10/08/2022
Alhamdu lillaah. Naannoo Sidaamaatti namoonni 250 shahaadaa qabatan
~~~~~
Naannoo Sidaamaa aanaa Bansaa ganda Hulluuqaa bakka addaa Ejeersa jedhamutti Dilbata kaleessaa konfiransiin da'awaa qopheessummaa 'Es Em Em promotion'n kan gaggeeffame yoo ta'u dhiirri 215 fi dubarri 35 konfiransii kana irratti gara islaamummaa deebi'aniiru.
Haaluma walfakkaatuun Jimmaata darbe naannichuma aanaa Cab Gaanbaltuu ganda Quluxuwaacoo keessatti namoonni 301 gara islaamummaa deebi'uun isaanii kan yaadatamuudha.
Ji'a lamaan kana keessa qof naannoo Sidaamaatti namoonni 1609 gara islaamummaa deebi'aniiru.
Amar Temam