11 Gc On 2011, madda walabu university school of law

11 Gc On 2011, madda walabu university school of law hey every body. Are you fine?

25/10/2022

Muhammedteyib Nure:Lawyer, [15/10/2022, 20:25]
👉 :
✔"Baasii" jechuun tajaajila Mana Murtii argachuuf jecha baasii abbaan dhimmaa tokko 'kallattiin baase hunda kan hammatu' yoo ta'u;kanfaltii abbaa seerummaa,kaffaltii durgoo ogeessa ykn kaffaltii ogummaa ogeessaa karaa Mana Murtii ajaja ykn murtii raawwachiisuuf taasifame,kanfaltii deddeebii geejjibaa,kanfaltii nyaataa fi dhugaatii,kanfaltii iddoo bultii,kanfaltii tajaajila gorsa seeraa ykn abukaatummaaf taasifame,kanfaltii durgoo ragaa,kanfaltii garagalcha waraqaa fi kan kana fakkaatan kan dabalatuudha.
✔"Kisaaraa" jechuun baasii abbaan dhimmaa 'kallattiin baase osoo hin dabalatin sababa abbaan dhimmaa sun falmii Mana Murtiitti geggeesseen galii isaa argachuu qabu dhabeedha.'
✔Falmii keessatti abbaan dhimmaa baasii fi Kisaaraa ykn beenyaa kanfalamuuf mirga qaba ykn kaffaluuf dirqama qaba yoo jedhamu,himataa ykn himatamaa,ol'iyyataa ykn deebii kennaa,jiddu lixaa ykn falmiitti makamaa ta'uu danda'a.
✔Akka Manneen Murtii Oromiyaatti,dhimmoota hariiroo hawaasaa aangoo Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa fi aangoo Manneen Murtii Federaalaa bakka bu'iinsaan hojjataman ilaalchisee "Maanuwaalii Sirna Murteessa Baasii fi Kisaaraa Bitootessa 4 bara 2012 bahee,Ebla 1 bara 2012 hojiirra ooleera.
👇 :-
A. baasii fi kisaaraa dabaluun cinaatti dhimmoonni Manneen Murtiin alatti xumura akka argatan jajjabeessuufidha,fi 'gareen akka murtichaatti baasiif saaxilamee jiru bakka duraan osoo dhimmichi Mana Murtiitti hin falmanne ta'ee irra jirutti deebi'uuf mirga seeraan kennameef qabu sanatti deebisuufidha.';
B. dhimmaa haqa barbaacha dhufan baasii hin malleef akka hin saaxilamne gochuuf;
C. hojimaata bal'aa jiraachuun lammiileen wal qixa tajaajila akka hin arganne waan taasiseef,sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa hordofsiisuu danda'u diriirsuun hojimaata walfakkeessuudhaan garagahiinsa tajaajilamtootaa fi amantaa horachuuf;fi

25/10/2022

✒Manni Murtii falmii haadhoo irratti akkuma murtii kenneen baasii fi Kisaaraa irratti waa jechuu qaba. 15ffaa Lakkoofsa Galmee 91103.
👇Kallattii biraan murteessuun irra caalaatti haqa mirkaneessuun isaa yoo itti amaname malee hangi kisaaraa akkaataa Maanuwaalicha gabatee "C" jalatti ibsameen bu'uura godhatee shallagamee murtaa'uu qaba: :-
✔Abbaan dhimmaa moo'ataan bulaa yoo ta'e;galii guyyaatti argatu jiddu galeessaan qarshii 200,dhimma falmamaa ture irratti beellama 5 kan deddeebi'e yoo ta'e:qarshii 200x5=bu'aa argamu qarshii 1000 ta'a.Murtiin abbaa idaa Murtii abbaa mirgaaf qarshii kana kanfala jechuudha.
✔Murtii abbaa mirgaa mootummaa yoo ta'e,hayyamaan dhihaachuu waan qabuuf,galiin irraa citu hin jiru.
✔Murtiin abbaa mirgaa yoo ta'e,galii guyyaatti argatu jiddu galeessaan qarshii 300,baay'ina guyyaa beellama oole 5 yoo ta'e,qarshii 300x5=qarshii 1500.
✔Murtiin abbaa mirgaa bulaa yoo ta'e,galii guyyaatti argatu jiddu galeessaan qarshii 150,baay'ina guyyaa beellama oole 5 yoo ta'e,150x5=qarshii 750 ta'e.
✒Abbaan dhimmaa tokko turtii sa'aatii lamaa keessatti tajaajilamee gara hojii isaatti deebi'uu kan danda'u yoo ta'e,haalli shallaggii Kisaaraa sa'aatii 2/8 ykn 1/4 galii guyyaa tokkootiin ta'a jechuudha.
✍ :
♠️Adeemsa falmii keessatti himannaan ykn deebiin ragaa sobaatiin yoo dhihaate ykn yoo deeggarame,fi gareen biraan akka miidhamuuf ykn dhamaatii hin malleef akka saaxilamu gareen tokko gochoota kana fakkaatan yoo raawwatee fi Manni Murtii kana yoo hubate,bu'uura iyyata dhihaateen baasii fi kisaaraan alatti Beenyaa hanga qarshii 500 murteessuu danda'a,Maanuwaalii keewwata 14(1),9 fi sdfhh keewwata 465.
♠️Gareen falmii haadhoo irratti komii ol'iyyannoo dhiheessuu baatus garuu baasii fi kisaaraa murtaa'e irratti komii qabu ol'iyyannoo gaafachuu danda'a,sdfhh keewwata 466 fi Maanuwaalii keewwata 16(1).

