17/04/2022
#𝑛𝑎 𝑔𝑢𝑏𝑎 𝑚𝑎𝑎𝑓 𝑛𝑎𝑛 𝑔𝑢𝑏𝑢𝑢?..
Na guba maaf nan gubuu
Gaafa dhugaan dhabamuu
Gaafa sobni dorrobee
Dhugaanis haqaaqamuu
Dhugaa koo qaqamsanii
Akka miilla waaree
Na guba maaf nan gubuu
An boo'ee mankaraaree
Tokko abjuu dhugoomsuuf
Halkan guyyaa utuu kaatuu
Na guba maaf nan gubuu
Yartuun imaanaa nyaatuu....