Haadhako Siinan bareede

Haadhako Siinan bareede Yeroo jalqabaaf Eenyummaakoo kanan bare ALWAADA haadhakoo keessattidha

wanti hundumtuu isuman ta'e, wanta ta'e keessa isa male kan ta'e tokko hin jiru. yoh 1;3
14/01/2026

wanti hundumtuu isuman ta'e, wanta ta'e keessa isa male kan ta'e tokko hin jiru. yoh 1;3

Ammas mucaan xiqqichi waaqayyo hojii fooniif afuuraan ittiin hojjechaa ture Kanaan dure   mata dureen isaa   nyaachifne ...
04/05/2022

Ammas mucaan xiqqichi waaqayyo hojii fooniif afuuraan ittiin hojjechaa ture
Kanaan dure mata dureen isaa
nyaachifne buddeena abjuu

hin deegne jechuun waaqaaf karaa ,namaaf immoo furmaata ta'aa ture .
Ammas hidhaa hiiku ,furmaata namaaf ta'u , akkas jechuun # faarsaa GUUTUU qabatee dhufaa jira .
Maal jechuu barbaadeetuudhalaa ?
Malumaafuu hiikasaa qabatee dhufaa jiraa HAA EEGNU
MITE NAM JABAAKOO atis dafii nuuf kottu.

24/02/2022
20/02/2022

entertainment-Egere-comedy-cofin-temGame Adisu New comedy

19/02/2022
04/02/2022

❤️❤️❤️

31/01/2022

Maraatuu haqaa – 2

Maraatuu naan jettee?
Mukaan na horfitee
Anatti kolfitee?
Eyyee, ani maraatuudha
Isa qullaa buuse
Akka waraabessaa
Isa guyyaa yuuse
Isa haafa baatu
Isa haafa nyaatu
Ajaa’aa xuraa’aa
Fakkeenya iyyeessaa
Gumgumaa akka bubbee
Jooraa akka qilleensaa
Kan miyaawaa hin beekne
Nyaataa baalaafi hiddaa
Eyyee ani maraatuudha
Maal abbaa kee fidda?!

Gaafan haafa baadhe
Gaafan haafa nyaadhe
Na gaafattee beektaa
Maaf akkan maraadhe?
Daaraa keessa ciisee
Daaraa fakkaachuun koo
Waa si dhibee beekaa
Waa’een maraachuu koo?

Akka cilee gogaa
Akka isa gubatee
Haqa Oromootu – haqa saba kootu
Sammuu koo fudhate…
Dhiigni nu cobuutu
Firris nu sobuutu
Laalannee cabuutu
Gaafannee dhabuutu…
Na ciniinee kokkee
Boqonnaa na dhorke!

Abjuu isan ulfaa’e
Nan miixadha hin deenye
Guddaa saba kootu
Galma yaade hin geenye…
Karaafi daandii kootti
Gobaa naaf qaranii
Akkan hin namoomne
Yoo na danqarani…
Inni ani ifaaf abdadhe
Dukkana yoo fide
Godoon boo’ichaallee balbala saba koorraa
Diigamuu yoo dide
Onneen na kulkultee
Utuun ba’aa baadhuu
Maaf maraatte jettaa
Maafan hin maraadhu?

Yandoo rooba jedhee
Utuun bokkaa eeguu
Coba tokko dhabee
Tiifuullee yoon deegu
Akkuma kaleessaa
Maqaan naaf mogga’ee
Yoon biyya abbaa kootti
Akka alagaa ta’e…
Gumaa qeerroo dhabee – gumaa qarree dhabee
Utuun ‘irmii’ nyaadhuu
Maaf maraatte jettaa
Maafan hin maraadhu?!

Address

OROMIA
Nekemte

Telephone

+251917651404

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Haadhako Siinan bareede posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Haadhako Siinan bareede:

Share