05/08/2022

1. Afework Beyene
2. Ashenafi Wendmkun
3. Aweke Sisay
4. Behru Muzemil/ የሙዛ ልጅ በህሩ
5. Fasika Tamrat
6. Gosaa Addunyaa
7. Jibril Abdurahmaan Kadiir
8. Rashid Aman
9. Roman / Yaannet Ittisaa
10. Saron Buche
11. Teyiba Ahmed
Let all of you remember your Id No-__! Put it on coment ....

30/07/2022
09/07/2022

(1)(a) fi Murtiilee DhIF)
↪️ Yakki ajjeechaa cimaa yakka lubbuu namaa irratti raawwatamu ta’ee mirga lubbuun jiraachuu heera mootummaa keewwata 25 jalatti tumame kan dhabsiisuu dha.

✅ Haala raawwii keewwata kanaatiin walqabatee oggeeyyii seeraa jidduu himannaa banuu hanga murtii kennuutti
hubannoon fi hiikkaan garagaraa kennamaa waan jiruuf keessattuu Seera Yakkaa keewwata 540 jalatti kan tumame
ajjeechaa dasiibaa waliin yeroo waljala dabarsan ni mul’ata.

Kanaafuu yakka ajjeechaa cimaa S/Y kwt 539(1)(a) qofa ilaalchisee rakkoolee mul’atan murtiilee dhaddacha ijjibbaataa
faana kan ilaallu ta’a.

✍️ Seera Yakkaa keewwata 539(1(a) jalatti namni kamiiyyuu nama ajjeesuuf yaadni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni
waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) yookiin sababni biroo /keewwata 86/yommuu ilaalamu ajjeesaan
keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun itti yaadee kan raawwate yoo ta’e keewwata kana jalatti akka gaafatamu kaa’a.

↪️ Ulaagaalee keewwata kana jalatti kaa’aman yeroo ilaallu:

✅1ffaa raawwataan gocha ajjeechaa cimaa raawwachuuf dursee itti yaaduun (premeditation) gochicha haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin
haala balaafamaa ta’een raawwachuu qaba. Kunis dursee karoorsuu, haalota raawwiif tolan mijeessuu of keessaa qaba.

✅2ffaa sababni raawwataan gocha yakkaa kun miidhamaa kana ajjeesuuf inni duraan qabu (motives) gochicha akka raawwatu kan isa taasise gochichas haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin haala balaafamaa ta’een raawwachuu qaba. Fkn faayidaa, jibba,
walitti bu’iinsa ture haaloo qabachuun ta’a.

✅3ffaa Meeshaan gocha yakkaa raawwachuuf himatamaan fayyadame (weapon) kan du’a geessisuu danda’u ta’ee meeshaa balaafamaa ta’uu akka qabu agarsiisa.

✅4ffaa Malli ykn tooftaan (means) gochaan yakkaa kun ittiin raawwatame haala sukanneessaan, garajabeenyummaa of keessaa qabuun.

