Gizawu girma

Gizawu girma Oromia state universty

03/07/2023

fi

Halkan baay'ee qorru tokko namichi biliyeenarri tokko utuu galuu naannoo manasaatti jaarsa iyyeessa tokko arge. "Qorra kanaan uffata akkasiidhaan taa'uu mitiitii utuuma waan furdaa uffattee jirta ta'eellee akkamitti dandeessee teessa? sitti in qorruu?" Jedhee gaafatee jaarsi iyyeessi sunis deebisee "Uffata qorraa hin qabu, garuu qorrichatti bareera" jedhee debiseef. Namichi biliyeenarri sunis deebisee "qoy mana koo keessaan uffata qorraa siif fida na eegi" jedhee gara manasaatti sokke.

Jaarsi iyyeessi sunis baayyee gammadee, "ishi sin eega" ittiin jedhe. Soressichis mana isaa gahe. Garuu hojii'tti biizii tahee waahee namicha iyyeessa sanaa tasuma dagate. Ganama isaa akka tasaa waa'e namicha sanaa yaadatee nahee dafee namicha iyyeessa sana barbaaduufmana isaa keessaa ba'e. garuu gaafa dhaqu jaarsa iyyeessa sana qorri ajjeeseera.

Jaarsi sun utu in du'in dura xalayaa akkas jedhu barreesseefii ture..."Amma arraatti utuun uffata qorraa in qabaatin sammuun ittiin qorra kana dandamadhu qaban ture. Garuu at yeroo waadaa naaf seentetti abdiidhaan si eeguu irraa kan kahe jabinan ittiin qorra kana dandamadhun dhabe" kan jedhu ture!

:
Waan raawwachuu in dandeenye tokko waadaa namaaf in galin.waadaa kee kabaji.yeroos itti hin kennin. Waanti ati miira keessa galtee akka salphaatti dubbattu tokko nama sanaaf jireenya tahuu dandaha waan taheef. Harri bor miti in darbaa

15/06/2023

๐ƒ๐ฎ๐›๐›๐ข๐ข๐ฅ๐ž๐ž ๐ƒ๐š๐๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ช๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐š๐š
Motivational
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžŠ. Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mulโ€™achuu hin dandaโ€™u. (Konfiishiyees)

โž‹. Sodaa kee of keessa dhokfadhu! Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mariโ€™adhu! (Robert Luis Stevens)

โžŒ. Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba! (Andire Morwa)

โž. Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala! (Laawoo 8ffaa)

โžŽ. Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa. Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.
(Kanan Frederik Furar)

โž. Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan utuu hin taane, yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama. (Oliver Gold Smiz)

โž. Irra deddeebiโ€™anii yaaluun salphina miti. Carraa gaarii taโ€™uu isaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)

โž‘. Wanti nama beekamaa si taasisu wanta taโ€™uu barbaaddu taatee argamuudha. (Sokirates)

โž’. Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan taโ€™eef yeroo hundumaa banaa taasisi! (George Barnaad show)

โž“. Namoonni dhukkubaan hin duโ€™an, dhiphina keessa isaaniitiin maleeโ€ฆ (Wiiliyaam Muuldan)

Dubbisaa Irraa baradhaa share gochuu hin dagatiin.

