21/09/2023
WAAQAYYOON GURRAACHI OROMOO HIN UUMNE
Waaqayyoo jechuun isa nama hin uumin, isa waan inni hin uumin argee rifate. Waaqayyoo jechuun waan hunda kan hin beeyne, waan inni hin uumin dachii inni uume keeysaa ka qabu, ka garagalee mil’atu malee waan isa duubaa hojjatamu hin agarreedha.
Akka doctoorri waaqeeyfataa Gammachuu magarsaa ja’utti.
Nuti muslimoonni Allaah waan hunda uume, waa hunda beekhu, waan inni hin uumin takkalleen duniyaa inni uume keeysa kan hin jirre, ilmaan namaa fii waan ilmaan namaa caalaa gurguddaa tahan hunda ka uume, ka jiraachisu, ka ajjeesu, ka kaasu jechuu amanna. Eega akkana tahe Allaah kophaa gabbaramuu haqa godhata jennee isa qofaaf ibaadaa goona. Isa qofa kadhanna waan hunda inni ka dandahu waan taheef.
Akka amantii Waaqeeyfataa Oromoottu garuu waaqayyoon gurraachi ilma namaallee uumuu hin dandeenye. Ilmi namaa ofiif if uume. Kana ka jedhu anaa miti, alaabaa doofummaa ka tahe doctor gammachuudha.
Eega ilmi namaa ofiif of uume waaqayyootti maaliif haajama? Maaliif waaqeeyfataa tahuun isa barbaachise? Waaqayyoonuu isa hin uumne! Ifiif of uume! Maaliif ofii isaaf waaqa isaa tahee hin jiraanne waaqeeyfataan oromoo?!
Alaabaa doofummaa fannifatee ka deemu, ka muslimoonni qalbiin isaanii dhukkubsattuu gariin hayyuu ja’aniin doctor ja’anii akka waan hedduu beekkumsa qabuu kan faarsan isa kana.
Rabbiin ol tahe akkana ja’a:
﴿وَلَقَد ذَرَأنا لِجَهَنَّمَ كَثيرًا مِنَ الجِنِّ وَالإِنسِ لَهُم قُلوبٌ لا يَفقَهونَ بِها وَلَهُم أَعيُنٌ لا يُبصِرونَ بِها وَلَهُم آذانٌ لا يَسمَعونَ بِها أُولئِكَ كَالأَنعامِ بَل هُم أَضَلُّ أُولئِكَ هُمُ الغافِلونَ﴾ [Al-A‘rāf: 179]
“Dhugumatti ibidda jahannamiif jinnii fii ilmaan namaatirraa hedduu uumnee jirra, isaan beeyladarra hammaatuu isaanirraa kan ka’e qalbii ni qaban garuu haqa ittiin hin hubatan, ija ni qaban garuu haqa itti hin argan, gurra qaban garuu haqa itti hin dhagayan. Ummanni suni akkuma beeyladaati, inumaa isaan beeyladaa caalaa jallattoodha, haqa didoodha. Isaan haqarraa didoo fii gargaloodha”