✅5ffaa Haalli gocha ajjeechaa yakkaa kun itti raawwatames haala suukanneessaa yookiin garajabeenyumaa of keessa
qabuun ta’uu qaba. Fkn haalli kunis yeroo gochaan raawwatu ykn erga gochaan raawwatameen booda tarkaanfiiwwan
garajabeenyummaa ykn hammeenyummaa of keessaa qaban
fudhachuu ni dabalata.

✅6ffaa Inni biraan gochi yakkaa kun haalota waliigalaa yookiin sababa addaa adabbii cimsan (kwt.84 ykn 86) haala of
keessatti hammateen kan raawwatame ta’uu akka qabu seerichi ni tuma.

✍️kanaafuu himanni kamuu keewwata kana jalatti yeroo dhiyaatu ulaagaa yakkicha hundeessan keessaa tokko qabiyyee himatichaa taasisuun dhiyaachuu qabu. Ragaaleen dhiyaatanis firii dubbii kana mirkaneessuuf dirqama qabu jechuu dha.
Gama kanaan ogeessota seeraa jidduutti ejjannoowwan sadiitu calaqqisa.

👉 Ejjannoon 1ffaan keewwaticha jalatti ulaagaleen kaa’aman hundi isaanii iddoo tokkotti guutamanii argamuu qaba.

👉Ejjannoon 2ffaan keewwaticha jalatti ulaagaaleen kaa’aman kophaa kophaa yoo argamanis gahaa dha. Haa ta’uu malee ulaagaalee hunda jalatti gochichi haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin haala balaafamaa ta’een raawwatamuu qaba.

👉Ejjannoon 3ffaa-ejjannoo 2ffaa waliin kan walfakkaatu ta’ee yaada duraan qabu ilaalchisee keessattuu haalonni
garajabeenyummaa, suukanneessaa fi balaafamaa jedhan ulaagaa biroof kan kaa’aman waan ta’aniif nama ajjeesuuf
dursanii itti yaaduun qofti ajjeechaa cimaa raawwachuuf gahaa dha jechuun kaa’u. Dursanii itti yaaduun isaanii qofti gahaadha jedhu.

✍️ Manni murtii waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Jiildii 10ffaa lakk.Galmee 45927 ta’e irratti murtii dirqisiisoo kenneen namni tokko S/Y kwt 539(1) jalatti yakka ajjeechaa cimaatiin
gaafatamuuf gochichi ta’e jedhamee itti yaadamee irratti qophaa’uun ta’ee raawwataan gochicha haala
garajabeenyummaa of keessaa qabu, karaa suukanneessaa fi balaafamaa ta’een kan raawwate yoo ta’eedha jechuun kaa’eera.

Galmeelee ajjeechaa hedduu irratti kan mul’atu gochi tokko yaada ajjeechaa raawwataan duraan qabuu fi qophii taasise faana ajjeechaan taasifame haala suukanneessaa ta’een kan
raawwatame yoo ta’e keewwata kana jalatti itti gaafatamummaa akka qabu murtiin kennamaa jira. Gama kanaan yaadni ajjechaa raawwataan yakkichaa duraan qabu haaloo qabaachuun isaa yoo mirkanaa’e ykn ragaan ibsu yoo
jiraate garuu haalli ajjeechaa isaa suukanneessaa yoo hin taane fknf yeroo tokko cubeedhaan waraanuu ykn yeroo tokko meeshaa waraanaatiin dhukaasuun yoo ajjeesse maal ta’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.

Kunis nama ajjeesuuf yaadni ykn sababni inni duraan qabu;
meeshaa ykn tooftaan itti fayyadame; haalli ajjeechaan itti raawwatame; sababni waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) ykn sababni biroo/Keewwata 86/ kan jedhan ulaagaaleen
kunniin kophaatti of danda’anii kan dhaabatan ta’uu isaanii agarsiisa.

Gama kanaan Murtiileen dhaddacha ijjibbaataa kan agarsiisan (jildii 17ffaa lakk.Galmee 97203) ulaagaleen kunniin kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban ta’uu isaanii agarsiisa.

