08/05/2025
Yeroo tokko tokko Waan keessi keenya baay’ee dheebotu fi bira gahuudhaaf nuti carraaqnu waaqayyo nu dhowwata, as irratti wanti beekamuu qabu garuu Waaqayyo nu miidhuuf kana godha miti.
Isa nuti ija fooniin ilaallee itti gaggabnu Tikseen keenya Yesus garuu ija abiddaan ilaalee qoree habaarsa eebba fakkaatu fi summii nyaata fakkaatu irraa nu ittisa.
Balbaloonni ija keenyatti balbala eebbaa fakkaatan, ija Waaqayyoon gaafa ilaalaman immoo bowwaa ta’uu danda’u.Miidhamuun keenya kan isatti hin tolle tikseen keenya immoo ija isaatti malee ijakeenyatti nun amanu, fedha isaatti malee fedha keenyatti nun amanu waan ta’eef dhimmee nu eega. Waan gaggaarii nutti filachuuf waan xixiqqoo nuti boonyuuf nu dhowwata.
Kun garuu battalatti namaaf hin galu, yeroof nama boossisa, Waan Waaqayyo garaa nutti jabaates nutti fakkaata, bulee garuu oolchuu Waaqayyoo ta’uu isaa qabatamaatti argaa deemna.
Har’a dhaamsan isiniif qaba, mee kottaa callisnee Waaqayyoon galateeffanna, wanti jireenya keenya irratti ta’e hunduu baga ta’e, waan Waaqayyo isin miidhaa jiru namoonni seetan hin dogoggorinaa, innoo isin oolchaa jira malee isin miidhaa hin jiru !
Tikseen keenya kun waan hamaa nurraa ittisas, waan hamaa irraa nu ittisas. Deemuuf Kaatanii kan ittifamtan, wayitti seenuuf kaatanii kan ittifamtan dhiisaa hin gaddiinaa. Kan isin ittise Waaqayyo ta’uu isaa beeknaan gammadaa, badisa guddaa akka baraaramtan beekaa. Ittisuun Waaqayyoo gadda isin oolchuufi malee akka boossaniif miti, sichis Waaqayyo warra tiksummaa isaa amanatan waan gaarii fakkaatu garuu kan lubbuu balleessutti dabarsee hin kennu.
Innoo TIKSEE GAARII DHA
Yoo isinitti tole Share godhaa !
Subscribe https://youtu.be/BXN3EDPrMy4?si=qp-dcYNlWyV-Bud-