YESUUS NI DHUFA

05/04/2023


1. Tokkoo tokkoon keenya idaโ€™ama yaadota keenyaati.
2. Dubbatanis dhiisanis namoonni bakka amma jiran kan jiraatan bakka sana jiraachuu waan filataniif.
3. Addunyaan kee sammuu keetti akkamitti fayyadamaa akka jirtuu fi akka fayyadamte ibsa.
4. Namoota isaan kaanitti yeroo murteessitu, namoota sana otoo hin taane ofii kee of ibsita.
5. Icciitiin guddaan addunyaa kana irra jiru waanuma yaaddu taโ€™uu keeti.
6. Ilaalchi nuti jireenyaaf qabnu ilaalcha jireenyi nuuf qabu murteessa.
7. Jireenya kee keessatti garaa garummaa kan uumu wanta jireenya kee irratti taโ€™u yookaan waan si mudatu miti. Tokkoo tokkoo haalota si mudataniif deebii akkamii akka kennitutu buโ€™aa isaa murteessa.
8. Bakka miidhamni jiru hunda carraan dhokatee jira; bakka carraan jiru hundas miidhamni dhokatee jira. Lamaanuu adda baโ€™uu hin dandaโ€™an.
9. Yeroon itti fiixaan baafattu waan dheerateef abjuu kee irraa abdii hin kutiin. Yeroon dhufuun isaa hin hafuu.
10. Namoonni galma qaban ni milkaaโ€™u sababni isaas eessa deemaa akka jiran beeku.
11. Milkaaโ€™inni buโ€™aa maallaqa horachuu miti; maallaqa horachuun garuu buโ€™aa milkaaโ€™inaatiโ€ฆmilkaaโ€™inni tajaajila keenyaan wal qabata.
12. Namoonni milkaaโ€™inaa amala wantota namoonni kufan hojjechuu hin jaallanne hojjechuu qabu. Waan isaan hin gammachiisne hojjetanii dhuma irra buโ€™aa isaatti gammadu.
13. Milkaaโ€™inni kee yeroo hundaa qulqullinaa fi hamma tajaajila keen safarama.
14. Namni hin dubbisne nama dubbisuu hin dandeenye irra hin fooyyaโ€™u.
15. Milkaaโ€™inaaf nama fakkeenya godhattu yoo dhabde, waan namoonni hunduu hojjetaa jiran ilaalii faallaa isaa hojjedhu.
Himoonni ogummaan guutaman kun kan Earl Nightingale yeroo addaatti dubbatee fi barreesse keessaa fudhataman. Lafa hin buutu, lafee irra buuti jedheen isiniif qooda. Isinis hiriyyoota keessaniif qoodaa.

05/04/2023

QABXIILEE IJOO 25 HAADHOLII ULFAATIIF:
*********************************************
I. Haati ulfaa takka guyyaa jalqabaa xuriin laguu isii kan dhumaa (ulfaayuun dura jiru) dhufe san galmeeffate qabachuu qabdi. Inni kun hordoffii yeroo ulfaa isiif godhamu irratti faayidaa garagaraa heddu qaba waan ta'eef.
---
II. Haati ulfaa tumuu Hordoffii Ulfaa qabaachuu qabdi. Haati ulfaa rakkoo fayyaa biraa hin qabne takka Hordoffii Ulfaa dhaabbilee fayyaatti si'a (marsaa) saddeetiin isiif godhama; kan jalqabaa ji'a sadi dura yeroo tokko, kan lammataa ji'a shanaaffaa irratti, kan sadaffaa ji'a jahaaf wolakkaa irratti, kan arfaffaa fi shanaffaa ammoo turtii ji'a tokko tokkootiin ji'a torbaaf wolakkaa fi ji'a saddeetiif wolakkaa irratti, Hordoffiin Ulfaa jahaffaa, torbaffaafi saddeetaffaan ammoo ji'a saddeetiif wolakkaa booda torbaan lama lamaan hanga deettutti kan godhamu ta'a jechuudha. Hordoffii kanniin irratti qorannoon, talaalliinii fi qorichii haadha takkaaf kennamu waan jiruuf yeroo isaa egaanii hordofuun daran barbaachisaadha.
---
III. Haati ulfaa takka araada garagaraa irraa fagaachuu qabdi. Dhugaatilee Alkoolii fi sigaaraa, shiishaa, wontoota aarsaman kan biroos gonkumaa fayyadamuu hin qabdu. Nama isii cinaatti aarsu irraas fagaachuu qabdi. Caatiis/jimaas qama'uu hin qabdu. Bunas yoo baay'ate guyyatti sinii bunaa sadi caalaa dhuguu hin qabdu.
---
IV. Haati ulfaa takka nyaata gahaaf madaalamaa gartuulee nyaataa garagaraa irraa (fuduraaf kuduraa, midhaan, foon, aananiifi bu'aalee aananii, killee, qurxummii fi kkf) otoo argachuu dandeettee fayyaa isiifii daa'ima gadaamessa keessa jiruuf hedduu gaariidha. Kan dura guyyatti nyaattuu irraa yeroo tokko itti dabaluun nyaachuu qabdis. Fkn guyyatti yeroo sadi kan nyaattu yoo ta'e guyyatti si'a afur nyaachuu qabdi jechu.
---
V. Haati ulfaa takka sochii qaamaa gochuu qabdi. Fkn guyyatti daqiiqaa soddomaaf deemsa lafoo (miilaa) gochuu ni dandeessi. Garuu Ispoortii dadhabsiisoofi ulfaataa ta'an hojjachuu hin qabdu. Yeroo ispoortii ho