Kanaafuu gochi yakkaa tokko raawwataan yakkichaa haaloo osoo qabaachuu baatees haalli raawwii yakkichaa suukanneessaa ykn garajabeenyummaa kan of keessaa qabu
ta’uu isaa agarsiisuun yoo danda’ame gochichi S/Y kwt 539(1) jalatti itti gaafatamummaa kan qabu ta’a.

✅ Gama biraatiin ulaagaaleen kanneen osoo jiraatanuu raawwataan yakkichaa garajabeessa, suukanneessaa, yookiin
balaafamaa ta’uu isaa agarsisuun dirqama moo?miti? qabxii jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Muuxannoon biyyoota
kanneen akka Ameerikaa ,Engiliizii fi Faransaay kan agarsiisu yakkichaaf dursanii itti yaaduun(premeditation) ykn haaloo qabachuun qofti yakka ajjeechaa cimaa(aggravated homicide) hundeessuuf gahaa dha.

✅ Dhaddachi Ijjibaataa Jiildii 24 irratti murtii kenneen ulaagaleen keewwata S/Y 539(1) jalatti kaa’aman kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban ta’uu isaa ibsuun keessumattuu ragaan dhiyaatu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuun isaa agarsiisuun yoo danda’ame yakkicha hundeessuuf gahaa akka ta’e kaa’eera. Ka’umsa dhimma galmee kana irraa yeroo ilaallu du’aa ajjeesuuf raawwataan yakkicha itti yaadee mataa du’aa yeroo tokko dhakaadhaan darbatee erga dhahee booda kan ajjeese yoo ta’u haala raawwii yakkichaa fi meeshaan
fayyadame yeroo ilaalamu waan adda ta’e kan hin qabne ta’uu isaa agarsiisa. Kanaafuu dursee itti yaaduun isaa yoo
mirkanaa’e gahaa dha kan jedhudha. Galmee kana irratti murtiin sagalee caalmaattin kan kenname ta’us sagaleen
xiqqaas ulaagaa irratti osoo hin ta’in dursee itti yaaduun isaa ragaadhaan hin mirkanoofne kan jedhuudha. Kunis yakkichi kan raawwatame dursee itti yaaduun ykn haaloo qabachuun ta’uun isaa yoo mirkanaa’e haala ajjeechaa isaa ilaaluun osoo hin barbaachisin himanni isaa kwt 539(1) jalatti ta’uu akka qabuu fi murtiinis sanuma jalatti kennamuu akka qabu kaa’a.

✅ Haa ta’uu malee du’aa fi ajjeesaa jiddutti wallolli osoo jiraateyyuu gochi yakkaa yeroo raawwatamutti sababa du’aan kakaaseef ajjeechaan kan raawwatame ta’ee gochichis akka tasaa wallola uumameen yoo ta’e, dursa wallolli jiraachuun ykn haaloo waliin qabaachuun isaanii waan jiruuf qofa(hanga raawwiin yakkichaa cimaa hin taaneetti) gochicha ajjeechaa cimaa kan taasisuu miti. Kanaafuu yeroo akkanaa keewwanni
rogummaa qabu S/Y kwt 540 ta’a.

Kanaafuu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuu fi ajjeechaa yeroo sanatti raawwatame jidduutti sababnii fi
bu’aan jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama ta’a.
✍️ Eliyaas Kaasaatiin
Horaa bulaa.
Galatoomaa

