Afaan isaa illee akka gaanfa Afrikaatti bal'inan dubbatama,innis afaanota kannen akka Arabaa fi Awusatti anuun sadarkaa sadaffaa irratti kan argamudha.kànumaaf natti fakkaata Oromoon galaana kan jedhaniif.sabni oromoo jedhamu durumaa eegalee seenaa isaa keessatti Saba safuu waaqaa beeku aadaa bareedaa fi boonsaa kan qabu akkasumallee Saba Saba biraaf Abbaa fi haadha ta'uun guddisaa tureedha.Haata'u malee Saba guddaa fi seenaa gaarii qabu kana warri hin jaalanne har'a kallatti garaagaraatin , amantiinis ta'e loqoda afaanin gargar qoodaa jiru.Naanno Oromiyaa jedhamtu kana godinaalee Adda addaatti qoodani bulchuun caaseffama mootummaa ta'ee innis akka bulchiinsaaf mijatutti yaadamee ta'uu mala,garuu kana bu'uura godhachuun walqooduun hiikka biraadha.Inni biraanis loqonni oroomoo addaa addummaa qabaachuun isaa sababa Bal'ina dachee oromiyaa irraa kan ka'e sabni amaleeffannaa ykn bartee mataa isaatiin kan naanno jiraatu irraa baraa guddateen haasa'us Afaan isaa Afaan oromoo Isa jedhamu qofadha.kara amantiin yoo ilaalle namni wanta barbaade fi amantii barbaade hordofuu danda'a.Garuu,kana dawoo godhachuun har'aa bakka garagaraatti wanti mul'achaa jiru qoodinsa amantii irratti hundaa'edha.Yeroo dhiwoo as waa'ee addabaabayii masqalaa finfinnee irratti walitti bu'insa xiqqoo uumameef inni waa'ee isaa hin beeknes Ani pheenxedha,Ani ortodoksiidha jechuu jalqabe garuu lamaanu amantii ta'us kan hordofuu sabuma keenya amantin ortodoksii akkuma beekamu karaa Saba biraa dhufus har'aa baay'inan kan amanticha hordofuu Saba keenyadha,itti dabaluudhaan amantiin waaqefannaa illee Saba keenya bukkeetti akka amantii duudhaa ganamaatti kan ilaalamudha.Kanafuu wanti Ani jechuu barbaadu bifaa fi amalaan akkasumas ilaalcha siyaasa fi amantiin gargar taanus nuti tokko

23/02/2022

Bor akka har'aa hin ta'u,sababni isaa har'i kaleessa waan hin taanef

16/02/2022

jireenya
Jireenyi bu'aa bahii heddun kan itti baay'atu fi haala yeroo waliin kan deemudha.karaan jireenyaa dheeraadha,karaa dheeraa keessattimmo wanti baay'een nama mudachuu danda'a mudannon kunis kan nama gaddisiisu ykn gammachiisu ta'uu mala.wanti nama gammachiisu akkuma yeroo hunda hin jirre kan nama gaddisiisus akkasuma yeroof mul'atee kan dhabamudha wanti hunduu jijjiiramaadha.namni ni argata,nidhabas,ni kolfa ni boo'as,ni gammada,nigaddas,nidhalata,nidu'as wantoonni faallaa ta'an kunneen jireenya nuti biiyya lafaa kanarra yeroof jiraannu keessatti taateewwan waljijjiranidha.nixiqqaata malee ykn walcaala maleesa namni tokkolle guyyaa tokkof taate kana keessa kan dhabe hin jiru. ,namni jireenya yeroodhaaf nama hunkuru kanaf waljibbee walfixa.Jireenyi dhumaa fi dhiphina hin qabne garuu warra amantiif abdiin Isa eegatanif waaqarratti qophaa'ee jira Galatoomaa

08/02/2022

Yesuus
Buddeen jireenyaati nyaadhu
Bishaan jireenyaati dhugi
Karaa jireenyaati irra adeemi

01/02/2022

Tarkanfiikee fageessii ejjedhu ejennennakee jabeessii dhaabbadhu,ija keen fageessii ilaali lukkuu fi joobira fakkenya godhadhu lukkuun mandara keessaa kosii haadhaa oolti joobirri garuu qillensa keessa fagaatee deema biiyya barbaades gahee deebi'a namni mul'ataa fi ilaalcha fagoo qabu akka joobiraati

19/01/2022

# Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaaf@
Baga yaadanno cuuphamuu gooftaa keenya yesuus kiristoos laga harka # yohaannisin cuuphameen isin gahe. cuuphamun isaa cubbamaa ta'ee osoo hin taane nuti warri cubbamoonni akka qulqullofnuf fakkenya nuuf ta'uf, # gabaabsinee yoo ilaalle gosootni cuuphaa 3tu jiru, cuuphaa bishaani,cuuphaa dhiigaa fi cuuphaa hafuura qulqulluu jedhamu # cuuphaan bishaani lamatu jiru isaanis mataatti naquu fi keessa buusuudha # gosni cuuphaa bishaani inni jalqabaa bakka bishaan ciisaan ykn lagni hin jirre fi waldoota gammojji keessatti argaman giddu galeeffachuun waldoonni akka ,makana yesuusii,ortodoksii kan itti fayadaman yoo ta'u, cuuphaa inni 2ffaan immo guutummaa guututti kan keessa lixan yoo ta'u inni kunimmo waldaa akka guutuu wangeelaa bukketti kan beekamudha asirratti gaaffii tokko yoon isinif kenne darbe gooftaa yesuus isa kamiin cuuphameen? cuuphaa inni 2ffan jechuunis dhiigaa baay'ee kan ulfaatu fi namni hundi cuuphamuuf kan hin arganne kan ta'edha. ergamoonni akkasumas gootonni wangeelaa kan wangeelaf jedhanii aasrsaa lubbu tasisanin cuuphamanidha inni kun amantii guutuu kan gaafatu fi guutumman guututti of wareeguudha. hafuura qulqulluu immoo Isa gaafa guyyaa shantammaffaa ykn phenxe qosxee jedhamee beekamu gooftaa yesuus hafuurasa nama hundumaf erge sana fakkenya fudhachuu nii dandeenya. gaafa yesuus laga yordaanositti cuuphame hafuurri qulqullun bifa gugeetin irra buufate galatti gosoonni cuuphaa sadii fi gosti cuuphaa bishaani lama ta'uu garuu haalli cuuphaa isaa Gargar ta'us galmii fi kaayyon isaa fakkenya yesuus nubarsiisuf jecha cuuphame sana yaadachuu fi akkasumas jireenya bara baraaf of qopheessuf akka ta'e habatame namni kamuu akka amantin Wal hin qoodne dhaamuun barbaada. deebi'ee Baga ayyaana cuuphaan isin gahe jechuun barbaada! Galatoomaa!!!

14/01/2022
04/01/2022

Iyyinaan maraatuu ,callisnaan sodaattuu erga taanee maal goonu?????

Address

Western
Nekemt
2041

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Marsi mohi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Marsi mohi:

Share