17/01/2023

๐Ÿ‘‰๐†๐€๐“๐ˆ๐ˆ๐ ๐Š๐„๐„โ€ฆโ—โ—โ—

๐Ÿญ. ๐—”๐—บ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ:- Amanamuu Baattus Amantii Qabaadhu. Jireenyi Ilma Namaa Amantiin Bareeda Waan Taโ€™eef.

๐Ÿฎ. ๐—”๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ:- Sababni Kabajamuu Fi Xiqqaachuu Keetii tokko Arrabuma Keeti. Haasaa Fokkataadhaan Gatii Kee Gadi Hin Buusin.

๐Ÿฏ. ๐—š๐—ผ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ:- Gochi Kee Buโ€™aa Yaada Sammuu Keetiiti. Waan Gaarii Hojjachuun Gatii Rabbiin Siif Kenne Ofirra Tursiisi. Namni Kamiyyuu Gocha Hamaan Dura Gaariidha.

๐Ÿฐ. ๐—•๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ข๐—ผ๐—น๐˜๐˜‚:- Gaafa Balfaa Fi Xurii Irra Deemuu Jalqabde, Nama Tiisisa Siin Jedhutti Hin Aarin.

๐Ÿฑ. ๐—ก๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ข๐—ผ๐—น๐˜๐˜‚:- Nama Namooma Hin Qabne Wajjiin Oolaa Nama Taโ€™uuf Hin Ifaajin. Namni Ibidda Bira Oolee Qaanqee Jalaa Nagaha Bahe Hin Jiru.

๐Ÿฒ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ:- Yeroon Jiraa Ajjeesee Duโ€™aa Jiraachisa. Jiraa Yeroon Fayyadamu Malee Janaaza Yeroon Itti Fayyadamu Hin Taโ€™in.

๐Ÿณ. ๐—™๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ:- Gaafa Fayyaa Qabduu Fi Lubbuun Jirtu Waan Gatii Siif Qabu Dalagi.
๐Ÿ‘‰๐†๐€๐“๐ˆ๐ˆ๐ ๐Š๐„๐„โ€ฆโ—โ—โ—

๐Ÿญ. ๐—”๐—บ๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ:- Amanamuu Baattus Amantii Qabaadhu. Jireenyi Ilma Namaa Amantiin Bareeda Waan Taโ€™eef.

๐Ÿฎ. ๐—”๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ:- Sababni Kabajamuu Fi Xiqqaachuu Keetii tokko Arrabuma Keeti. Haasaa Fokkataadhaan Gatii Kee Gadi Hin Buusin.

๐Ÿฏ. ๐—š๐—ผ๐—ฐ๐—ต๐—ฎ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐—ถ:- Gochi Kee Buโ€™aa Yaada Sammuu Keetiiti. Waan Gaarii Hojjachuun Gatii Rabbiin Siif Kenne Ofirra Tursiisi. Namni Kamiyyuu Gocha Hamaan Dura Gaariidha.