06/07/2022

⚖️ Seera Yakkaa Bara 1996 Bahe Labsiileedhaan Kan Fooyya'an,Seerota/ Labsiilee Haqamanii fi Fooyya'an Muraasa:
1️⃣.Seerri Yakkaa keewwatni 808 Labsii Meeshaa Waraanaa Bulchuu fi Too'achuuf bahe Lakk.1177/2020 keewwata 27 tiin fooyya'eera.
2️⃣.Dhimmoonni yakka Shororkeessummaa ifaan ifatti Labsii Lakk.1176/2020 tiin haguugaman keewwattoonni seera yakkaa bara 1996 bahe raawwatiinsa kan hin qabne akka ta'e Labsii Lakk.1176/2020 keewwata 48 jalatti ifa taasiseera.
3️⃣.Seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 486 Labsii Lakk.1185/2020 tiin fooyya'ee Labsicha keewwata 9 tiin bakka bu'eera.
4️⃣.Seerri yakkaa keewwattoonni 634 hanga 638 jiran Labsii Lakk.1178/2020 tiin kan fooyya'e ta'uu Labsicha keewwata 45 jalatti tumeera.Seerri yakkaa keewwatni 243(1)(B) raawwatiinsa akka hin qabne Labsiicha kana jalatti ibseera.
5️⃣.Keewwattootni seera yakkaa 379,381,402 hanga 419,427 hanga 431,468 fi 676(1) Labsii yakka Malaammaltummaa Lakk.881/2015 tiin kan fooyya'an akka ta'an Labsicha keewwata 35 irraa ni hubatama.
Lakk.881/2015 keewwata 9 tiin seerri yakkaa keewwatni 407 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2007 keewwatni 10 tiin seera yakkaa keewwata 408 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2007 keewwatni 11 tiin seera yakkaa keewwata 409 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2015 keewwanni 13 tiin seera yakkaa keewwata 11 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2015 keewwatni 16 tiin seera yakkaa keewwata 414 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2015 keewwatni 18 tiin seera yakkaa keewwata 416 kan bakka bu'e,
Lakk.881/2015 keewwatni 19 tiin seerri yakkaa keewwata 417 kan bakka bu'an.
6️⃣.Seerri Yakkaa keewwatni 696 dhimma malaammaltummaa ilaalchisee raawwatiinsa akka hin qabne Labsii Lakk.881/2007 keewwata 36(1) jalatti ifa taasisee jira.
7️⃣.seerri yakkaa keewwatni 684 Labsii Lakk.780/2013 tiin fooyya'eera.
8️⃣.Labsii Federaalaa Lakk.657/2009,fi Labsii Lakk.652/2009 keewwatni 5(1)(D) ta'an Labsii Lakk.780/2013 tiin fooyya'aniiru.
9️⃣.Labsii SMO Lakk.69/1995 Labsii Seera Maatii Oromiyaa Lakk.83/1996 tiin fooyya'ee keewwattoonni 29,30,35(c), fi 50 dabalamaniiru.
🔟.Labsii Federaalaa Lakk.1145/2011,Labsii Lakk.1097/2011,Labsii Lakk.571/2000,Labsii Lakk.857/2014,Labsii Lakk.587/2000,Labsii Lakk.194/1992,Labsii Lakk.553/2007 fi Dambiileen Federaalaa baay'een Labsii qaamolee raawwachiiftuu Federaalaa haaraa Lakk.1263/2022 keewwata 104 tiin haqamaniiru.
1️⃣1️⃣.Labsii Federaalaa Lakk.685/2010 Labsii Waldorgommii Daldalaa fi Eegumsa Fayyadamtootaa Lakk.813/2006 tiin haqameera.
1️⃣2️⃣.Keewwattoonni Labsii Lakk.980/2016 keewwata 2(2),2(34),2(44),2(45),5(6),7(2),10(5),11(1)(e)(2),11(6) fi (8),14,15,27(2)(6)(7) ta'an Labsii Lakk.1150/2019 tiin haqamaniiru.
1️⃣3️⃣.Labsii AMMO Lakk.141/2000 Labsii Gurmaa'inaa fi Aangoo MMNO Lakk.216/2011 tiin haqameera.
1️⃣4️⃣.Labsii Aangoo MM Hawaasummaa Gandaa Lakk.66/1995 Labsii Lakk.128/1999 keewwata 43 tiin haqameera.
1️⃣5️⃣.Labsii Aangoo Manneen Murtii Federaalaa Lakk.25/1996,Labsii Lakk.138/1998,Labsii Lakk.254/2001,Labsii Lakk.321/2003 fi Labsii Lakk.454/2005 Labsii Aangoo MMF Lakk.1234/2013 tiin fooyya'aniiru.
1️⃣6️⃣.Labsii MHAAW Oromiyaa Lakk.214/2011 keessaa Keewwattoonni muraasni Labsii haaraa MHAAWO Lakk.236/2013 fooyya'eera.
1️⃣7️⃣.Labsii Lafa Magaalaa Federaalaa Lakk.272/2002 Labsii Lakk.721/2004 tiin haqameera.
1️⃣8️⃣. Labsii Eksaayisii Federaalaa Lakk.1186/2020 keewwatni 43(1) Labsii Lakk.1229/2020 tiin haqameera.
1️⃣9️⃣.Labsii Sooramaa Federaalaa Lakk.714/2011(akka Labsii 907/2015 tiin fooyya'etti),Labsii Lakk.146/1998 keewwatni 12,30(1),fi Labsii Lakk.653/2009 keewwanni 12 fi 21 Labsii Sooramaa haaraa Lakk.1167/2022 tiin fooyya'eera.
2️⃣0️⃣.Labsii qaamolee raawwachiiftuu Oromiyaa Lakk.242/2014 keewwatni 12(26) fi 39 Labsii Sirna Buusaa Gonofaa Lakk.244/2014 tiin haqameera.
2️⃣1️⃣.Labsii Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa Lakk.181/2005,Labsii qaamolee raawwachiiftuu Naannoo Oromiyaa Lakk.242/2014 Keewwattoonni xiqqaa 1,8,10,12,13,15_18,20,22_24,27_29,31_34,39,40_42 Labsii Bulchiinsa Dhaabbilee Misoomaa Naannoo Oromiyaa Lakk.243/2014 tiin haqamaniiru.
2️⃣2️⃣.Labsii Sirna Too'annoo,Qulqullinaa fi Daldala Bunaa Naannoo Oromiyaa Lakk.160/2002 Labsii haaraa Lakk.234/2013 tiin haqameera.
2️⃣3️⃣.Labsii Bosona Federaalaa Lakk.542/2007 Labsii Bosona Federaalaa Lakk.1065/2018 tiin haqamee jira.
2️⃣4️⃣.Labsii Sab-qunnamtii/Miidiyaa Lakk.590/2008 fi Labsii tajaajila biroodikaastiingii Lakk.533/2007 Labsii Miidiyaa Lakk.1238/2021 tiin haqamaniiru.
2️⃣5️⃣.Labsii hojjataa fi hojjachiisaa Lakk.377/2003,Labsii Lakk.466/2005,Labsii Lakk.494/2006,fi Labsii Lakk.632/2009 Labsii hojjataa fi hojjachiisaa Lakk.1156/2019 tiin haqamaniiru.
2️⃣6️⃣.Labsii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Lakk.433/2005 fi Labsii Lakk.883/2015 Labsii Farra Malaammaltummaa Lakk.1236/2021 tiin fooyya'aniiru.
fi
♠️Seeronni/keewwattoonni fooyya'an/haqaman biroon hedduutu jiru.
✍️ .
⚖️Haqaaf haqaan hojjanna!
👉 https://t.me/Mnure88