๐Ÿฐ. ๐—•๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ข๐—ผ๐—น๐˜๐˜‚:- Gaafa Balfaa Fi Xurii Irra Deemuu Jalqabde, Nama Tiisisa Siin Jedhutti Hin Aarin.

๐Ÿฑ. ๐—ก๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ข๐—ผ๐—น๐˜๐˜‚:- Nama Namooma Hin Qabne Wajjiin Oolaa Nama Taโ€™uuf Hin Ifaajin. Namni Ibidda Bira Oolee Qaanqee Jalaa Nagaha Bahe Hin Jiru.

๐Ÿฒ. ๐—ฌ๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ:- Yeroon Jiraa Ajjeesee Duโ€™aa Jiraach
โ€œ๐—š๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ก๐—ฎ๐—บ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฅ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฏ๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ณ ๐—ž๐—ฒ๐—ป๐—ป๐—ฒ ๐——๐—ต๐—ถ๐—ถ๐—ณ๐˜๐—ฒ๐—ฒ, ๐—š๐—ฎ๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ก๐—ฎ๐—บ๐—ป๐—ถ ๐—ฆ๐—ถ๐—ถ๐—ณ ๐—ž๐—ฒ๐—ป๐—ป๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐—ณ ๐—›๐—ถ๐—ป ๐—–๐—ถ๐—ป๐—พ๐—ฎ๐—บ๐—ถ๐—ป.โ€
๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ
๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—๐Ÿ’—
โ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธโ˜‘๏ธ

27/12/2022


Warra jaalatamummaa fi namoota biroo biratti simatamuuf jecha dhugaa wangeelaa sharafan, warra dhaabbii hin qabneef fi dhugaa wajjin dandamatanii dhaabbachuu hin dandeenye mana Waaqayyoo [keessattuu Dirree tajaajilaa keessatti] arguun waan haaraa miti.
Obboloonni armaan gadii kun warra Mana Waaqayyoo keessaa taaโ€™anii Buqqee fi Qullubbii Gibxii faarsaa oolu dha. Akkas jaalatu taanaan maaliif achii baโ€™anii? Maaliifis haratanii achi hin deebiโ€™anii? Asii faaluuf kaa โš ๏ธPhaawuloos warra Galaatiyaatiin akkas jedhe.๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธGal.3:3 โ€œAttam akkas wallaalota taatu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii, amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduu ree?โ€.
๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•
โœ๏ธNamoonni Baayโ€™ee Harโ€™a akkas taโ€™aa waan jiran fakkaata. Jalqabuma gaarii jalqabanii gidduu gaโ€™anii yaada mataa isaaniif yaada namootaan liqimfamaa adeemu. Namoota gammachiisuutti deebiโ€™u.
โœ๏ธYesuus โ€œnamoota hin sodaatiinaaโ€ jedhe. Luq.12: 4 Itti fufees, โ€œYaa firoota ko, ani isinittan hima, isin ajjeesanii isa booddee isa irra kan hammaatu waan godhan warra hin qabne hin sodaatinaa. 5 Sodaachuun kan isiniif ta'u isinittan mul'isa; erga ajjeesee booddee adaba bara baraatiif qililleetti darbachuudhaaf aboo isa qabu sodaadhaa; eyyee, isinittan hima isa sodaadhaa!
๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•
โœ๏ธFakk.29: 25 โ€œNama sodaachuun kiyyootti nama galchaโ€ in jedha. Namni namoota sodaatu, namni amantii hin qabnes Waaqayyoon gammachiisuu hin dandโ€™u.
๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•๐Ÿ“•
Phaawuloos akkas jedhe ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธHoE.24:16 โ€œKanaanis guyyaa hundumaa Waaqayyoo fi nama duratti, garaa qulqullaa'aadhaan argamuudhaaf, ani ofii kootii nan dhama'aโ€ jedhe.
Namoonni yeroo mirqaana foonii keessa galan isa kan Waaqayyoo kana dagachuu barbaadu.

โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธGuddinni namoota baayโ€™ee qubee โ€œNโ€ fakkaata. Nama duratti ol guddatu, Waaqayyo duratti gadi guddatu.
โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ Mootichi Belshaazaar gurguddoota biyyaa duratti nama guddaa fi sodaamataa ture. Waaqayyo duratti garuu nama miijana hankaake, nama hanquu ture. Dan.24:25 Caaffa

02/11/2022

๐Ÿ‡ฟ๐Ÿ‡ฆ Gamtaan Afrikaa waan mariin irra gahe ummataaf beeksisuufi

Bakka Buโ€™aa Olaanaan Dura Taaโ€™aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Olusegun Obasaanjoo waan mariin irra gahe harโ€™a waaree booda miidiyaaleef ibsa akka kennan Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa beeksiseera.

Mariin waraana xumura itti tolchuu mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay gidduu Afrikaa Kibbaatti erga eegalee torban tokko taโ€™eera.

Pirezidantiin duraanii Naayijeriyaa aangawoota sadii jaarsummaan qooda fudhataa jiran keessaati. Mariin kuni Gamtaa Afrikaan gaggeeffama. Ameerikaa, UN fi IGAD immoo taajjabdoota.

02/11/2022

Finfinneen ijaarsa invastimantii Wiirtuu Daataan addunyaarraa sadarkaa 2ffaa qabachuu qorannoon ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 Magaalaan Finfinnee damee ijaarsa invastimantii Wiirtuu Daataan Beejiingitti aanuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaa qabachuu qorannoon ifoomse
โ€œFDI Intalajansiโ€ qorannoo yeroo dhiyootti gaggeesseen, magaalota ijaarsa Wiirtuu Daataan invastimantii harkisuun filatamoo taโ€™an ifoomsera.

Qorannochi bara warra faranjootaa 2003-2022tti magaalota ijaarsa Wiirtuu Daataa harkisuun filatamoo taโ€™an 100 ifoomsuu eerameera.

Ijaarsa Wiirtuu Daataa ammayyaafi qulqullina qabu, buโ€™uuraalee misoomaa gahaa taโ€™an diriirsuu, bakka ijaarsaa gahaa taโ€™e qopheessuu ulaagaaleen jedhan qorannichaan hammatamuu ibsameera.

Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee magaalota Landan, Shaangaay, Tookiyoo, Istaanbuliifi Seeโ€™uliin dursiin Beejiingitti aantee sadarkaa 2ffaa qabachuu eerameera.

02/11/2022

Ameerikaan yeroo dhiyootti meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa Yuukreeniif ni ergiti-Peentaago, Onkololeessa 23, 2015 Ameerikaan yeroo dhiyootti marsaa jalqabaaf meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa 2 gara Yuukreenitti kan ergitu taโ€™uu ibsite.

Haleellaa xiyyaara nam-maleeyyiifi miisaaโ€™elaa Raashiyaan Yuukreen irratti raawwattu qolachuuf Waajjirri Ittisaa Ameerikaa meeshaalee farra haleellaa humna qilleensarraa Yuukireeniif kennuuf waadaa galuu ibsameera.

Amerikaan meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa fageenya dhiyoofi giddugaleessaa 8 Yuukreeniif erguuf murteessuu dubbii himaan Mana Maree Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbiin ibsaniiru.

Meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa Ameerikaan Yuukreeniif kennuuf waadaa seente kanneen keessaa 2 yeroo dhiyootti Yuukreen kan qaqqabu taโ€™uu RTn gabaaseera.

Address

Line
Sebeta
0924

Telephone

+251924897486

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gizawu girma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Gizawu girma:

Share