15/05/2022

✅ Waliigaltee Waliigalaa:
👉"Waliigalteen" walta'iinsa fedhiin namoota lamaa fi sanaa olii irraa kan madduu fi qabiyyeen waliigaltees qabeenya yookiin faayidaa diinagdeetiin kan wal qabateedha,seera hariiroo hawaasaa keewwata 1675(1).
👉'Waliigalteen' dirqama ni uuma,ni jijjiira,ykn ni hambisa.
↪ (Faayidaa) Seera Waliigaltee:-
,walitti dhufeenya waliigaltootaa gurmeessuu yookiin qindeessuuf faayidaa guddaa qaba;faayidaa walii isaaniitiif waliigaltootaaf dirqama qooduudhaan walitti dhufeenya isaanii ni gurmeessa,shh keewwattoota 1748-1751,1754(1),1755(2),1756(2),1857-1868 fi kan kana fakkaatan.
,raawwii dhimma waliigaltee amansiisaa gochuuf faayidaa qaba;
⚖Bu'uura Shh keewwata 1731(1) tiin qajeeltoo "Pacta sunt servanda" hundeessuun waliigaltoonni jecha walta'iinsaa fedhiin seenan akka kabajan dirqama irra kaa'a.
⚖Gareen tokko miidhaa isa kaan irraan yoo gahe akka kiisu shh keewwata 1790 fi 1791 tumuudhaan sodaa gama rakkoo waadaa galame diiguun dhufu hanbisa fi kan kana fakkaatan.
,hanqina waliigaltee guutuu;waliigalteen yeroon booda raawwiif dhibuu yookiin qabeenyi waliigalteen bitame yommuu fayyadamuu eeegalanu hanqina qabaachuu danda'a.Dhimma akkanaa dursanii beekuun ni dhiba.
⚖Yeroo waan waliigalteen raawwatame walqabatee rakkoon jiraate seerichi abbootiin seeraa waliigalteen yommuu hundeeffamu yaadnii fi fedhiin waliigaltootaa maal akka ture beekuuf tattaaffii godhuu akka qaban tumeera.
⚖Abbaan seeraa yommuu kana waliigalticha ni hiiku;hiikkaa keessatti qabxiilee kanneen akka:-
.walitti dhufeenyi waliigaltootaa maal akka ture,
.haqummaa fi guddina diinagdee,
.hojii waliigaltootaa,
.waliigaltee duraa fi boodaa,
.amala dhimma waliigaltee,
.barmaatilee dhimmoonni walfakkaataan haala kamiin ilaalamaa akka turan yaada keessa galchuu qaban.
,kasaaraa dabarsuu;meeshaaleen adda addaa turmaata keessa gatiin isaanii dabaluu ni danda'a.Kanaaf,namoonni garaagarummaa gatii fuulduraa uumuun akka hin miidhamne wal ta'uudhaan gamanumaan too'achuu ni danda'u waan ta'eef faayidaa qaba.
⚖Garaagarummaa gatii ol ka'aa fi gadi bu'aa uumameen inni tokko qofti silaa Kan miidhamu,walta'iinsaan garuu kasaaraa tokko tokkorratti dabarsuun too'achuun ni danda'ama jechuudha.
,haqummaa hawaasaa mirkaneessuu;
⚖Seerri waliigaltee walitti dhufeenya diinagdee qofa waliin kan wal qabatee miti.Bilisummaa walta'iinsa waliigaltee keessatti ibsamee itti gaafatamummaa waliin walsimsiisuun yoo ilaallu meeshaa haqa hawaasummaa mirkaneessu akka ta'etti fudhachuun ni danda'ama. ,dirqamaan eeyyama argachuu dhorkuun namoota humna hin qabneef eegumsa laatuun haqa hawaasummaa ni mirkanaa'a.
↪ fi Haqamiinsa Waliigaltee:
1️⃣ Waliigaltee:-
✔Waliigalteen sirna seerri kaa'e hordofuun hundeeffame seeraan ni raawwata(bu'aa ni qaba).Garuu,ulaagaa seerichi gaafatu ykn barbaadu yoo hin guutin diigamaadha ykn akka diigamu godhama.Isaanis
,dandeettii dhabuu(shh 1808(1)).Kun garee waliigaltee sababa kanaan miidhame jedhu qofa akka diigamuuf gaafata.
,hanqina eeyyamaa:-kunniinis dogongora bu'uuraa,waliigaltichi gocha afaanfaajjessaatiin yoo raawwatame,sobaan yoo raawwatame,dirqamuun(shh kwt.1706),fi miidhamuu(1710/2).Bu'uura kanaan diigamiinsa kan gaafatu garee miidhame ykn eeyyama guutuu hin kennine jedhu qofaadha.
,seeraan alaa fi faallaa safuu yoo ta'e,waliigaltootaa fi gareen na galcha jedhu gaaffii diigamiinsaa dhiheessuu ni danda'a.
,waliigalteen sirna seerri ajaju hordofuun kan hin bocamin diigamaadha. ,waliigalteewwan mirgoota qabeenya hin sochooneen wal qabatan,waliigalteewwan mootummaa waliin godhaman,waliigalteewwan wabummaa fi Inshuraansii barreeffamaan yoo hin taasifamne diigamaadha.
✅ Ijibbaataa Federaalaa Jildii 12ffaa L.G.48012 ta'een darbiinsi yeroo waggaa lamaa shh keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu waliigaltee hanqina eeyyamaa ykn dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha jechuun murteessee ture.
↪ Ijibbaataa Federaalaa Jildii 8ffaa La.Ga.34940 ta'een dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu kan waliigaltee Waliigalaa keessatti tumame waggaa 10 dha jechuun shh keewwata 1845 waliin wal qabsiisuun Murtii laatee ture.
2️⃣ Waliigaltee:-
✅Haqamiinsi waliigaltee shh keewwattoota 1784-1789 jalatti tumameera.Bu'uura kanaan waliigalteen kan haqamu:
,waliigalteen bu'uura seeraatiin hundeeffamee fi ragga'aa ta'e jiraachuu,garuu waliigaltoonni akka waliigaltichaatiin raawwachuu yoo dhabaniidha.
✅Garee raawwachuu ooleef bu'uura shh keewwata 1772 tiin akeekkachiisni kennamuuf qaba,
✅Dhimmoonni akeekkachiisa hin barbaanne shh keewwata 1775 jalatti ibsamaniiru.
▶️Kaayyoon akeekkachiisaa:
👉Mirga kasaaraa miidhaa gaafachuu fi argachuutiif;dirqama harkaan gahuu keessatti balaa miidhaa dabarsuuf,
👉Dirqama kaffaltii maallaqaa yoo ta'e,akeekkachiifni abbaa maallaqaa mirga dhala gaafachuu gonfachiisa,
👉Raawwii dhabni maal akka hordofsiisu abbaa idaa beeksisuu fi kan kana fakkaataniifidha.
↪ haqamuu kan danda'u:-
,garee miidhamaa mataa isaatiin(kewt.1786-1789),
,Mana Murtiitiin(shh kwt.1784).
▶️ 'AA DIIGAMIINSA WALIIGALTEE:-
✔Waliigalteen yoo diigame waliigaltoonni hanga danda'ameen hundeeffama waliigaltichaatiin dura haalaa fi iddoo duraan turanitti deebifamuu qabu,shh keewwata 1815(1).
✔Dirqamni isaanii ni hafa.Dirqamni raawwatan yoo jiraate iddoo duraanitti deebifamu,maallaqni kaffalame,ykn qabeenyi kenname ni deebi'a.
▶️ 'AA HAQAMIINSA WALIIGALTEE:-
✅Waliigalteen yoo haqame waliigaltichi qixa sirrii ta'een osoo raawwatamee mirgaa fi faayidaa garee miidhame jedhu argachuun irra ture kan haguuguudha,shh keewwata 1790(1).
✅Miidhaa garee kana irra gahee fi baasii waliigaltichaaf bahe haguugama.
✅Gareen haqamiinsaaf sababa ta'e balleessaa qabaachuu baatus Beenyaa kanfaluuf ni dirqama,shh keewwata 1791(1).⚖
Dhaba Waliigaltee:-
✔Bu'uura shh keewwata 1771(1) fi (2) tiin waliigalteen yoo hin raawwatin gareen miidhame jedhu akkuma haala isaatti:-
,raawwii dirqama kasaaraa waliin ykn kasaaraa malee yookiin
,haqamiinsa kasaaraa waliin ykn kasaaraa malee gaafachuu ni danda'a.
↪ dirqamaan akka raawwatamu gaafachuu:-
✔Falli kun humna seeraatiin bu'uura waliigalteetiin akka raawwatamu gaafachuu ilaallata.Waĺiigaltichi fedhiin osoo raawwatamee ture gareen kun iddoo inni silaa jiru irra kan geessuudha.
✔Kanaaf,raawwiin dirqamaa kan ajajamu abbaa maallaqaatiif faayidaa addaa kan kennuu fi bilisummaa abbaa idaa kan hin tuqne yoo ta'eedha,shh keewwata 1776.
✔Filannoo kanatti namni fayyadamuu dadhabe fakkeenyaaf qabeenyi waliigalteef bu'uura ta'e kan Magaalaa irraa yookiin gabaa irraa yoo bade,waliigaltichi haqamee iddoo sanaa beenyaan akka kanfalamuuf gaafachuu ni danda'a,shh keewwata 1777,1779-1783.
👉 Ijibbaataa Federaalaa:
1.Jildii 19ffaa L.G.98348,
2.Jildii 24ffaa L.G.161153,
3.Lakk.Galmee 15551,29369,
4.Jildii 18ffaa L.G.102778,
5.Lakk.Galmee 141606,131151,128650,
6.Jildii 21ffaa L.G.114398,
7.Jildii 8ffaa L.G.34940,
8.Jildii 12ffaa L.G.48012 ilaaluun ni danda'ama.
Galatoomaa!
👇

11/04/2022

Address

Robe
JIBRILABDU

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when 11 Gc On 2011, madda walabu university school of law posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share